< Hisqiʼeel 18 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
HIKI hou mai la ka olelo a Iehova ia'u, i mai la,
2 “Isin yeroo, “‘Abbootiin ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan, ilkaan ijoollee hadoode’ jettanii waaʼee biyya Israaʼel mammaaktan, maal jechuu keessan?
O ke aha ka oukou mea e olelo ai i keia olelo nane no ka aina o ka Iseraela, i ka i ana, Ua ai na makuakane i na huawaina awaawa, a ua hooiia na niho o na kamalii?
3 “Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; isin siʼachi mammaaksa kana Israaʼel keessatti hin mammaaktan.
Ma ko'u ola ana, wahi a Iehova ka Haku, aohe a oukou mea e olelo hou ai i keia olelo nane iloko o ka Iseraela.
4 Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.
Aia hoi, no'u na uhane a pau: me ka uhane o ka makuakane, pela hoi ka uhane o ke keiki, no'u ia; o ka uhane lawehala, oia ke make.
5 “Mee nama qajeelaa murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjetu tokkotu jira haa jennu.
Aka, ina he pono ke kanaka, a hana hoi ia i ka mea ku i ke kanawai a me ka maikai,
6 Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu yookaan waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin abdatu. Inni niitii ollaa isaa hin xureessu yookaan dubartii xurii qabdu wajjin hin ciisu.
Aole hoi i ai maluna o na mauna, aole hoi i leha ae kona mau maka i na kii o ka ohana a Iseraela, aole hoi i hoohaumia i ka wahine a kona hoalauna, aole hoi i hookokoke aku i ka wahine heekoko,
7 Inni nama tokko illee hin cunqursu; garuu waan qabsiisaan liqeeffate ni deebisa. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii isaa nama beelaʼeef kenna; uffata isaas nama qullaa deemutti uffisa.
Aole hoi i hooluhihewa i kekahi; a ua hoihoi i ka mea aie i kana i waiho ai ia ia, aole hoi i kaili i ka kekahi ma ka lalau wale; ua haawi hoi i kana berena i ka mea pololi; a ua hoouhi me ke kapa komo i ka mea kapa ole;
8 Inni hiiqiidhaan namaaf hin liqeessu yookaan dhala nama irraa hin fudhatu. Inni waan hamaa hojjechuu irraa of qusata; nama tokkoo fi nama kaan gidduuttis murtii qajeelaa kenna.
Ka mea aole i haawi aku e uku kualaia mai, aole hoi i lawe i ke kuala; ua hoihoi mai i kona lima mai ka hewa mai, a ua hooponoponoia'ku iwaena o kekahi me kekahi kanaka,
9 Inni qajeelfama koo duukaa buʼee seera koos amanamummaadhaan eega. Namni akkasii qajeelaa dha; inni dhugumaan ni jiraata, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Ua hele hoi ma ko'u mau kanawai, a ua malama i ka'u mau kauoha, e hana pololei; he pono ia, e ola io ia, wahi a Iehova ka Haku.
10 “Mee inni ilma jeequmsa kaasu kan dhiiga namaa dhangalaasu yookaan wantoota kanneen fafakkaatan kan biraa hojjetu qaba haa jennu;
A ina loaa ia ia ke keiki lalau hewa, he mea hookahe koko, a hana hoi i ka mea like me keia,
11 abbaan wantoota kanneen keessaa tokko illee gochuu baatu iyyuu, “Ilmi immoo tulluu waaqeffannaa irratti nyaata. Niitii ollaa isaa xureessa.
Aole hoi i hana ma kela mau mea, aka, ua ai maluna o na mauna, a ua hoohaumia i ka wahine a kona hoalauna,
12 Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursa. Nama saama. Waan qabsiisaan qabate hin deebisu. Gara waaqota tolfamoo ilaala. Wantoota jibbisiisoo hojjeta.
