< Hisqiʼeel 14 >
1 Maanguddoota Israaʼelii keessaa tokko tokko na bira dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
Now certain men of the elders of Israel came to me, and sat before me.
2 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
And the word of Jehovah came to me, saying:
3 “Yaa ilma namaa, namoonni kunneen waaqota tolfamoo garaa isaanii keessa dhaabbataniiru; fuula isaanii dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼaniiru. Ani akka isaan na kadhatan eeyyamuufiin qabaa?
Son of man, these men have set up their idols in their heart, and have put the stumbling-block of their iniquity before their face; shall I hear them when they inquire of me?
4 Kanaafuu akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu namni Israaʼelii kam iyyuu garaa isaa keessa Waaqa tolfamaa dhaabbatee dhagaa hamaa nama gufachiisu immoo fuula isaa dura kaaʼatee raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo akkuma baayʼina waaqota isaa tolfamoo sanaatti nan deebisaaf.
Therefore speak with them, and say to them, Thus saith the Lord Jehovah: Every man of the house of Israel that setteth up his idols in his heart, and putteth the stumbling-block of his iniquity before his face, and cometh to the prophet, —I, Jehovah, will answer him according to the multitude of his idols;
5 Ani qalbii saba Israaʼel kanneen waaqota isaanii tolfamoof jedhanii na dhiisan sana hundaa deebisuuf waan kana nan godha.’
that I may lay hold of the house of Israel in their hearts, because they are all estranged from me through their idols.
6 “Kanaafuu mana Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: qalbii jijjiirradhaa! Waaqota keessan tolfamoo irraa deebiʼaa; hojii keessan jibbisiisaa hundas dhiisaa!
Therefore say to the house of Israel, Thus saith the Lord Jehovah: Turn ye, even turn yourselves from your idols, and from all your abominations turn ye your faces!
7 “‘Yommuu namni Israaʼel kam iyyuu yookaan alagaan Israaʼel keessa jiraatu kam iyyuu na dhiisee garaa isaa keessa waaqota tolfamoo dhaabbatee fuula isaa dura immoo dhagaa hamaa nama gufachiisu kaaʼatee waan ani jedhu gaafachuuf raajii bira dhaqutti, ani Waaqayyo mataan koo deebii nan kennaaf.
For every one of the house of Israel, or of the strangers that sojourn in Israel, who separateth himself from me, and setteth up his idols in his heart, and putteth the stumbling-block of his iniquity before his face, and cometh to the prophet to inquire of me through him, —I, Jehovah, will answer him by myself.
8 Ani namicha sana miidhuuf fuula koo isatti garagalfadhee fakkeenya waan kolfaa isa nan godha. Saba koo irraas isa nan kuta. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
And I will set my face against that man, and will make him a sign and a proverb, and will cut him off from the midst of my people; and ye shall know that I am Jehovah.
9 “‘Raajichi yoo raajii dubbachuuf gowwoomfame, ani Waaqayyo raajii sana nan gowwoomsa; harka koos isatti kaafadhee saba koo Israaʼel gidduudhaa isa nan balleessa.
And when the prophet is deceived when he speaketh anything, I, Jehovah, have deceived that prophet; and I will stretch out my hand upon him, and will destroy him from the midst of my people Israel.
10 Isaan yakka isaanii ni baadhatu; raajiin sunis akkuma nama gorsa isa gaafate sanaa yakkamaa taʼa.
And they shall bear the punishment of their iniquity; the punishment of the prophet shall be even as the punishment of him that inquireth of him;
11 Kunis akka sabni Israaʼel siʼachi narraa goree yookaan deebiʼee cubbuu isaa hundaan of hin xureessineef. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
that the house of Israel may no more go astray from me, nor be polluted any more with all their transgressions; but that they may be my people, and I may be their God, saith the Lord Jehovah.
