< Hisqiʼeel 17 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
The word of YHWH came to me, saying,
2 “Yaa ilma namaa, hibboo dubbadhuutii mana Israaʼelitti fakkeenya himi.
"Son of man, put forth a riddle, and speak a parable to the house of Israel;
3 Akkanas isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Risaan guddaan qoochoo jabaa, baallee dhedheeraa fi bifa adda addaa qabu tokko gara Libaanoon dhufe. Innis mataa muka birbirsaa fudhatee
and say, 'Thus says YHWH: "A great eagle with great wings and long feathers, full of feathers, which had various colors, came to Lebanon, and took the top of the cedar:
4 lataa fiixee isaa irraa cabsee biyya daldaltootaatti geesse; magaalaa daldaltootaa keessas dhaabe.
he cropped off the topmost of the young twigs of it, and carried it to a land of traffic; he set it in a city of merchants.
5 “‘Innis sanyii biyya keetii keessaa waa fuudhee biyyoo gabbataa keessa kaaʼe. Akka muka qarqara lagaatti biqiluutti bishaan guddaa bira dhaabe;
He took also of the seed of the land, and planted it in a fruitful soil; he placed it beside many waters; he set it as a willow tree.
6 innis biqilee hidda yaafatee muka wayinii dagaage taʼe. Dameewwan isaa gara isaatti deebiʼan; hiddi isaa garuu isuma jalatti hafe. Inni akkasiin muka wayinii taʼee dameewwan baala hedduu qaban baafate.
It grew, and became a spreading vine of low stature, whose branches turned toward him, and its roots were under him: so it became a vine, and brought forth branches, and shot forth sprigs.
7 “‘Ergasiis risaa guddaa kan qoochoo guddaa fi baallee baayʼee qabu kan biraatu ture. Mukti wayinii sunis bishaan akka argatuuf lafa qotiisaa dhaabamee ture sana keessaa gara risaa sanaatti hidda yaafatee dameewwanis balʼifate.
'"There was also another great eagle with great wings and many feathers: and look, this vine bent its roots toward him, and shot forth its branches toward him, from the beds of its plantation, that he might water it.
8 Mukti wayinii sun akka dameewwan baasuuf, akka ija naqatuu fi akka wayinii itti tole taʼuuf biyyoo gaarii qarqara bishaan guddaa jiru keessa dhaabamee ture.’
It was planted in a good soil by many waters, that it might bring forth branches, and that it might bear fruit, that it might be a goodly vine."'
9 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Inni ni guddataa? Inni akka goguuf buqqifamee iji isaa irraa harcaʼa mitii? Lataan isaa hundinuus ni goga. Hidda isaa wajjin isa buqqisuuf irree jabaa yookaan nama hedduu hin barbaachisu.
"Say, 'Thus says YHWH: "Shall it prosper? Shall he not pull up its roots, and cut off its fruit, that it may wither; that all its fresh springing leaves may wither? And not by a strong arm or many people can it be raised from its roots.
10 Inni utuma iddoo tokkoo buqqifamee iddoo biraa dhaabamee iyyuu ni guddataa? Inni yeroo bubbeen baʼa biiftuu itti bubbistutti lafa qotiisaa keessatti biqile sana irratti guutumaan guutuutti coollagee hin goguu?’”
Yes, look, being planted, shall it prosper? Shall it not utterly wither, when the east wind touches it? It shall wither in the beds where it grew."'"
11 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Moreover the word of YHWH came to me, saying,
12 “Mana fincilaa kanaan, ‘Isin hiikkaa wantoota kanneenii hin beektanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhaqee, mootii isheetii fi namoota ishee ulfaatoo fuudhee Baabilonitti deebiʼe.
"Say now to the rebellious house, 'Do you not know what these things mean?' Tell them, 'Look, the king of Babylon came to Jerusalem, and took its king, and its princes, and brought them to him to Babylon:
13 Ergasii immoo maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee kakachiisuudhaan isa wajjin walii galtee uummate. Akkasumas namoota biyya sanaa jajjaboo fuudhee deeme;
and he took of the royal family, and made a covenant with him; he also brought him under an oath, and took away the mighty of the land;
14 kunis akka mootummaan sun gad deebiʼee mataa ol qabachuu dadhabee walii galtee sana qofaan jiraachuu dandaʼuuf.
that the kingdom might be base, that it might not lift itself up, but that by keeping his covenant it might stand.
