< Hisqiʼeel 12 >

1 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
上主的話傳給我說:「
2 “Yaa ilma namaa, ati uummata fincilaa gidduu jiraatta. Isaan arguudhaaf ija qabu; garuu hin argan; dhagaʼuudhaafis gurra qabu; garuu hin dhagaʼan; isaan uummata fincilaadhaatii.
人子,你是住在叛逆的家族中,他們有眼,卻視而不見;有耳,卻聽而不聞;因為他們是叛逆的家族。
3 “Kanaafuu yaa ilma namaa, utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan waan qabdu qopheeffadhuutii boojiʼamuuf iddoo jirtuu baʼiitii iddoo biraa deemi. Isaan mana fincilaa taʼani iyyuu tarii ni hubatu taʼa.
人子,你要白天在他們眼前準備充軍的行囊,並在他們眼前從一地遷移到另一地;他們或者能看清自己是叛逆的家族。
4 Miʼa kee kan boojiʼamuuf qopheeffatte sana utuma isaan arganuu guyyaa adiidhaan baafadhu. Utuma isaan arganuus galgalaan akkuma warra boojiʼamuuf deemaniitti baʼii deemi.
你白天在他們眼前把行囊搬出,像搬出充軍的行囊;傍晚在他們眼前出發,像充軍者出發。
5 Utuma isaan arganuus dallaa uriitii miʼa kee achi keessaan baafadhu.
你還要在他們眼前在牆上穿一個洞,由那裏走過去。
6 Utuma isaan arganuus dimimmisa galgalaa keessa miʼa sana ol fuudhii gatiittii keetti baadhuu baʼi. Ati akka biyyattii hin argineef fuula kee haguuggadhu; ani mana Israaʼeliif mallattoo si godheeraatii.”
你當著他們的面,把行囊背在肩上,天黑時出發,並且蒙著臉,看不到地面:因為我要使你作為以色列家族的一個預兆。」
7 Anis akkuman ajajame nan godhe. Miʼa koos boojuuf qopheeffadhee guyyaa adiidhaan baafadhe. Galgalaanis dallaa sana harkuma kootiin nan ure. Utuma isaan arganuus miʼa koo gatiittii irratti baadhadhee dimimmisaan nan baʼe.
我遂遵命行了:白天我把行囊搬出,有如充軍的行囊,傍晚用手在牆上穿了一個洞;到天黑時,當著他們的面,把行囊背在肩上出發。
8 Guyyaa itti aanu ganamas dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
到了早晨,上主的話傳給我說:「
9 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel fincilaan sun, ‘Ati maal gochaa jirta?’ jedhee si hin gaafannee?
人子,以色列家族,那叛逆的家族不是問你說:你在作什麼﹖
10 “Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Raajiin kun waaʼee ilma mootii isa Yerusaalem keessa jiraatuu fi guutummaa mana Israaʼel kan achi jiraatuu ti.’
你要回答他們說:吾主上主這樣說:這神諭是有關耶路撒冷的君王和城中的以色列全家族。
11 Atis, ‘Ani mallattoo keessan’ isaaniin jedhi. “Wanni ani hojjedhe sun isaan irra ni gaʼa. Isaan boojiʼamanii ni fudhatamu.
並且說:我為你們是一個預兆:像我所行過的,也要實現在他們身上:他們要被擄充軍異地。
12 “Ilmi mootii inni gidduu isaanii jiraatu miʼa isaa gatiittii isaatti baadhatee dimimmisaan ni deema; akka inni keessaan baʼuuf dallaan ni uramaaf. Akka biyyattii hin argineefis fuula isaa ni haguuggata.
君王在他們當中肩上背著重擔,在黑夜出發,在牆上要穿一洞,為叫他出去;他要蒙著臉,以致他再不能親眼看見這地方。
13 Ani kiyyoo koo nan diriirsaaf; innis kiyyoo kootiin ni qabama; ani gara Baabilon, biyya Kaldootaatti isa nan geessa; inni garuu biyyattii hin argu; achittis ni duʼa.
