< Hisqiʼeel 16 >

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
上主的話傳給我說:「
2 “Yaa ilma namaa, hojii ishee jibbisiisaa sana Yerusaalemitti himi;
人子,你要去使耶路撒冷知道她的一切醜惡!
3 akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan Yerusaalemiin akkana jedha: Sanyii fi dhaloonni kee biyya Kanaʼaanotaa ti; abbaan kee nama Amoor; haati kee immoo nama Heet.
你要宣講說:吾主上主這樣對耶路撒冷說:你的起源和來歷是出自客納罕地,你的父親是阿摩黎人,你的母親是赫特人。
4 Ati gaafa dhalatte hin handhuuramne yookaan akka qulqullooftuuf bishaaniin hin dhiqamne yookaan soogiddaan hin sukkuumamne yookaan huccuudhaan hin maramne.
當你出生時,在你誕生的那一天,沒有人割斷你的臍帶,用水洗淨你,用鹽擦你,用襁褓裹你;
5 Namni tokko iyyuu ija gara laafinaatiin si hin ilaalle yookaan wantoota kanneen siif gochuuf garaa siif hin laafne. Qooda kanaa ati dirreetti gatamte; ati gaafa dhalatte tuffatamtee turteetii.
沒有一個人憐視你,為你做一件上述的事,對你表同情。反之,在你誕生之日,因為你惹人討厭,就把你拋棄在田野間。
6 “‘Anis utuun achiin darbuu siʼii dhiiga kee keessa ciiftee dhidhiitattu sin arge; utuma ati achi dhiiga kee keessa ciiftuu ani, “Jiraadhu!” siinan jedhe.
我從你身旁經過時,見你輾轉在血污中,就向你說:你在血中生活罷!
7 Akkuma biqiltuu dirreettis sin guddise. Atis guddattee jabaattee lula akka malee miidhagu taate. Ati qullaa fi harka duwwaa turte, guntuta baaftee rifeensi kees guddate.
生長有如田野間的花草。你遂漸漸發育長大,到了青春年華,你的乳房碩壯,頭髮蔓長,但還是赤身裸體。
8 “‘Ani yeroon deebiʼee achiin darbutti si ilaaleen akka ati jaalalaaf geesse sin arge; handaara wayyaa kootiis sirra buuseen qullummaa kee haguuge. Siif kakadhees si wajjin waadaa nan gale, jedha Waaqayyo Gooftaan; atis kan koo taate.
我又經過你身旁時,看見了你,見你的時期即懷春期到了,我就向你展開了我的衣襟,遮蓋了你得裸體,也向你發了誓,立了約──吾主上主的斷語──你遂成了我的。
9 “‘Ergasii ani bishaaniin si dhiqee dhiiga sirraa miicee zayitii si dibe.
我用水洗淨了你,滌除了你身上的血污;又用香膏傅抹了你,
10 Ani uffata faayeffame sitti uffisee kophee gogaa irraa hojjetame illee sitti nan kaaʼe. Wayyaa miidhagaa quncee talbaa irraa hojjetame sitti uffisee uffata gatii guddaa immoo sirra buuse.
給你穿上錦繡的衣服,穿上海狗皮鞋,蒙上細麻頭巾,披上綢緞;
11 Ani faayaan si miidhagseera jechuunis irree keetti bitawoo, morma keetti immoo amartii siif godheera;
以後又用珠寶裝飾你,給你腕上帶上鐲子,頸上掛上項鏈,
12 ani funyaan keetti qubeelaa, gurra keetti amartii, mataa keetti immoo gonfoo miidhagaa kaaʼeera.
鼻子上套上環子,耳朵掛上金環,頭上戴上花冠。
13 Atis akkasiin warqee fi meetiidhaan miidhagfamte; uffanni kees quncee talbaatii fi haarriidhaan faayeffamee hojjetamee ture; nyaanni kee daakuu bullaaʼaa, dammaa fi zayitii ejersaa ture. Ati akka malee bareeddee mootittii taʼuuf kaate.