Ua hooluhihewa i ka mea haahaa a me ka nele, ua kaili i ka hai ma ka lalau wale, aole hoi i hoihoi aku i ka uku panai i haawiia mai, ua leha ae kona mau maka i na akua kii, ua hana hoi i ka mea inainaia;
13 Inni hiiqiidhaan liqeessee dhala fudhata. Namni akkasii lubbuun ni jiraataa? Hin jiraatu! Inni sababii wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjeteef dhugumaan ni ajjeefama; dhiigni isaas matuma isaatti deebiʼa.
Ua haawi aku e uku kualaia mai, ua lawe hoi i ka uku panee; alaila e ola anei ia? Aole ia e ola; ua hana oia i keia mau mea inainaia a pau. E make io no ia, a maluna ona kona koko iho.
14 “Ilmi kun garuu yoo ilma dhalchee, ilmi sun immoo cubbuu abbaan isaa hojjete hunda utuma arguu sodaatee hojjechuu dhiisa haa jennu:
Eia hoi, ina loaa ia ia ke keiki i ike i na hewa a pau a kona makuakane i hana'i, a ua hoomanao, aole hoi i hana like me ia,
15 “Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu yookaan gara waaqota tolfamoo mana Israaʼel hin ilaalu. Niitii ollaa isaas hin xureessu.
Aole i ai maluna o na mauna, aole i leha'e kona mau maka i na kii o ka ohana a Iseraela, aole hoi i hoohaumia i ka wahine a kona hoalauna,
16 Nama tokko illee hin cunqursu yookaan liqii liqeessuuf qabsiisa hin gaafatu. Inni nama hin saamu; garuu nyaata ofii nama beelaʼeef kenna; nama daares daara baasa.
Aole hoi i hooluhihewa i kekahi, aole hoi i lawe i ka uku panai, aole hoi i kaili ma ka lalau wale, aka, ua haawi i kana berena i ka mea pololi, a na hoouhi me ke kapa komo i ka mea kapa ole,
17 Harka isaa hiyyeeyyii miidhuu irraa eeggata; hiiqii yookaan dhala hin fudhatu. Inni seera koo ni eega; ajajawwan koo duukaas ni buʼa. Inni sababii cubbuu abbaa isaatiif hin duʼu; inni dhugumaan ni jiraata.
Ua hoihoi mai i kona lima mai luna mai o ka mea ilihune, aole i lawe i ke kuala, a me ka uku panee; ua hana nae ma kuu kauoha, ua hele hoi ma ko'u mau kanawai; aole ia e make no ka hewa o kona makuakane; e ola io no ia.
18 Abbaan isaa garuu waan nama gowwoomseef, waan obboleessa isaa saamee uummata isaa gidduutti daba hojjeteef cubbuudhuma ofii isaatiin duʼa.
A o kona makuakane, no ka mea, ua hooluhihewa aloha ole ia, ua kaili i ka kona hoahanau ma ka lalau wale, a o ka mea pono ole kana i hana'i iwaena o kona poe kanaka, aia hoi, oia ke make iloko o koua hewa.
19 “Isin garuu, ‘Ilmi maaliif cubbuu abbaa isaatiin hin adabamne?’ jettanii gaafattu. Ilmi sun waan qajeelaa fi sirrii hojjetee ajajawwan koo hundas of eeggannoodhaan eegeef inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata.
Aka, ke olelo nei oukou, No ke aha la e hoopai ole ia'i ke keiki no ka hewa o kona makuakane? Aia hana ke keiki i ka mea pono, a i malama hoi i ko'u mau kanawai a pau, a hana hoi ia lakou, e ola io no ia.
20 Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa.
O ka uhane lawehala, oia ke make. Aole e hali ke keiki i ka hewa o ka makuakane, aole hoi e hali ka makuakane i ka hewa o ke keiki: o ka pono o ka mea pono, maluna iho ona no ia; a o ka hewa a ka mea hewa, maluna no ona hoi ia.
21 “Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.
