< Baʼuu 9 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha; “Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi.”
Ndipo Bwana akamwambia Mose, “Nenda kwa Farao ukamwambie, ‘Hili ndilo Bwana, Mungu wa Waebrania asemalo: “Waachie watu wangu waende ili wapate kuniabudu.”
2 Yoo ati gad dhiisuu diddee isaan danqite,
Kama ukikataa kuwaachia waende, nawe ukiendelea kuwashikilia,
3 kunoo harki Waaqayyoo horii kee kanneen dirree irra oolan fardeen, harrootaa fi gaalawwan keetti, loon, hoolotaa fi reʼoota keetti dhaʼicha hamaa ni fida.
mkono wa Bwana utaleta pigo baya kwa mifugo yako, juu ya farasi wako, punda, ngamia, ngʼombe wako, kondoo na mbuzi.
4 Waaqayyo garuu akka horiin saba Israaʼel tokko iyyuu hin duuneef horii Israaʼelii fi horii warra Gibxi gidduutti garaa garummaa ni uuma.’”
Lakini Bwana ataweka tofauti kati ya mifugo ya Israeli na ile ya Misri, kwamba hakuna mnyama wa Mwisraeli atakayekufa.’”
5 Waaqayyo yeroo murteessee, “Waaqayyo bor waan kana biyyattii keessatti ni hojjeta” jedhe.
Bwana akaweka wakati na kusema, “Kesho Bwana atalitenda hili katika nchi.”
6 Waaqayyos guyyaa itti aanutti waan kana hojjete: Horiin warra Gibxi hundi ni dhume; horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko iyyuu hin duune.
Siku iliyofuata Bwana akalitenda: Mifugo yote ya Wamisri ikafa, lakini hakuna hata mnyama mmoja wa wana wa Israeli aliyekufa.
7 Faraʼoonis namoota qoratan ergee, kunoo akka horii saba Israaʼel keessaa tokko illee hin duʼin beeke. Taʼus Faraʼoon mata jabeessa taʼee saba sana gad dhiisuu dide.
Farao akatuma watu kuchunguza, nao wakakuta kuwa hakuna hata mnyama mmoja wa Waisraeli aliyekufa. Lakini moyo wa Farao haukukubali kuwaachia watu waende.
8 Waaqayyo immoo Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Daaraa harka guutuu iddoo ibiddaatii hammaaraa; Museenis daaraa sana fuula Faraʼoon duratti samiitti ol haa facaasu.
Kisha Bwana akamwambia Mose na Aroni, “Chukueni majivu ya tanuru, naye Mose ayarushe angani mbele ya Farao.
9 Innis biyya Gibxi guutuu keessatti awwaara taʼa; dhullaan malaa yaasu namaa fi horii guutuu biyyattii keessa jiranitti yaaʼa.”
Yatakuwa vumbi jepesi juu ya nchi yote ya Misri, pia yatatokea majipu yenye kufura juu ya watu na wanyama katika nchi yote.”
10 Isaan boolla ibiddaa irraa daaraa hammaarratanii fuula Faraʼoon dura dhaabatan. Museenis daaraa sana samiitti ol facaase; dhullaan malaa yaasus namaa fi horiitti yaaʼe.
Basi wakachukua majivu kwenye tanuru na kusimama mbele ya Farao. Mose akayarusha hewani, nayo majipu yenye kufura yakatokea miilini mwa watu na wanyama.
11 Tolfattoonnis sababii dhullaatiif Musee dura dhaabachuu hin dandeenye; dhullaan tolfattootaa fi warra Gibxi hundatti yaaʼee tureetii.
Waganga hawakuweza kusimama mbele ya Mose kwa sababu ya majipu yale yaliyokuwa miilini mwao na juu ya miili ya Wamisri wote.
12 Garuu Waaqayyo akkuma Museetti hime sana Waaqayyo Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
Lakini Bwana akaufanya moyo wa Farao kuwa mgumu, naye hakuwasikiliza Mose na Aroni, sawasawa kama vile Bwana alivyokuwa amemwambia Mose.