金銀作你的點綴,細麻、綢緞和錦繡作你的衣服;細麵、蜂蜜和油作你的飲食。你實在美麗絕倫,堪登后位。
14 Waaʼee bareedina keetiitiifis maqaan kee saboota gidduu tamsaʼe; surraan ani siif kenne bareedina kee kan hanqina hin qabne godheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
因你的美麗,你的名聲傳遍了萬國;因我用我的飾物點綴了你,你才如此美麗無瑕──吾主上主的斷語。
15 “‘Ati garuu miidhagina kee amanattee maqaa kee sagaagalummaadhaaf itti fayyadamte. Kara deemaa kam iyyuu wajjin sagaagaltee miidhagina kees kenniteef.
然而你仗恃你的美麗,憑著你的名聲去行淫,與任何過客縱情淫亂。
16 Uffata kee keessaas tokko tokko fuutee iddoowwan sagadaa kanneen itti sagaagaltu sana ittiin miidhagsite. Wanni akkasii takkumaa taʼee hin beeku; fuuldurattis hin taʼu.
你還用你的衣服,作為高丘的點綴,為在那裏行淫。
17 Faayawwan miidhagoo ani siif kenne kan warqee fi meetii koo irraa hojjetaman fudhattee korommii waaqota tolfamoo ofii keetiif hojjetattee isaan wajjin sagaagalte.
又用我給你的金銀飾物,製造男人的像,同它們行淫;
18 Uffata kee kan faayeffamee hojjetames isaanitti uffistee, zayitii fi ixaana koos fuula isaanii duratti dhiʼeessite.
又將錦繡衣服,給它們穿上,把我給你的油和香料,供在它們前。
19 Nyaata ani siif kenne jechuunis daakuu bullaaʼaa, zayitii ejersaatii fi damma ani akka ati nyaattuuf siif kenne sana akka ixaana urgaa gaarii qabuutti fuula isaanii duratti dhiʼeessite. Wanni akkasii taʼeera, jedha Waaqayyo Gooftaan.
我給你的食品:細麵、油和蜜,原是為養活你的,你卻拿去供在它們前,作為甘飴的馨香──吾主上主的斷語──
20 “‘Ati ilmaanii fi intallan kee kanneen naaf deesse fuutee akka isaan nyaata waaqota tolfamoo taʼaniif aarsaa gootee dhiʼeessite. Sagaagalummaan kee hin gaʼu turee?
甚至你還祭殺你給我生的子女,作為它們的食品。你這淫行還算小嗎﹖
21 Ati ijoollee koo qaltee waaqota tolfamoof aarsaa goote.
你竟祭殺了我的子女,予以焚化,獻給它們。
22 Ati hojii kee jibbisiisaa fi sagaagalummaa hojjete hundaan baroota ijoollummaa keetii, yeroo qullaa fi miilla duwwaa, yeroo dhiiga kee keessa gangalachaa turte sana hin yaadanne.
你行這些醜惡和淫亂之事時,卻沒有想起你幼年的時期,那時你本來赤身露體,輾轉在血污中。
23 “‘Wayyoo! Siif wayyoo, jedha Waaqayyo Gooftaan. Jalʼina kee kaan hunda irratti immoo,
你除了行這一切邪惡之外──你有禍了,你有禍了,吾主上主的斷語──
24 ofii keetiif waltajjii qopheeffatte; oobdiiwwan uummataa hundatti galma waaqeffannaa ol dheeraa hojjette.
你還為自己建築高台,在各街上建立丘壇。
25 Fiixee daandii hundaatti gaarran sagadaa kee ol dhedheeroo ijaarratte; nama achiin darbu hundaaf dhagna kee dhiʼeessitee sagaagalummaa kee baayʼisuudhaan miidhagina kee busheessite.
又在所有的街頭設立丘壇,去損害你的美麗,把你的腳伸向所有過客,縱情淫亂;
26 Ati warra Gibxi, olloota kee kanneen dhagna guddaa qaban wajjin sagaagaltee sagaagalummaa kee kan hamma hin qabne sanaan dheekkamsaaf na kakaafte.
