< Hisqiʼeel 10 >

1 Anis milʼadhee bantii samii gubbaatti mataa kiirubeeliitiin olitti fakkaattii teessoo sanpeer tokko nan arge.
Et vidi: et ecce in firmamento quod erat super caput cherubim, quasi lapis sapphirus, quasi species similitudinis solii, apparuit super ea.
2 Waaqayyos namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaan akkana jedhe; “Geengoowwan kiirubeelii jalaan jiran gidduu seeni. Barbadaa cilee bobaʼuu kan kiirubeelii gidduu jiru sana irraa harka kee guuttadhuutii magaalattii keessa faffacaasi.” Innis utuma ani ilaaluu ol seene.
Et dixit ad virum qui indutus erat lineis, et ait: Ingredere in medio rotarum quæ sunt subtus cherubim, et imple manum tuam prunis ignis quæ sunt inter cherubim, et effunde super civitatem. Ingressusque est in conspectu meo.
3 Yeroo namichi ol seenetti kiirubeeliin karaa kibba mana qulqullummaatiin dhaabatanii turan; duumessi oobdii gara keessaa guutee ture.
Cherubim autem stabant a dextris domus cum ingrederetur vir, et nubes implevit atrium interius.
4 Ulfinni Waaqayyoos kiirubeelii irraa kaʼee gara gulantaa mana qulqullummaatti qajeele. Duumessis mana qulqullummaa guute; waltajjichis ifa ulfina Waaqayyootiin guutame.
Et elevata est gloria Domini desuper cherub ad limen domus: et repleta est domus nube, et atrium repletum est splendore gloriæ Domini.
5 Sagaleen qoochoowwan kiirubeelii hamma oobdii gara alaatti akkuma sagalee yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu dubbatu dhagaʼamu sanaa fagootti dhagaʼama ture.
Et sonitus alarum cherubim audiebatur usque ad atrium exterius, quasi vox Dei omnipotentis loquentis.
6 Yeroo Waaqayyo namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatu sanaan, “Geengoowwan gidduudhaa, kiirubeelii gidduudhaas ibidda fudhi” jedhee ajajetti namichi ol seenee geengoo bira dhaabate.
Cumque præcepisset viro qui indutus erat lineis, dicens: Sume ignem de medio rotarum quæ sunt inter cherubim: ingressus ille stetit juxta rotam.
7 Ergasii kiirubeelii keessaa inni tokko harka isaa gara ibidda isaan gidduu jiruutti hiixate. Innis ibidda sana irraa xinnoo fuudhee harka namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffate sanaa keessa kaaʼe; namichis ibidda sana fudhatee baʼe.
Et extendit cherub manum de medio cherubim ad ignem qui erat inter cherubim, et sumpsit, et dedit in manus ejus qui indutus erat lineis: qui accipiens egressus est.
8 Qoochoowwan kiirubeelii jalaanis wanni harka namaa fakkaatu tokko ni mulʼata ture.
Et apparuit in cherubim similitudo manus hominis subtus pennas eorum.
9 Anis milʼadhee geengoowwan afur kiirubeelii biratti nan arge; geengoowwan sunis tokkoo tokkoo kiirubeelii bira turan; geengoowwan sunis akka biiralee calaqqisu turan.
Et vidi: et ecce quatuor rotæ juxta cherubim: rota una juxta cherub unum, et rota alia juxta cherub unum: species autem rotarum erat quasi visio lapidis chrysolithi:
10 Bifti afranuu wal fakkaata ture; tokkoon tokkoon geengoo sanaa geengoo kaanitti waan dirame fakkaata ture.
et aspectus earum similitudo una quatuor, quasi sit rota in medio rotæ.
11 Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kiirubeeliin itti gara galan kamiin iyyuu deeman; geengoowwanis yeroo kiirubeeliin deemanitti asii fi achi hin sochoʼan ture. Kiirubeeliin qixa mataan isaanii itti gara gale kamiin iyyuu utuu of irra hin milʼatin deeman.
