< Hisqiʼeel 11 >

1 Hafuurri ol na fuudhee gara balbala mana Waaqayyoo kan gara baʼaa ilaaluutti na fide. Achis karra balbala sanaa dura namoota digdamii shantu ture; anis isaan gidduutti hooggantoota sabaa Yaazaniyaa ilma Azurii fi Phelaatiyaa ilma Benaayaa nan arge.
Moreover the Spirit lifted me up, and brought me to the east gate of the LORD's house, which looks eastward: and see, at the door of the gate twenty-five men; and I saw in their midst Jaazaniah the son of Azzur, and Pelatiah the son of Benaiah, officials of the people.
2 Waaqayyos akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, isaan kunneen namoota magaalaa kana keessatti hammina malanii fi gorsa hamaa gorsanii dha.
He said to me, "Son of man, these are the men who devise iniquity, and who give wicked counsel in this city;
3 Isaanis, ‘Yeroon itti manneen ijaaraman gaʼeera mitii? Magaalattiin kun okkotee waa itti affeelanii dha; nu immoo ishee keessatti foon’ jedhan.
who say, 'The time is not near to build houses: this is the caldron, and we are the meat.'
4 Kanaafuu isaanitti raajii dubbadhu; yaa ilma namaa raajii dubbadhu.”
Therefore prophesy against them, prophesy, son of man."
5 Ergasii Hafuurri Waaqayyoo narra buʼee akkana naan jedhe; “Waaqayyo akkana jedha: Yaa mana Israaʼel isin akkas jettu; ani garuu waan isin qalbii keessanitti yaaddan nan beeka.
The Spirit of the LORD fell on me, and he said to me, "Speak, Thus says the LORD: 'Thus you have said, house of Israel; for I know the things that come into your mind.
6 Isin magaalaa kana keessatti namoota hedduu ajjeeftanii daandii ishee reeffaan guuttaniirtu.
You have multiplied your slain in this city, and you have filled its streets with the slain.'
7 “Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Reeffi isin achitti gattan foon; magaalaan kun immoo okkotee dha; ani garuu magaalaa kana keessaa isinan baasa.
Therefore thus says the LORD: 'Your slain whom you have laid in its midst, they are the meat, and this is the caldron; but I will bring you out of it.
8 Isin goraadee sodaattu; wanni ani isinitti fidu immoo goraadeedha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
You have feared the sword; and I will bring the sword on you,' says the LORD.
9 Ani magaalaa keessaa isin baasee alagaatti dabarsee isin kennee isinan adaba.
'I will bring you forth out of its midst, and deliver you into the hands of strangers, and will execute judgments among you.
10 Isin goraadeedhaan dhumtu; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti mura. Kanaanis akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
You shall fall by the sword; I will judge you in the border of Israel; and you shall know that I am the LORD.
11 Magaalaan kun okkotee isinii hin taatu yookaan isin achi keessatti foon hin taatan; anis daangaa Israaʼel irratti isinitti nan mura.
This shall not be your caldron, neither shall you be the meat in its midst; I will judge you in the border of Israel;
12 Isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu; sirna saboota naannoo keessan jiraatanii duukaa buutan malee seera koo hin eegne yookaan naamusa koo hin eegneetii.”
and you shall know that I am the LORD: for you have not walked in my statutes, neither have you executed my ordinances, but have done after the ordinances of the nations that are around you.'"
13 Utuma ani raajii dubbachaa jiruu Phelaatiyaan ilmi Benaayaa duʼe. Kana irratti ani addaan lafatti gombifamee, “Ani bade yaa Waaqayyo Gooftaa! Ati hambaa Israaʼel guutumaan guutuutti balleessitaa?” jedheen sagalee guddaadhaan iyye.
It happened, when I prophesied, that Pelatiah the son of Benaiah died. Then I fell down on my face, and cried with a loud voice, and said, "Ah, LORD. Will you make a full end of the remnant of Israel?"
14 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
The word of the LORD came to me, saying,
15 “Yaa ilma namaa, obboloota kee jechuunis obboloota kee kanneen firoota kee dhiigaatii fi manni Israaʼel guutuun kanneen namoonni Yerusaalem, ‘Isaan Waaqayyo irraa fagaataniiru; biyyi kunis akka handhuuraatti nuuf kennamteerti’ jedhaniinii dha.
"Son of man, your brothers, the men of your relatives, and all the house of Israel, all of them, to whom the inhabitants of Jerusalem have said, 'Go far away from the LORD. This land has been given to us for a possession.'
16 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota gidduutti fageessee isaan ergee biyyoota keessa isaan faffacaasu iyyuu, amma illee yeroo xinnoof biyyoota isaan dhaqan keessatti isaaniif iddoo qulqullummaa taʼeera.’
Therefore say, 'Thus says the LORD: "Whereas I have removed them far off among the nations, and whereas I have scattered them among the countries, yet will I be to them a sanctuary for a little while in the countries where they have come."'
17 “Kanaafuu akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota keessaa walitti isin qabee biyyoota itti bittinnooftan keessaa deebisee isin nan fida; biyya Israaʼelis deebisee isiniif nan kenna.’
Therefore say, 'Thus says the LORD: "I will gather you from the peoples, and assemble you out of the countries where you have been scattered, and I will give you the land of Israel."
18 “Isaan biyyattiitti deebiʼanii wantoota ishee jibbisiisoo hundaa fi wantoota ishee balfamoo hunda ishee keessaa ni balleessu.
They shall come there, and they shall take away all the detestable things of it and all its abominations from there.
19 Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf.
I will give them one heart, and I will put a new spirit within you; and I will take the stony heart out of their flesh, and will give them a heart of flesh;
20 Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
that they may walk in my statutes, and keep my ordinances, and do them: and they shall be my people, and I will be their God.
21 Warra qalbiin isaanii fakkiiwwan isaanii kanneen faayidaa hin qabnee fi waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo sanaan fudhatame garuu ani waan isaan hojjetan matuma isaaniitti nan deebisa jedha Waaqayyo Gooftaan.”
But as for them whose heart walks after the heart of their detestable things and their abominations, I will bring their way on their own heads,' says the LORD."
22 Ergasiis kiirubeeliin qoochoowwan isaanii diriirfatan; geengoowwanis isaan cina turan; ulfinni Waaqa Israaʼel immoo isaan gubbaadhaan ture.
Then the cherubim lifted up their wings, and the wheels were beside them; and the glory of the God of Israel was over them above.
23 Ulfinni Waaqayyoos magaalaa keessaa ol baʼee tulluu baʼa magaalattiitiin jiru gubbaadhaan dhaabate.
The glory of the LORD went up from the midst of the city, and stood on the mountain which is on the east side of the city.
24 Hafuurri ol na fuudhee mulʼata Hafuura Waaqaatiin gara boojiʼamtoota biyya Baabilon jiraniitti na fide. Ergasiis mulʼanni ani argee ture sun na dhiisee ol baʼe;
The Spirit lifted me up, and brought me in the vision by the Spirit of God into Chaldea, to them of the captivity. So the vision that I had seen went up from me.
25 anis waan Waaqayyo na argisiise hunda boojiʼamtootatti nan hime.
Then I spoke to them of the captivity all the things that the LORD had shown me.

< Hisqiʼeel 11 >