Aka, ina e huli mai ka mea hewa mai na hewa a pau ana i hana'i, a e malama i ko'u mau kanawai a pau, a e hana hoi i ka mea ku i ke kanawai a me ka maikai, e ola io no ia, aole ia e make.
22 Balleessaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Sababii wantoota qajeelaa hojjeteef inni lubbuudhaan ni jiraata.
O na hewa ana i hana'i, aole ia e oleloia'ku ia ia; iloko o kona pono ana i hana'i e ola no ia.
23 Ani duʼa hamootaatti nan gammadaa? jedha Waaqayyo Gooftaan. Qooda kanaa yoo isaan cubbuu isaanii irraa deebiʼanii lubbuudhaan jiraatan ani hin gammaduu?
He oluolu iki anei ko'u ke make ka lawehala, wahi a Iehova ka Haku; aole hoi e huli mai ia mai kona mau aoao, a ola ia?
24 “Garuu namni qajeelaan tokko yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjetee wantoota jibbisiisoo namichi hamaan sun hojjechaa ture sana hojjete inni lubbuudhaan ni jiraataa? Waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isaaf hin yaadatamu. Inni sababii amanamuu didee cubbuu hojjeteef ni duʼa.
Aka, i ka wa e huli ae ka mea pono mai kona pono ae a hana ma ka hewa, a hana hoi mamuli o na mea inainaia a ka lawehala i hana'i, e ola anei ia? O kona pono a pau ana i hana'i, aole ia e oleloia'ku; iloko o kona hewa ana i hana'i, a iloko o kona lawehala ana i lawehala'i, e make no ia iloko o ia mau mea.
25 “Isin garuu, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
A ke olelo nei oukou, Aole kaulike ka aoao o ka Haku. E hoolohe mai ano, e ka ohana a Iseraela, aole anei ewaewa ole ko'u mau aoao? Aole anei o ko oukou mau aoao ka i ewaewa?
26 Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjete inni cubbuu sanaan ni duʼa. Inni sababii cubbuu hojjete sanaatiif ni duʼa.
Aia huli ae ka mea pono mai kona pono ae, a hana hoi ma ka hewa, a make ilaila, no kona hewa ana i hana'i e make ai ia.
27 Namni hamaan tokko garuu yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete inni lubbuu isaa ni oolfata.
A ina i huli ka mea hewa mai kona hewa ana i hana'i, a hana hoi ia i ka mea ku i ke kanawai a me ka maikai, e hoola oia i kona uhane.
28 Inni sababii yakka hojjete hunda hubatee irraa deebiʼeef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; hin duʼus.
No ka mea, ua hoomanao oia, a ua huli mai ia mai kona mau hewa a pau ana i hana'i, e ola io ia, aole ia e make.
29 Taʼu illee manni Israaʼel, ‘Karaan Gooftaa qajeelaa miti’ jedha. Yaa mana Israaʼel, karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?
Aka, ke olelo nei ka ohana a ka Iseraela, Ua ewaewa ka aoao o ka Haku. E ka ohana a Iseraela, aole anei i ewaewa ole Wa mau aoao? Aole anei ko oukou mau aoao ka i ewaewa?
30 “Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan.
Nolaila, e hoopai aku au ia oukou, e ka ohana a Iseraela, kela mea keia mea e like me kona aoao, wahi a Iehova ka Haku: e mihi oukou, a e huli mai, mai ko oukou mau hewa a pau, i ole ai e lilo ka hewa i make no oukou.
31 Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu?
E kiola aku mai o oukou aku i ko oukou mau hewa a pau, a oukou i hana hewa ai, a e hana no oukou i naau hou i uhane hou hoi; no ka mea, no ke aha la e make ai oukou, e ka ohana a Iseraela?
32 Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!
No ka mea, aole o'u oluolu i ka make o ka mea i make, wahi a Iehova ka Haku; nolaila, e huli mai oukou, a e ola.

< Hisqiʼeel 18 >