又與你那身體肥大的鄰居埃及人行淫;你盡情淫蕩,激起我的怒火。
27 Kanaafuu ani harka koo sitti kaasee qooda kee sirraa nan hirʼise; ani intallan Filisxeemotaa warra diinota kee taʼan kanneen amala sagaagalummaa kee saalfatanitti dabarsee si kenneera.
我曾伸手打擊你,削減了你的供應品,把你交給那仇恨你的培肋舍特城邑,她們對你那淫蕩的行為都感到羞恥。
28 Ati sababii dharraa hin baʼiniif warra Asoor wajjinis akkasuma sagaagalte; ati amma illee dharraa hin baane.
因你還不滿足,又與亞述人行淫;與他們行淫之後,仍未獲得滿足,
29 Ergasiis itti fuftee daldaltoota biyya Baabilon wajjin sagaagalte; garuu kanaan iyyuu dharraa hin baane.
又與商業之國的加色丁人縱慾淫亂,但你仍得不到滿足。
30 “‘Ati akka sagaagaltuu hin saalfanne tokkootti waan kana hunda gochuun kee yaada dadhabaa akkamii qabaatteeti! jedha Waaqayyo Gooftaan.
你的心是何等的腐化──吾主上主的斷語──你行的這一切,簡直是無恥娼婦之所為!
31 Ati yeroo fiixee daandii hundaatti waltajjii tolfattee oobdii uummataa hunda irratti iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroo ijaarrattetti, ati sababii gatii hin baasisiniif akka sagaagaltuu tokkoo hin turre.
你在各街頭為你建築高台,在各廣場上建立丘壇,但你並不像娼妓只為獲得淫資,
32 “‘Yaa niitii sagaagaltuu nana! Ati qooda dhirsa keetii kara deemaa filatta!
卻是一個淫婦,雖有丈夫,仍接納外人。
33 Sagaagaltuun kam iyyuu gatii fudhatti; ati garuu michoota kee hundaaf kennaa kennita; akka isaan iddoo kamii iyyuu gara kee dhufanii si wajjin sagaagalaniif jettee mattaʼaa kennitaaf.
對妓女都給以纏頭,但你卻把纏頭給你的情人,吸引他們從各方來與你行淫。
34 Kanaafuu sagaagalummaan kee kan warra kaaniitiin adda; namni kam iyyuu si argachuuf si faana hin buʼu. Ati gatii kennita malee waan gatiin siif hin kennamneef ati kan addaa ti.
關於你,你行淫正與其他婦女相反,沒有人追求你行淫,人不給你淫資,而你卻拿出淫資給人:這就是你與人相反的地方。
35 “‘Kanaafuu yaa sagaagaltuu nana, dubbii Waaqayyoo dhagaʼi!
為此,你這淫婦,聽上主的話罷!
36 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef,
吾主上主這樣說:因為你暴露了你的下身,揭開了你的裸體,同你的情人,同你的醜惡之神行淫,更因為你把子女的血獻給它們;
37 ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu.
為此,看,我要聚集你所戀愛的情人,你所愛的人,和你所恨的人;我由各方把他們聚集來打擊你,我要在他們前揭開你的裸體,使他們看見你整個的裸體。
38 Ani adabbii dubartoota sagaagalaniitii fi dhiiga namaa dhangalaasaniif malu sitti nan murteessa; dheekkamsa koo fi hinaaffaa kootiinis dhiiga kee nan dhangalaasa.
我要照姦婦和流血的女人的案件裁判你,對你發洩憤怒和妒火。
39 Ergasii ani harka michoota keetiitti dabarsee sin kenna; isaanis waltajjii kee ni diigu; iddoowwan sagadaa keetii ol dhedheeroos ni barbadeessu. Isaan wayyaa kee sirraa baasanii faaya kee miidhagaa sana illee sirraa fudhatu; qullaa keetii fi harka duwwaas si hambisu.
我要把你交在他們手中,他們要破壞你的高台,蕩平你的丘壇,剝下你的衣服,奪去你的裝飾,赤身露體地拋棄你。
40 Isaan jeeqxota sitti kakaasu; jarris dhagaadhaan si tuman; goraadeedhaanis si kukkutu.
他們還要召集聯軍來攻打你,用石頭砸死你,用刀劍把你凌遲,
41 Isaan manneen keessan ni gubu; fuula dubartoota hedduu durattis isin adaban. Ani sagaagaltummaa kee sin dhiisisa; siʼachis michoota keetiif gatii hin kaffaltu.
