< Hisqiʼeel 13 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
The LORD’s word came to me, saying,
2 “Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel kanneen amma raajii dubbachaa jiraniin mormuudhaan raaji. Warra yaaduma ofii isaanii raajaniin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
“Son of man, prophesy against the prophets of Israel who prophesy, and say to those who prophesy out of their own heart, ‘Hear the LORD’s word:
3 Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Raajota gowwaa kanneen utuu homaa hin argin hafuura ofii isaanii duukaa buʼan sanaaf wayyoo!
The Lord GOD says, “Woe to the foolish prophets, who follow their own spirit, and have seen nothing!
4 Yaa Israaʼel, raajonni kee akkuma waangota waan diigame gidduu jiraatanii ti.
Israel, your prophets have been like foxes in the waste places.
5 Isin akka dallaan sun guyyaa waraana Waaqayyootti jabaatee dhaabatuuf dallaa cabe sana mana Israaʼeliif deebiftanii ijaaruudhaaf jettanii ol hin baane.
You have not gone up into the gaps or built up the wall for the house of Israel, to stand in the battle in the LORD’s day.
6 Mulʼanni isaanii soba; raajiin isaanii soba. Isaan utuu Waaqayyo isaan hin ergin, “Waaqayyo akkana jedha” jedhu; taʼus isaan akka dubbiin isaanii raawwatamu eeggatu.
They have seen falsehood and lying divination, who say, ‘The LORD says;’ but the LORD has not sent them. They have made men to hope that the word would be confirmed.
7 Ani dubbachuu baadhu iyyuu isin, “Waaqayyo akkana jedha” jechuun keessan mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?
Have not you seen a false vision, and have not you spoken a lying divination, in that you say, ‘The LORD says;’ but I have not spoken?”
8 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii dubbii sobaa keessaniitii fi mulʼata sobaa keessaniitiif ani isinitti kaʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
“‘Therefore the Lord GOD says: “Because you have spoken falsehood and seen lies, therefore, behold, I am against you,” says the Lord GOD.
9 Harki koo raajota mulʼata sobaa arganii raajii sobaa dubbatanitti ni kaʼa. Isaan miseensa waldaa saba kootii hin taʼan yookaan galmee mana Israaʼel irratti hin galmeeffaman yookaan biyya Israaʼel hin seenan. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Gooftaa taʼe ni beektu.
“My hand will be against the prophets who see false visions and who utter lying divinations. They will not be in the council of my people, neither will they be written in the writing of the house of Israel, neither will they enter into the land of Israel. Then you will know that I am the Lord GOD.”
10 “‘Isaan yeroo nagaan hin jirretti, “Nagaa dha” jechaa saba koo karaa irraa waan jalʼisanii yeroo namoonni dallaa dhagaa ijaaranitti nooraa dibaniif,
“‘Because, even because they have seduced my people, saying, “Peace;” and there is no peace. When one builds up a wall, behold, they plaster it with whitewash.
11 ati akka dallaan sun jigu warra nooraa itti diban sanatti himi. Bokkaan hamaan ni rooba; dhagaan cabbii ni buʼa; bubbeen jabaan ni bubbisa.
Tell those who plaster it with whitewash that it will fall. There will be an overflowing shower; and you, great hailstones, will fall. A stormy wind will tear it.
12 Yeroo dallaan sun jigutti namoonni, “Nooraan isin itti dibdan sun eessa jira” jedhanii isin hin gaafatanii?
Behold, when the wall has fallen, will not it be said to you, “Where is the plaster with which you have plastered it?”
13 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani dheekkamsa kootiin bubbee hamaa nan kaasa; aarii kootiinis dhagaa cabbii fi bokkaa hamaan badiisa fidu ni rooba.
“‘Therefore the Lord GOD says: “I will even tear it with a stormy wind in my wrath. There will be an overflowing shower in my anger, and great hailstones in wrath to consume it.