Cumque ambularent, in quatuor partes gradiebantur, et non revertebantur ambulantes: sed ad locum ad quem ire declinabat quæ prima erat, sequebantur et ceteræ, nec convertebantur.
12 Dhagni isaanii guutuun, dugda isaanii, harka isaaniitii fi qoochoo isaanii dabalatee akkuma geengoowwan isaanii afran sanaatti akkuma jiraniin ijaan guutamanii turan.
Et omne corpus earum, et colla, et manus, et pennæ, et circuli, plena erant oculis in circuitu quatuor rotarum.
13 Geengoowwan sunis utuma ani dhagaʼuu, “Geengoowwan konkolaatan” jedhamanii waamaman.
Et rotas istas vocavit volubiles, audiente me.
14 Tokkoon tokkoon kiirubeelii fuula afur afur qabu ture: fuulli tokkoffaan fuula kiirubeelii, fuulli lammaffaan fuula namaa, fuulli sadaffaan fuula leencaa, fuulli afuraffaan immoo fuula risaa ture.
Quatuor autem facies habebat unum: facies una, facies cherub, et facies secunda, facies hominis: et in tertio facies leonis, et in quarto facies aquilæ.
15 Ergasiis kiirubeeliin ol baʼan; isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti argee ture sanaa dha.
Et elevata sunt cherubim: ipsum est animal quod videram juxta fluvium Chobar.
16 Yeroo kiirubeeliin deemanitti geengoowwan isaan cina jiranis ni deeman; yeroo kiirubeeliin lafa irraa ol kaʼuuf qoochoowwan isaanii diriirfatanitti geengoowwanis isaan biraa hin hafan ture.
Cumque ambularent cherubim, ibant pariter et rotæ juxta ea: et cum elevarent cherubim alas suas ut exaltarentur de terra, non residebant rotæ, sed et ipsæ juxta erant.
17 Yeroo kiirubeeliin dhaabatanitti isaanis ni dhaabatu turan; yeroo kiirubeeliin ol kaʼanittis isaanuma wajjin ol kaʼu turan; hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa isaan keessa tureetii.
Stantibus illis stabant, et cum elevatis elevabantur: spiritus enim vitæ erat in eis.
18 Ergasiis ulfinni Waaqayyoo gulantaa mana qulqullummaa irraa kaʼee kiirubeelii gubbaadhaan dhaabate.
Et egressa est gloria Domini a limine templi, et stetit super cherubim.
19 Kiirubeeliin utuma ani arguu qoochoowwan isaanii diriirffatanii lafaa ol kaʼan; yeroo isaan deemanittis geengoowwan isaan wajjin deeman. Isaan karra balbala mana Waaqayyoo kan karaa baʼaa irra dhaabatan; ulfinni Waaqa Israaʼelis isaan gubbaadhaan ture.
Et elevantia cherubim alas suas, exaltata sunt a terra coram me: et illis egredientibus, rotæ quoque subsecutæ sunt: et stetit in introitu portæ domus Domini orientalis, et gloria Dei Israël erat super ea.
20 Isaan kunneen uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti Waaqa Israaʼel jalatti argee turee dha; anis akka isaan kiirubeelii taʼan nan hubadhe.
Ipsum est animal quod vidi subter Deum Israël juxta fluvium Chobar, et intellexi quia cherubim essent.
21 Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoowwan afur afur, qoochoowwan isaanii jalaan immoo waan harka namaa fakkaatu qabu ture.
Quatuor vultus uni, et quatuor alæ uni: et similitudo manus hominis sub alis eorum.
22 Bifti fuula isaaniis akkuma bifa uumamawwan jiraatoo ani Laga Kebaar biratti arge sanaa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman.
Et similitudo vultuum eorum, ipsi vultus quos videram juxta fluvium Chobar, et intuitus eorum, et impetus singulorum ante faciem suam ingredi.

< Hisqiʼeel 10 >