12 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Again the word of Jehovah came to me, saying:
13 “Yaa ilma namaa, yoo biyyi tokko amanamuu diduudhaan cubbuu natti hojjette ani harka koo isheetti kaasee madda nyaata ishee nan gogsa; beelas itti ergee namoota isheetii fi horii ishee jalaa nan fixa;
Son of man, when a land sinneth against me, and grievously transgresseth, and I stretch out my hand against it, and break the staff of its bread, and send famine upon it, and cut off from it man and beast,
14 yoo namoonni sadan kunneen jechuunis Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu, jedha Waaqayyo Gooftaan.
though these three men were in it, Noah, Daniel, and Job, they should deliver only themselves by their righteousness, saith the Lord Jehovah.
15 “Yookaan yoo ani guutummaa biyya sanaatti bineensa ergee bineensi sun immoo biyya sana ijoollee malee hambise, yoo hamma namni tokko iyyuu sababii bineensa sanaatiif achiin darbuu dadhabutti biyyi sun one,
When I cause wild beasts to pass through the land, and they spoil it, and it be desolate so that none passeth through it because of the beasts,
16 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama; biyyi sun garuu ni onti.
though these three men were in it, as I live, saith the Lord Jehovah, they should deliver neither sons nor daughters; they only should be delivered, but the land should be desolate.
17 “Yookaan yoo ani goraadee biyyattiitti fidee, ‘Goraadeen biyyattii keessa haa darbu’ jedhee namaa fi horii ishee fixe,
Or when I bring a sword upon that land, and say, Sword, go through the land so that I cut off from it man and beast,
18 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo namoonni kunneen biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaanuma qofatu oolfama.
though these three men were in it, as I live, saith the Lord Jehovah, they should deliver neither sons nor daughters, but they only should be delivered themselves.
19 “Yookaan yoo ani biyya sanatti dhaʼicha ergee namaa fi horii ishee fixee dhiiga lolaasuudhaan dheekkamsa koo itti roobse,
Or when I send a pestilence upon that land, and pour out my fury upon it in blood, to cut off from it man and beast,
20 ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; yoo Nohi, Daaniʼelii fi Iyyoob biyya sana keessa jiraatani iyyuu isaan ilmaan yookaan intallan ofii isaanii oolfachuu hin dandaʼan. Isaan qajeelummaa isaaniitiin mataa ofii isaanii qofa oolfatu.
though Noah, Daniel, and Job were in it, as I live, saith the Lord Jehovah, they should deliver neither son nor daughter; they should deliver only themselves by their righteousness.
21 “Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Yeroo ani namaa fi horii ishee fixuuf murtiiwwan hadhaaʼaa afran sana jechuunis goraadee fi beela, bineensaa fi dhaʼicha Yerusaalemitti ergutti hammam wanni hamaan haa taʼu ree!
Therefore thus saith the Lord Jehovah: How much more, when I send my four grievous judgments against Jerusalem, the sword, and the famine, and the wild beast, and the pestilence, to cut off from it man and beast?
22 Taʼus ilmaanii fi intallan isaanii kanneen ishee keessaa baafamanii baraaraman muraasni achi ni jiraatu. Isaanis gara keessan ni dhufu; isin immoo yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti sababii ani Yerusaalemitti badiisa fideef jechuunis badiisa ani isheetti fide hundaaf ni jajjabaattu.
Yet behold, therein shall be left a remnant that shall be brought forth, sons and daughters. Behold, they shall come forth to you, and ye shall see their way and their doings, and ye shall be comforted concerning the evil which I have brought upon Jerusalem, even concerning all which I have brought upon her.
23 Isin yeroo amala isaaniitii fi gocha isaanii argitanitti akka ani sababii malee homaa ishee keessatti hin godhin waan beektaniif ni jajjabaattu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
They shall comfort you, when ye see their ways and their doings; and ye shall know that not without cause I have done all that I have done to her, saith the Lord Jehovah.