< Hisqiʼeel 1 >

1 Waggaa soddommaffaa keessa, bultii shanaffaa jiʼa afuraffaatti utuu ani Laga Kebaar biratti boojiʼamtoota gidduu jiruu samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqaa nan arge.
In the thirtieth year, on the fifth day of the fourth month, while I was among the exiles by the River Kebar, the heavens opened and I saw visions of God.
2 Jiʼa sana keessaas bultii shanaffaatti jechuunis Yehooyaakiin Mootichi boojiʼamee waggaa shanaffaatti,
On the fifth day of the month—it was the fifth year of the exile of King Jehoiachin—
3 dubbiin Waaqayyoo Laga Kebaar biratti biyya Baabilonotaa keessatti gara Hisqiʼeel lubicha ilma Buuz dhufe. Achittis harki Waaqayyoo isa irra ture.
the word of the LORD came directly to Ezekiel the priest, the son of Buzi, in the land of the Chaldeans by the River Kebar. And there the LORD’s hand was upon him.
4 Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture;
I looked and saw a whirlwind coming from the north, a great cloud with fire flashing back and forth and brilliant light all around it. In the center of the fire was a gleam like amber,
5 ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture;
and within it was the form of four living creatures. And this was their appearance: They had a human form,
6 tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan.
but each had four faces and four wings.
7 Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture.
Their legs were straight, and the soles of their feet were like the hooves of a calf, gleaming like polished bronze.
8 Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan;
Under their wings on their four sides they had human hands. All four living creatures had faces and wings,
9 qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture.
and their wings were touching one another. They did not turn as they moved; each one went straight ahead.
10 Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture.
The form of their faces was that of a man, and each of the four had the face of a lion on the right side, the face of an ox on the left side, and also the face of an eagle.
11 Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture.
Such were their faces. Their wings were spread upward; each had two wings touching the wings of the creature on either side, and two wings covering its body.
12 Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan.
Each creature went straight ahead. Wherever the spirit would go, they would go, without turning as they moved.
13 Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture.
In the midst of the living creatures was the appearance of glowing coals of fire, or of torches. Fire moved back and forth between the living creatures; it was bright, and lightning flashed out of it.
14 Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture.
The creatures were darting back and forth as quickly as flashes of lightning.
15 Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge.
When I looked at the living creatures, I saw a wheel on the ground beside each creature with its four faces.
16 Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture.
The workmanship of the wheels looked like the gleam of beryl, and all four had the same likeness. Their workmanship looked like a wheel within a wheel.
17 Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture.
As they moved, they went in any of the four directions, without pivoting as they moved.
18 Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan.
Their rims were high and awesome, and all four rims were full of eyes all around.
19 Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan.
So as the living creatures moved, the wheels moved beside them, and when the creatures rose from the ground, the wheels also rose.
20 Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan.
Wherever the spirit would go, they would go, and the wheels would rise alongside them, because the spirit of the living creatures was in the wheels.
21 Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan.
When the creatures moved, the wheels moved; when the creatures stood still, the wheels stood still; and when the creatures rose from the ground, the wheels rose alongside them, because the spirit of the living creatures was in the wheels.
22 Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture.
Spread out above the heads of the living creatures was the likeness of an awesome expanse, gleaming like crystal.
23 Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan.
And under the expanse, their wings stretched out toward one another. Each one also had two wings covering its body.
24 Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture.
When the creatures moved, I heard the sound of their wings like the roar of many waters, like the voice of the Almighty, like the tumult of an army. When they stood still, they lowered their wings.
25 Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe.
And there came a voice from above the expanse over their heads as they stood still with their wings lowered.
26 Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture.
Above the expanse over their heads was the likeness of a throne with the appearance of sapphire, and on the throne high above was a figure like that of a man.
27 Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture.
From what seemed to be His waist up, I saw a gleam like amber, with what looked like fire within it all around. And from what seemed to be His waist down, I saw what looked like fire; and brilliant light surrounded Him.
28 Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture. Kunis bifa fakkaattii ulfina Waaqayyoo ture. Anis yeroon waan kana argetti addaan lafatti gombifamee sagalee waan dubbachaa jiru tokkoo nan dhagaʼe.
The appearance of the brilliant light all around Him was like that of a rainbow in a cloud on a rainy day. This was the appearance of the likeness of the glory of the LORD. And when I saw it, I fell facedown and heard a voice speaking.

< Hisqiʼeel 1 >