放火燒你的房舍,在眾婦女前裁判你。我要這樣停止你的淫亂,使你再也不能贈送淫資。
42 Yoos dheekkamsi koo sirraa qabbanaaʼa; hinaaffaan koos sirraa ni deebiʼa; ani nan calʼisa; siʼachis hin aaru.
如此,我就平息了我向你發的憤怒,我的妒火也要遠離你,我要寧靜,不再發怒。
43 “‘Sababii ati bara ijoollummaa keetii yaadachuu dhiiftee wantoota kanneen hundaan na aarsiteef, ani dhugumaan waan ati hojjette matuma keetti nan deebisa, jedha Waaqayyo Gooftaan. Ati hojii kee jibbisiisaa kaan hunda irratti wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetamu dabalatteerta mitii?
因為你不追念你幼年的日子,反在這些事上惹我憤怒;看,我要把你的行為報復在你頭上──吾主上主的斷語──使你再不與你所有的醜惡之物行淫。
44 “‘Namni mammaaksa mammaaku kam iyyuu, “Intalli akkuma haadhaa ti” jedhee waaʼee kee mammaaksa kana mammaaka.
凡說格言的必以格言指著你說:有其母,必有其女!
45 Ati intala haadha kee kan dhirsaa fi ijoollee ishee balfite sanaa ti; ati obboleettii obboleettota kee kanneen dhirsoota isaaniitii fi ijoollee isaanii balfan sanaa ti. Haati kee nama Heeti, abbaan kee immoo nama Amoor turan.
你真不愧是你母親的女兒,因為她憎嫌了自己的丈夫和子女;你也不愧是你姊妹們的姊妹,因為她們也憎嫌了自己的丈夫和子女;你們的母親是赫特人,你們的父親是阿摩黎人﹖
46 Obboleettiin kee hangafni Samaariyaa ishee intallan ishee wajjin siin gama kaabaa jiraattu sanaa ti; obboleettiin kee quxisuun Sodoom ishee intallan ishee wajjin siin gama kibbaa jiraattuu ti.
你的姐姐是撒瑪黎雅,她和她所有的女兒住在你的北面;你的妹妹是索多瑪,她和她所有的女兒住在你的南面。
47 Ati karaa isaanii duukaa buutee hojiiwwan isaanii jibbisiisoo sana hojjechuu qofa utuu hin taʼin karaa kee hundumaan daftee isaan caalaa amala badde.
你沒有走她們所走的路,沒有行她們所行的醜事,為時很短;但後來你在你的一切行為上比她們更壞。
48 Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; obboleettiin kee Sodoomii fi intallan ishee iyyuu takkumaa waan atii fi intallan kee hojjettan kana hin hojjenne.
我指著我的生命起誓──吾主上主的斷語──你的妹妹索多瑪和她的女兒沒有行過像你和你的女兒們所行的事。
49 “‘Egaa cubbuun obboleettii kee Sodoom kana ture: Ishee fi intallan ishee of tuultotaa fi quufoo turan; yaada malees jiraatan; isaan hiyyeeyyii fi rakkattoota hin gargaarre.
你的妹妹索多瑪的罪惡是:她和她的女兒生活奢華,飲食豐富,安享太平,卻沒有伸手扶助遭難和貧窮的人,
50 Isaan of tuultota turan; fuula koo duratti waan jibbisiisaa hojjetan. Kanaafuu ani akkuma isin argitan sana isaan nan balleesse.
妄自尊大,在我面前行了醜惡的事;我一看見,就把她們予以消除。
51 Samaariyaan cubbuu ati hojjette sana walakkaa isaa illee hin hojjenne. Ati isaan caalaa waan jibbisiisaa hojjettee waanuma hojjette kana hundaan obboleettota kee qajeeltota fakkeessite.
