< Hisqiʼeel 15 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
上主的話傳給我說:「
2 “Yaa ilma namaa, mukni wayinii akkamitti damee muka bosona keessa jiru kamii iyyuu caala?
人子,樹林中這棵葡萄樹,到底有什麼超越其他一切樹木之處﹖
3 Waan faayidaa qabu tolfachuuf muka wayinii sana irraa takkumaa mukni fudhatamee beekaa? Waa isatti fannifachuuf namoonni isa irratti fannoo ni hojjetuu?
豈能取它的木材製造用具,或者能取出它一根枝條,在上面懸掛器具﹖
4 Inni erga akkuma qoraan ibiddatti naqamee ibiddi sun fiixee isaa lamaan gubee gidduu xaphi godhee booddee waan tokkoof iyyuu faayidaa qabaa?
只有投入火中焚燒;火焚燒了它的兩端,中間也在焚燒;它還能有什麼用途﹖
5 Inni utuu hin tuqamin faayidaa yoo hin qabaatin, erga ibiddaan gubamee xaphi jedhee immoo hammam faayidaa gad aanaa haa qabaatuu ree?
當它完整時,還不能作什麼用具,何況經火燃燒焚化之後,豈不是更不能製造什麼用具﹖
6 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akkuma muka wayinii mukkeen bosonaa gidduu jiru akka inni bobaʼuuf ibiddatti naqe sana, uummata Yerusaalem keessa jiraatu illee akkasuma nan godha.
為此,吾主上主這樣說:我怎樣把樹林中的葡萄樹投入火中焚燒,也必怎樣對待耶路撒冷的居民。
7 Ani hamminaan fuula koo isaanitti nan deebisa. Isaan ibidda keessaa baʼan iyyuu, ibiddi amma iyyuu isaan ni balleessa. Yeroo ani hamminaan fuula koo isaanitti deebifadhutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
我要翻臉打擊他們:他們雖從火中逃出來,仍要為火焚燒。當我翻臉打擊他們時,他們必承認我是上主。
8 Sababii isaan amanamuu didaniif ani biyyattii nan onsa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
因為他們背信違約,我必使那地方變為荒野──吾主上主的斷語。」

< Hisqiʼeel 15 >