13 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon dura dhaabadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedha; akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi;
Kisha Bwana akamwambia Mose, “Amka mapema asubuhi, usimame mbele ya Farao, umwambie, ‘Hili ndilo asemalo Bwana, Mungu wa Waebrania: Waachie watu wangu waende, ili kwamba waweze kuniabudu,
14 yoo kanaa achii ani amma dhaʼicha koo hunda sitti, qondaaltota keetii fi saba keetti nan erga; kunis akka ati akka Waaqni akka koo lafa hunda irra hin jirre beektuuf.
au wakati huu nitaleta mapigo yangu yenye nguvu dhidi yako, maafisa wako na watu wako, ili upate kujua kuwa hakuna mwingine kama Mimi katika dunia yote.
15 Silaa amma ani harka koo ol fudhadhee siʼii fi saba kee dhukkuba hamaan dhaʼuu nan dandaʼa ture; atis lafa irraa badda turte.
Kwa kuwa mpaka sasa ningelikuwa nimenyoosha mkono wangu na kukupiga wewe na watu wako kwa pigo ambalo lingekufutilia mbali juu ya nchi.
16 Ani garuu humna koo sirratti argisiisuu fi akka maqaan koo lafa hunda irratti labsamuuf jedheen kaayyoo kanaaf si jiraachise.
Lakini nimekuinua wewe kwa kusudi hili hasa, ili nipate kukuonyesha uwezo wangu, na ili Jina langu lipate kutangazwa duniani yote.
17 Ati amma iyyuu saba koo irratti ol ol of qabda; jaras gad hin dhiiftu.
Bado unaendelea kujiinua juu ya watu wangu, wala hutaki kuwaachia waende.
18 Kunoo ani bori yeroo akkanaatti cabbii hamaa erga Gibxi hundeeffamtee jalqabee hamma ammaatti takkumaa Gibxitti hin buʼin tokko nan buusa.
Kwa hiyo, kesho wakati kama huu nitaleta mvua mbaya sana ya mawe ambayo haijapata kunyesha katika nchi ya Misri, tangu siku ilipoumbwa mpaka leo.
19 Egaa amma nama ergiitii horii keetii fi waan alaa qabdu hunda manatti galchisiisi; cabbiin sunis namaa fi horii manatti hin galin kanneen alatti hafan hundatti ni buʼa; isaanis ni dhumu.’”
Sasa toa amri urudishe wanyama wote watoke malishoni na chochote ambacho kipo mashambani waje mpaka mahali pa usalama, kwa sababu mvua ya mawe itanyesha juu ya kila mtu na kila mnyama ambaye hajaletwa ndani ambao bado wako nje mashambani, nao watakufa.’”
20 Qondaaltota Faraʼoon keessaa warri dubbii Waaqayyoo sodaatan garboota isaaniitii fi horii isaanii manatti galfachuuf ariifatanii sokkan.
Wale maafisa wa Farao ambao waliliogopa neno la Bwana wakafanya haraka kuwaleta watumwa wao na mifugo yao ndani.
21 Warri dubbii Waaqayyootiif xiyyeeffannoo hin kennin immoo garboota isaaniitii fi horii isaanii alatti dhiisan.
Lakini wale waliopuuza neno la Bwana wakawaacha watumwa wao na mifugo yao shambani.
22 Waaqayyo Museedhaan, “Akka cabbiin biyya Gibxi hundatti namatti, horii fi biqiltuu lafa qotiisaa Gibxi hunda irratti buʼuuf harka kee gara samiitti diriirsi” jedhe.
Ndipo Bwana akamwambia Mose, “Nyoosha mkono wako kuelekea angani ili kwamba mvua ya mawe inyeshe juu ya Misri yote, juu ya watu, wanyama na juu ya kila kitu kiotacho katika mashamba ya Misri.”
23 Yommuu Museen ulee isaa gara samiitti diriirsettis Waaqayyo kakawwee fi cabbii erge; ibiddis gara lafaatti gad buʼe. Waaqayyos biyya Gibxitti cabbii roobse;
Mose alipoinyoosha fimbo yake kuelekea angani, Bwana akatuma ngurumo na mvua ya mawe, umeme wa radi ulimulika hadi nchi. Kwa hiyo Bwana akaifanya mvua ya mawe kunyesha juu ya nchi ya Misri,
24 cabbiin ni buʼe; ibiddis cabbii wajjin wal make. Cabbiin hamaan akkanaa erga Gibxi saba taatee beekamtee as takkumaa guutuu biyyattiitti hin buune.
mvua ya mawe ikanyesha na radi ikamulika pote. Ikawa dhoruba ya kutisha ambayo haijakuwako katika nchi ya Misri, tangu nchi hiyo iwe taifa.