連撒瑪黎雅也沒有犯過你一半的罪過,你行的敗德之事更甚於她們;由於你行了這樣多的醜惡,使你的姐姐卻顯得比你更正義。
52 Ati waan obboleettota keetiif falmii qopheessiteef qaanii kee baadhadhu. Sababii cubbuun kee cubbuu isaanii caalaa hamaa taʼeef isaan si caalaa qajeeltota fakkaatu. Kanaafuu qaanaʼiitii salphina kee baadhadhu; ati akka obboleettonni kee qajeeltota fakkaatan gooteertaatii.
現今,你應當承受你罪惡的羞辱,因為你好像為了你的姊妹作了擔保人,因為你所犯的罪過比她們犯的更重,使她們顯得比你更正義;現今,你應當害羞,承受羞辱,因為你使你的姊妹顯得更正義。
53 “‘Taʼus ani hambaa Sodoomii fi kan intallan ishee, kan Samaariyaatii fi kan intallan ishee, kan kees kan isaanii wajjin nan deebisa;
我要改變她們的命運:即索多瑪和她女兒們的命運,撒瑪黎雅和她女兒們的命運,同時我也改變你在她們中的命運;
54 kunis akka ati salphina kee baadhattee waan isaan jajjabeessuuf hojjette sana hundaan qaanoftuuf.
為叫你承受你應受的羞辱時,你對自己所行的一切自覺慚愧,可使她們略得寬慰。
55 Obboleettonni kee Sodoomii fi intallan ishee, Samaariyaa fi intallan ishee akkuma duraan turanitti ni deebiʼu; atii fi intallan kees akkuma duraan turtanitti ni deebitu.
那時你的妹妹索多瑪和她的女兒們,要恢復原狀,撒瑪黎雅和她的女兒們也要恢復原狀,同時你和你的女兒也要恢復原狀。
56 Ati bara of tuulaa turte sana keessa obboleettii kee Sodoomiin maqaa iyyuu hin dhoofne;
當你心高氣傲時,你的妹妹索多瑪在你的口中不是有過臭名嗎﹖
57 kunis utuu hamminni kee ifatti hin baʼin ture. Taʼus ati amma intallan Edoomiin, olloota ishee hundaa fi intallan Filisxeemotaa jechuunis warra naannoo kee jiraatan kanneen si tuffatan hundaan ni balfamta.
但這是在暴露你的裸體之前。現今你卻成了厄東的女兒們及其四鄰,並培肋舍特的女兒們辱罵的對象,她們在四周都嘲笑你。
58 Ati gatii wal bira gaʼuu haala hamaadhaan hojjetteetii fi kan hojii kee jibbisiisaa sanaa ni argatta, jedha Waaqayyo.
你應承當你淫蕩和醜行的報應──吾主上主的斷語──
59 “‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati kakuu cabsuudhaan walii galtee koo tuffatteef, ani akkuma siif malutti sin adaba.
吾主上主這樣說:因為你輕視了誓言,破壞了盟約,我要照你所行的對待你;
60 Taʼus ani kakuun yeroo ijoollummaa keetiitti si wajjin gale sana nan yaadadha; kakuu bara baraan hin diigamnes si wajjin nan gala.
然而我還紀念同你在你青年的時日所立的盟約,並且還要同你結一個永久的盟約。
61 Ati gaafas yeroo obboleettota kee hangafaa fi quxisuu simattutti, karaa kee yaadattee ni qaanofta. Ani intallan taasisee isaan siifan kenna; garuu kun akka kakuu ani si wajjin gale sanaa miti.
當你收納比你年長的姐姐和比你年幼的妹妹,我把她們交給你作你的女兒時,你要想起你的行為,自覺羞愧,但這並不是出於與你所立的盟約。
62 Ani si wajjin kakuu nan gala; atis akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta.
我要與你重訂盟約,你要承認我是上主,
63 Yeroo ani waan ati hojjette hunda siif dhiisutti, ati sababii salphina keetiitiif yaadattee ni qaanofta; lammatas afaan hin saaqattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
為的是當我寬恕你所行的一切時,你一回想就慚愧,面對這恥辱再不敢開口──吾主上主的斷語。」

< Hisqiʼeel 16 >