15 Mootichi garuu fardeenii fi loltoota hedduu argachuuf jedhee ergamoota isaa Gibxitti ergachuudhaan isatti fincile. Inni amma ni milkaaʼaa? Namni waan akkanaa hojjetu ni miliqaa? Inni walii galtee sana cabsee jalaa baʼuu dandaʼaa?
But he rebelled against him in sending his ambassadors into Egypt, that they might give him horses and many people. Shall he prosper? Shall he escape who does such things? Shall he break the covenant, and yet escape?
16 “‘Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; inni Baabilon keessatti biyyuma mooticha teessoo irra isa kaaʼe kan inni kakuu isaa tuffatee walii galtee isaas cabse sanaa keessatti ni duʼa.
"'As I live,' says YHWH, 'surely in the place where the king dwells who made him king, whose oath he despised, and whose covenant he broke, even with him in the midst of Babylon he shall die.
17 Yeroo lubbuu hedduu galaafachuuf tuullaan biyyoo tuulamee daʼannoon ijaaramutti, Faraʼoon loltoota isaa jajjaboo fi tuuta nama baayʼee wajjin waraana keessatti homaa isa hin fayyadu.
Neither shall Pharaoh with his mighty army and great company help him in the war, when they cast up mounds and build forts, to cut off many persons.
18 Inni walii galtee tuffatee kakuu cabse. Sababii walii galteedhaan harka dhaʼee garuu waan kana hunda hojjeteef inni hin baʼu.
For he has despised the oath by breaking the covenant; and look, he had given his hand, and yet has done all these things; he shall not escape.'
19 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani jiraataadhaatii, ani kakuu koo kan inni tuffatee fi walii galtee koo kan inni cabse sana matuma isaatti nan deebisa.
"Therefore thus says YHWH: 'As I live, surely my oath that he has despised, and my covenant that he has broken, I will even bring it on his own head.
20 Ani kiyyoo koo isaaf nan diriirsa; innis kiyyoo kootiin ni qabama. Sababii inni anaaf amanamuu dideef ani Baabilonitti isa geessee achitti isatti nan mura.
I will spread my net on him, and he shall be taken in my snare, and I will bring him to Babylon, and will enter into judgment with him there for his trespass that he has trespassed against me.
21 Loltoonni isaa kanneen baqatan hundinuu goraadeedhaan ajjeefamu; warri hafan immoo bubbeetti bittinneeffamu. Gaafas isin akka ani Waaqayyo dubbadhe ni beektu.
All the choice men among all his troups will fall by the sword, and those who remain shall be scattered toward every wind: and you shall know that I, YHWH, have spoken it.'
22 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani mataan koo mataa birbirsaa irraa damee tokko kutee nan dhaaba; fiixee isaa irraa immoo lataa kichuu cabsee tulluu guddaa ol dheeraa tokko irra nan dhaaba.
"Thus says YHWH: 'I will also take of the lofty top of the cedar, and will set it; I will crop off from the topmost of its young twigs a tender one, and I will plant it on a high and lofty mountain:
23 Anis ol dheerina tulluu Israaʼel irra isa nan dhaaba; inni immoo dameewwan yaafatee, ija naqatee birbirsa guddaa taʼa. Simbirroonni gosa hundaas isa irra jiraatu; isaanis gaaddisa dameewwan isaa jalatti iddoo bultii ni qabaatu.
in the mountain of the height of Israel will I plant it; and it shall bring forth boughs, and bear fruit, and be a goodly cedar: and under it shall dwell all birds of every wing; in the shade of its branches shall they dwell.
24 Mukkeen bosonaa hundinuu akka ani Waaqayyo muka dheeraa gabaabsee muka gabaabaa immoo dheeressu ni beeku. Ani muka jiidhaa gogsee muka gogaa immoo akka inni lalisu nan godha. “‘Ani Waaqayyo dubbadheera; waan kana nan raawwadha.’”
All the trees of the field shall know that I, YHWH, have brought down the high tree, have exalted the low tree, have dried up the green tree, and have made the dry tree to flourish; I, YHWH, have spoken and have done it.'"

< Hisqiʼeel 17 >