< Hisqiʼeel 11 >
1 Hafuurri ol na fuudhee gara balbala mana Waaqayyoo kan gara baʼaa ilaaluutti na fide. Achis karra balbala sanaa dura namoota digdamii shantu ture; anis isaan gidduutti hooggantoota sabaa Yaazaniyaa ilma Azurii fi Phelaatiyaa ilma Benaayaa nan arge.
Sa’an nan Ruhu ya ɗaga ni sama ya kawo ni ƙofar gidan Ubangiji wadda take fuskantar gabas. Can a mashigi zuwa ƙofar akwai mutum ashirin da biyar, na kuma ga a cikinsu akwai Ya’azaniya ɗan Azzur da Felatiya ɗan Benahiya, shugabannin jama’a.
2 Waaqayyos akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, isaan kunneen namoota magaalaa kana keessatti hammina malanii fi gorsa hamaa gorsanii dha.
Ubangiji ya ce mini, “Ɗan mutum, waɗannan su ne mutanen da suke ƙulla mugunta suna kuma ba da muguwa shawara a cikin wannan birni.
3 Isaanis, ‘Yeroon itti manneen ijaaraman gaʼeera mitii? Magaalattiin kun okkotee waa itti affeelanii dha; nu immoo ishee keessatti foon’ jedhan.
Suna cewa, ‘Lokaci bai yi kusa da za a gina gidaje ba? Wannan birni yana tukunyar dahuwa, mu ne kuwa naman.’
4 Kanaafuu isaanitti raajii dubbadhu; yaa ilma namaa raajii dubbadhu.”
Saboda haka yi annabci a kansu; yi annabci, ɗan mutum.”
5 Ergasii Hafuurri Waaqayyoo narra buʼee akkana naan jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: Yaa mana Israaʼel isin akkas jettu; ani garuu waan isin qalbii keessanitti yaaddan nan beeka.
Sai Ruhun Ubangiji ya sauko a kaina, ya kuma faɗa mini in ce, “Ga abin da Ubangiji yana cewa, haka kuke cewa, ya gidan Isra’ila, amma na san abin da yake a zuciyarku.
6 Isin magaalaa kana keessatti namoota hedduu ajjeeftanii daandii ishee reeffaan guuttaniirtu.
Kun kashe mutane da yawa a wannan birni kuka kuma cika titunanta da gawawwaki.
7 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Reeffi isin achitti gattan foon; magaalaan kun immoo okkotee dha; ani garuu magaalaa kana keessaa isinan baasa.
“Saboda haka ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa gawawwakin da kuka zubar a can su ne naman, wannan birni kuwa ita ce tukunya, amma zan kore ku daga cikinta.
8 Isin goraadee sodaattu; wanni ani isinitti fidu immoo goraadeedha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Kuna jin tsoron takobi, kuma takobi ne zan kawo muku, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.
9 Ani magaalaa keessaa isin baasee alagaatti dabarsee isin kennee isinan adaba.
Zan kore ku daga birnin in miƙa ku a hannuwan baƙi in kuma azabtar da ku.
10 Isin goraadeedhaan dhumtu; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti mura. Kanaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Za ku mutu ta wurin takobi, zan kuma hukunta ku a iyakokin Isra’ila. Sa’an nan za ku san cewa ni ne Ubangiji.
11 Magaalaan kun okkotee isinii hin taatu yookaan isin achi keessatti foon hin taatan; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti nan mura.
Wannan birni ba za tă zama muku tukunya ba, ba kuwa za ku zama nama a cikinta ba; zan hukunta ku a iyakokin Isra’ila.
12 Isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu; sirna saboota naannoo keessan jiraatanii duukaa buutan malee seera koo hin eegne yookaan naamusa koo hin eegneetii.”
Za ku kuwa san cewa ni ne Ubangiji, gama ba ku bi ƙa’idodina ba balle ku kiyaye dokokina, amma kuka bi hanyoyin al’ummai kewaye da ku.”
13 Utuma ani raajii dubbachaa jiruu Phelaatiyaan ilmi Benaayaa duʼe. Kana irratti ani addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa Waaqayyo Gooftaa! Ati hambaa Israaʼel guutumaan guutuutti balleessitaa?” jedheen sagalee guddaadhaan iyye.