25 Cabbiin sunis biyya Gibxi keessatti waan ala jiru hunda namas horiis ni dhaʼe; biqiltuu lafa qotiisaa hundas ni balleesse; muka hundas ni barbadeesse.
Mvua ya mawe ikaharibu kila kitu katika nchi ya Misri kilichokuwa katika mashamba, watu na wanyama, ikaharibu kila kitu kinachoota mashambani na kuvunja kila mti.
26 Lafti cabbiin itti hin buʼin biyya Gooshen iddoo Israaʼeloonni jiraatan qofa ture.
Mahali pekee ambapo mvua ya mawe haikunyesha ni nchi ya Gosheni, ambako Waisraeli waliishi.
27 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee akkana jedheen; “Ani amma cubbuu hojjedheera; Waaqayyo qajeelaa dha; anii fi sabni koo garuu balleessaa hojjenneerra.
Ndipo Farao akawaita Mose na Aroni akawaambia, “Wakati huu nimetenda dhambi. Bwana ni mwenye haki, mimi na watu wangu ni wakosaji.
28 Sababii bakakkaa fi cabbiin nutti baayʼateef isin Waaqayyoon nuuf kadhadhaa. Anis gad isin nan dhiisa; isin hammana caalaa as turuu hin qabdan.”
Mwombeni Bwana, kwa kuwa tumepata ngurumo na mvua za mawe za kututosha. Nitawaachia mwondoke; hamtahitaji kungoja zaidi.”
29 Museenis akkana jedhee deebise; “Ani yommuu magaalaa kana keessaa baʼutti harka koo balʼisee Waaqayyo nan kadhadha. Bakakkaan ni dhowwama; cabbiinis siʼachi hin jiraatu; kanaanis ati akka lafti kan Waaqayyoo taate ni beekta.
Mose akamjibu, “Nitakapokuwa nimetoka nje ya mji, nitanyoosha mikono yangu juu kumwomba Bwana. Ngurumo zitakoma na hapatakuwepo mvua ya mawe tena, ili upate kujua kuwa, nchi ni mali ya Bwana.
30 Ani garuu akka atii fi qondaaltonni kee amma iyyuu Waaqayyo Waaqa hin sodaanne nan beeka.”
Lakini ninajua kuwa wewe na maafisa wako bado hammwogopi Bwana Mungu.”
31 Waan talbaan daraaree, garbuun immoo bilchaatee tureef talbaa fi garbuun ni badan.
(Kitani na shayiri viliharibiwa, kwa kuwa shayiri ilikuwa na masuke, na kitani ilikuwa katika kutoa maua.
32 Qamadii fi honboriin garuu waan turanii bilchaataniif hin badne.
Hata hivyo, ngano na jamii nyingine ya ngano hazikuharibiwa kwa sababu zilikuwa hazijakomaa bado.)
33 Museenis Faraʼoon biraa deemee magaalaa keessaa gad baʼe; innis harka isaa gara Waaqayyootti balʼise; bakakkaa fi cabbiin ni dhowwaman. Bokkaanis deebiʼee biyyattiitti hin roobne.
Kisha Mose akaondoka kwa Farao akaenda nje ya mji. Mose akanyoosha mikono yake kuelekea kwa Bwana, ngurumo na mvua ya mawe vikakoma, mvua haikuendelea tena kunyesha nchini.
34 Faraʼoonis yommuu akka bokkaan, cabbii fi bakakkaan dhowwaman argetti ammas cubbuu hojjete; innii fi qondaaltonni isaa mata jabeeyyii taʼan.
Farao alipoona kwamba mvua ya mawe na ngurumo zimekoma, akafanya dhambi tena. Yeye na maafisa wake wakafanya mioyo yao kuwa migumu.
35 Akkuma Waaqayyo karaa Museetiin dubbate sana, Faraʼoon mata jabeessa taʼe; saba Israaʼelis gad dhiisuu dide.
Kwa hiyo moyo wa Farao ukawa mgumu, wala hakuwaachia Waisraeli waende, kama vile Bwana alivyokuwa amesema kupitia Mose.