< Hisqiʼeel 15 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Kisha neno la Yahwe likanijia, liksema,
2 “Yaa ilma namaa, mukni wayinii akkamitti damee muka bosona keessa jiru kamii iyyuu caala?
“Mwanadamu, je ni jisni gani mzabibu ulivo bora kuliko mti na matawi yaliyomo kwenye miti katika msitu?
3 Waan faayidaa qabu tolfachuuf muka wayinii sana irraa takkumaa mukni fudhatamee beekaa? Waa isatti fannifachuuf namoonni isa irratti fannoo ni hojjetuu?
Je watu huwa wanachukua mbao kutoka kwenye mzabbibu kufanyia chochote? au huwa wanatengenezea vitu kutokana na huo kuning'iniza chochote juu ya huo?
4 Inni erga akkuma qoraan ibiddatti naqamee ibiddi sun fiixee isaa lamaan gubee gidduu xaphi godhee booddee waan tokkoof iyyuu faayidaa qabaa?
Tazama! Kama umetupwa kwenye moto kama kuni, na kama moto umezichoma ncha zake zote na katikati pia, je unafaa kwa chochote?
5 Inni utuu hin tuqamin faayidaa yoo hin qabaatin, erga ibiddaan gubamee xaphi jedhee immoo hammam faayidaa gad aanaa haa qabaatuu ree?
Tazama! Wakati ulipokuwa umekamilika, haukuweza kufanya chochote; kisha hakika, wakati moto ulipouchoma, lakini bado haukuweza kutengeneza kitu chochote kwa ajili ya matumizi yoyote.
6 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akkuma muka wayinii mukkeen bosonaa gidduu jiru akka inni bobaʼuuf ibiddatti naqe sana, uummata Yerusaalem keessa jiraatu illee akkasuma nan godha.
Kwa hiyo Bwana Yahwe asema hivi: haufanani na miti katika misitu, niliyoitoa mzabibu kama kuni kwa moto; nitatenda vivyo hivyo mbele ya wakaao Yerusalemu.
7 Ani hamminaan fuula koo isaanitti nan deebisa. Isaan ibidda keessaa baʼan iyyuu, ibiddi amma iyyuu isaan ni balleessa. Yeroo ani hamminaan fuula koo isaanitti deebifadhutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Kwa kuwa nitauweka uso wangu juu yao. Ingawa watatoka kutoka kwenye moto, bado moto utawala; hivyo mtajua kwamba mimi ni Yahwe, wakati nitakapoona uso wangu juu yenu.
8 Sababii isaan amanamuu didaniif ani biyyattii nan onsa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
Kisha nitaifanya nchi kuwa ukiwa kwa sababu wamefanya dhambi-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.”

< Hisqiʼeel 15 >