Yanzu yayinda nake yin annabci, sai Felatiya ɗan Benahiya ya mutu. Sai na fāɗi rubda ciki na kuma yi kuka da babbar murya na ce, “Kash, Ubangiji Mai Iko Duka! Za ka hallaka raguwar Isra’ila ƙaƙaf ne?”
14 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Sai maganar Ubangiji ta zo mini cewa,
15 “Yaa ilma namaa, obboloota kee jechuunis obboloota kee kanneen firoota kee dhiigaatii fi manni Israaʼel guutuun kanneen namoonni Yerusaalem, ‘Isaan Waaqayyo irraa fagaataniiru; biyyi kunis akka handhuuraatti nuuf kennamteerti’ jedhaniinii dha.
“Ɗan mutum,’yan’uwanka,’yan’uwanka waɗanda suke danginka na cikinka da kuma dukan gidan Isra’ila su ne waɗanda mutanen Urushalima suka ce, ‘Su ne da nisa daga Ubangiji; an ba mu wannan ƙasa ta zama mallakarmu.’
16 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota gidduutti fageessee isaan ergee biyyoota keessa isaan faffacaasu iyyuu, amma illee yeroo xinnoof biyyoota isaan dhaqan keessatti isaaniif iddoo qulqullummaa taʼeera.’
“Saboda haka ka ce, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa ko da yake na kore su zuwa cikin al’ummai na kuma warwatsa su cikin ƙasashe, duk da haka na zama wuri mai tsarki a gare su a ƙasashen da suka tafi.’
17 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota keessaa walitti isin qabee biyyoota itti bittinnooftan keessaa deebisee isin nan fida; biyya Israaʼelis deebisee isiniif nan kenna.’
“Saboda haka, ka ce, ‘Ga abin da Ubangiji Mai Iko Duka yana cewa zan tattaro ku daga al’ummai in kuma dawo da ku daga ƙasashen da aka warwatsa ku, zan kuwa sāke mayar muku da ƙasar Isra’ila.’
18 “Isaan biyyattiitti deebiʼanii wantoota ishee jibbisiisoo hundaa fi wantoota ishee balfamoo hunda ishee keessaa ni balleessu.
“Za su dawo gare ta su kawar da dukan mugayen siffofi da gumaka masu banƙyama.
19 Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf.
Zan ba su zuciya ɗaya in kuma sa sabon ruhu a cikinsu; zan fid da zuciyar dutse daga gare su in kuma ba su zuciya ta nama.
20 Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
Sa’an nan za su bi ƙa’idodina su kuma yi hankali ga kiyaye dokokina. Za su zama mutanena, ni kuwa zan zama Allahnsu.
21 Warra qalbiin isaanii fakkiiwwan isaanii kanneen faayidaa hin qabnee fi waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo sanaan fudhatame garuu ani waan isaan hojjetan matuma isaaniitti nan deebisa jedha Waaqayyo Gooftaan.”
Amma game da waɗanda zukatansu suka karkata ga bin mugayen siffofi da gumakan banƙyama, zan sāka musu gwargwadon ayyukansu, in ji Ubangiji Mai Iko Duka.”
22 Ergasiis kiirubeeliin qoochoowwan isaanii diriirfatan; geengoowwanis isaan cina turan; ulfinni Waaqa Israaʼel immoo isaan gubbaadhaan ture.
Sa’an nan kerubobi, tare da da’irori kusa da su, suka buɗe fikafikansu, ɗaukakar Allah kuwa tana a bisansu.
23 Ulfinni Waaqayyoos magaalaa keessaa ol baʼee tulluu baʼa magaalattiitiin jiru gubbaadhaan dhaabate.
Ɗaukakar Ubangiji ta haura daga cikin birnin ta sauka a bisa dutse gabas da shi.
24 Hafuurri ol na fuudhee mulʼata Hafuura Waaqaatiin gara boojiʼamtoota biyya Baabilon jiraniitti na fide. Ergasiis mulʼanni ani argee ture sun na dhiisee ol baʼe;
Ruhu ya ɗaga ni sama ya kuma kawo ni ga masu zaman bauta a ƙasar Babilon cikin wahayin da Ruhun Allah ya bayar. Sa’an nan wahayin da na gani ya rabu da ni,
25 anis waan Waaqayyo na argisiise hunda boojiʼamtootatti nan hime.
na kuwa faɗa wa masu zaman bautan dukan abin da Ubangiji ya nuna mini.