14 Ani akka hundeen isaa qullaatti hafuuf dhagaa isin nooraa dibdan sana diigee lafaan wal nan qixxeessa. Yommuu inni jigutti isin isa keessatti ni barbadeeffamtu; akka ani Waaqayyo taʼes ni beektu.
So I will break down the wall that you have plastered with whitewash, and bring it down to the ground, so that its foundation will be uncovered. It will fall, and you will be consumed in the middle of it. Then you will know that I am the LORD.
15 Dallaa sanaa fi warra nooraa itti dibanitti dheekkamsa koo nan roobsa. Anis akkana isiniin nan jedha; “Dallaan sunii fi warri dallaa sana nooraa diban sun ni badu;
Thus I will accomplish my wrath on the wall, and on those who have plastered it with whitewash. I will tell you, ‘The wall is no more, nor those who plastered it—
16 raajonni Israaʼel kanneen Yerusaalemiif raajanii utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa isheef argan sunis ni badu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”’
to wit, the prophets of Israel who prophesy concerning Jerusalem, and who see visions of peace for her, and there is no peace,’” says the Lord GOD.’”
17 “Ammas yaa ilma namaa, fuula kee gara intallan saba keetii kanneen waanuma ofii yaadan raajaniitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji;
You, son of man, set your face against the daughters of your people, who prophesy out of their own heart; and prophesy against them,
18 akkanas jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Dubartoota kiyyoo keessa nama galchuuf jedhanii manyʼee harka isaanii hundaaf kudhaama hodhatanii haguuggii garaa garaa mataa isaaniitti haguuggataniif wayyoo. Isin lubbuu saba koo kiyyoo keessa galchitanii kan ofii keessanii immoo oolfattuu?
and say, “The Lord GOD says: ‘Woe to the women who sew magic bands on all elbows and make veils for the head of persons of every stature to hunt souls! Will you hunt the souls of my people and save souls alive for yourselves?
19 Isin garbuu konyee tokkoo fi buddeena cabaa tokkoof jettanii uummata koo gidduutti na xureessitaniirtu. Uummata koo isa soba keessan dhagaʼuttis sobuudhaan warra duʼuu hin qabne ajjeeftanii warra jiraachuu hin qabne immoo baraartaniirtu.
You have profaned me among my people for handfuls of barley and for pieces of bread, to kill the souls who should not die and to save the souls alive who should not live, by your lying to my people who listen to lies.’
20 “‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kunoo, ani kudhaama keessan kan isin akkuma simbira kiyyeeffamtuutti uummata ittiin kiyyeessitanitti nan kaʼa; harka keessan irraas nan cira; uummata isin akkuma simbirri kiyyeeffamtutti kiyyeessitan sanas kiyyoo keessaa nan baasa.
“Therefore the Lord GOD says: ‘Behold, I am against your magic bands, with which you hunt the souls to make them fly, and I will tear them from your arms. I will let the souls fly free, even the souls whom you ensnare like birds.
21 Ani haguuggii keessan tarsaasee saba koo harka keessan keessaa nan baasa; isaan siʼachi harka keessan jalatti hin bulan. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
I will also tear your veils and deliver my people out of your hand; and they will no longer be in your hand to be ensnared. Then you will know that I am the LORD.
22 Ani isa dirqisiisuu baadhu iyyuu isin waan soba keessaniin nama qajeelaa dirqisiiftanii fi waan akka namni hamaan karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatuuf hin jajjabeessiniif,
Because with lies you have grieved the heart of the righteous, whom I have not made sad; and strengthened the hands of the wicked, that he should not return from his wicked way, and be saved alive.
23 isin siʼachi mulʼata sobaa hin argitan yookaan raajii sobaa hin dubbattan. Anis saba koo harka keessan keessaa nan baasa. Ergasiis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
Therefore you shall no more see false visions nor practice divination. I will deliver my people out of your hand. Then you will know that I am the LORD.’”

< Hisqiʼeel 13 >