我要在他面前設下羅網,他必要陷在我的羅網中而被捉住;然後我他到加色丁人的地方巴比倫,但他一無所見,就死在那裏。
14 Ani warra isa wajjin jiran hunda gargaartota isaatii fi loltoota isaa hunda bubbeetti nan bittinneessa; goraadee luqqifameenis isaan nan ariʼa.
我還要把他左右的護衛,以及一切軍隊,分散到四方,並拔出劍來追趕他們。
15 “Isaan yommuu ani saboota gidduutti isaan bittinneessee biyyoota keessa isaan faffacaasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
當我把他們驅散到異民中,把他們分散到各國時,他們必承認我是上主。
16 Ani garuu akka isaan saboota itti geeffaman sana keessatti gochawwan isaanii jibbisiisoo hunda himataniif isaan keessaa namoota muraasa goraadee irraa, beelaa fi dhaʼicha irraa nan hambisa. Isaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
但我在他們中仍保留少數的人,免受刀兵、饑荒和瘟疫之害,為叫他們給他們所到之地的異民,講述自己的醜惡之事,使那些人也認識我是上主。」
17 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
上主的話傳給我說:「
18 “Yaa ilma namaa, raafamuudhaan nyaata kee nyaadhu; sodaadhaan hollachaa bishaan kee dhugi.
人子,你要戰戰兢兢地吃飯,懷著顫慄和惶恐喝水。
19 Saboota biyyattiitiin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan waaʼee warra Yerusaalem keessaa fi biyya Israaʼel keessa jiraatanii akkana jedha: Sababii jeequmsa namoota achi jiraatan hundaatiif biyyattiin waan ontuuf isaan nyaata isaanii dhiphinaan nyaatu; bishaan isaanii immoo sodaadhaan dhugu.
你應向此地的人民宣講說:吾主上主論及耶路撒冷的居民和以色列地域這樣說:他們要惶恐地吃飯,驚懼地喝水,為了那裏的居民所行的殘暴,那地方要被洗劫,變為荒蕪之地。
20 Magaalaawwan namoonni keessa jiraatan ni barbadaaʼu; biyyattiin immoo ni onti. Sana booddee isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
人煙稠密的城市要變為曠野,那地方必變為沙漠:如此,你們必承認我是上主。」
21 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
上主的話傳給我說:「
22 “Yaa ilma namaa, fakkeenyi isin biyya Israaʼel keessatti, ‘Barri dheerateera; mulʼannis faayidaa dhabeera’ jettan kun maali?
人子,在以色列地域,有人說:日期遲延了,異象落空了。這流言是什麼意思﹖
23 Akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani fakkeenya kana nan balleessa; isaan siʼachi Israaʼel keessatti itti hin fayyadaman.’ Atis, ‘Barri itti mulʼanni hundi fiixaan baʼu dhiʼaateera, isaaniin jedhi.
為此你應向他們說:吾主上主這樣說:我必使這流言停止,以色列必不再說這流言;你該向他們說:日期近了,所有的異象必要實現。
24 Siʼachi mulʼanni sobaa yookaan raajiin sobaa uummata Israaʼel keessa hin jiraatuutii.
在以色列家族內,決不再有虛偽的異象和欺詐的預言。
25 Ani Waaqayyo garuu waanan fedhe nan dubbadha; dubbiin sunis utuu hin turin ni raawwatama. Isin yaa mana fincilaa nana, ani waanan dubbadhu hunda bara keessan keessa nan raawwadha, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
因為是我上主講話,我講的話必要實現,不再遲延。叛逆的家族! 我說的話必在你們這一代實現──吾主上主的斷語。」
26 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
上主的話傳給我說:「
27 “Yaa ilma namaa, manni Israaʼel, ‘Mulʼanni inni argu waan bara dheeraa booddee raawwatamuu dha; wanni inni raajus waan bara fagootti guutamuu dha.’
人子,以色列家族說:這人所見的異象是指遙遠的來日;他說的預言,是指遙遠的時期。
28 “Kanaafuu ati akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Siʼachi dubbiin koo tokko iyyuu lafa irra hin harkifatu; wanni ani jedhu kam iyyuu ni raawwatama, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
為此你要向他們說:吾主上主這樣說:我說的一切話,不再遲延;我所說的話,必要實現──吾主上主的斷語。」

< Hisqiʼeel 12 >