< Baʼuu 8 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi.
And the LORD spoke unto Moses: 'Go in unto Pharaoh, and say unto him: Thus saith the LORD: Let My people go, that they may serve Me.
2 Yoo ati gad isa dhiisuu didde immoo kunoo ani biyya kee guutuutti dhaʼicha fattee nan erga.
And if thou refuse to let them go, behold, I will smite all thy borders with frogs.
3 Lagni Abbayyaa fatteedhaan guutuma; isaanis ol baʼanii mana keetti, dinqa keetti, siree keetti, mana hojjettoota keetiitti, saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keetiittis namʼu.
And the river shall swarm with frogs, which shall go up and come into thy house, and into thy bed-chamber, and upon thy bed, and into the house of thy servants, and upon thy people, and into thine ovens, and into thy kneading-troughs.
4 Fatteewwan kunneen siʼii fi saba kee, qondaaltota kee hundas ni yaabbatu.’”
And the frogs shall come up both upon thee, and upon thy people, and upon all thy servants.'
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii harka kee burqaawwan irratti, lageenii fi kuusaa bishaanii irratti ol kaafadhuutii akka fatteewwan biyya Gibxitti dhufan godhi.’”
And the LORD said unto Moses: 'Say unto Aaron: Stretch forth thy hand with thy rod over the rivers, over the canals, and over the pools, and cause frogs to come up upon the land of Egypt.'
6 Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan.
And Aaron stretched out his hand over the waters of Egypt; and the frogs came up, and covered the land of Egypt.
7 Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan.
And the magicians did in like manner with their secret arts, and brought up frogs upon the land of Egypt.
8 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Akka inni anaa fi saba koo irraa fatteewwan fageessuuf Waaqayyo kadhadhaa; anis akka sabni keessan dhaqee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gadin dhiisa” jedhe.
Then Pharaoh called for Moses and Aaron, and said: 'Entreat the LORD, that He take away the frogs from me, and from my people; and I will let the people go, that they may sacrifice unto the LORD.'
9 Museenis Faraʼooniin, “Akka fatteewwan siʼii fi manneen kee irraa badanii laga Abbayyaa qofa keessatti hafaniif yeroo ani itti siif, qondaaltota keetii fi saba keetiif illee Waaqa kadhadhu ati na beeksisi” jedhe.
And Moses said unto Pharaoh: 'Have thou this glory over me; against what time shall I entreat for thee, and for thy servants, and for thy people, that the frogs be destroyed from thee and thy houses, and remain in the river only?'
10 Faraʼoon immoo, “Bor” jedheen. Museenis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa keenyaa fakkaatu kan tokko iyyuu akka hin jirre akka beektuuf akkuma ati jettu taʼa.
And he said: 'Against to-morrow.' And he said: 'Be it according to thy word; that thou mayest know that there is none like unto the LORD our God.
11 Fatteewwan sun siʼii fi manneen kee irraa, qondaaltota keetii fi saba kee irraa ni badu; laga Abbayyaa qofa keessattis ni hafu.”
And the frogs shall depart from thee, and from thy houses, and from thy servants, and from thy people; they shall remain in the river only.'
12 Musee fi Aroon erga Faraʼoon biraa gad baʼanii booddee Museen waaʼee fatteewwan Waaqni Faraʼoonitti erge sanaa Waaqayyotti iyye.
And Moses and Aaron went out from Pharaoh; and Moses cried unto the LORD concerning the frogs, which He had brought upon Pharaoh.
13 Waaqayyos akkuma Museen kadhate godhe. Fatteewwan sunis mana keessatti, oobdii irratti, dirree irrattis dhuman.
And the LORD did according to the word of Moses; and the frogs died out of the houses, out of the courts, and out of the fields.
14 Fatteewwan sunis walitti qabamanii tuulaman; biyyattiinis ni ajoofte.
And they gathered them together in heaps; and the land stank.
15 Faraʼoon garuu yommuu akka dhaʼichi sun qabbanaaʼe argetti akkuma Waaqayyo dubbatee ture sana mata jabeessa taʼee Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
But when Pharaoh saw that there was respite, he hardened his heart, and hearkened not unto them; as the LORD had spoken.
16 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan, “Arooniin, ‘Ulee kee ol kaasiitii awwaara lafaa dhaʼi’ jedhi; awwaarri sunis biyya Gibxi guutuu keessatti injiraan taʼa” jedhe.
And the LORD said unto Moses: 'Say unto Aaron: Stretch out thy rod, and smite the dust of the earth, that it may become gnats throughout all the land of Egypt.'
17 Isaanis akkasuma godhan. Yommuu Aroon harka isaa isa ulee qabate ol kaafatee awwaara lafaa dhaʼetti injiraan namaa fi horiitti duudde. Awwaarri guutuu biyya Gibxi keessa jiru hundi injiraan taʼe.
And they did so; and Aaron stretched out his hand with his rod, and smote the dust of the earth, and there were gnats upon man, and upon beast; all the dust of the earth became gnats throughout all the land of Egypt.
18 Tolfattoonni garuu falfala isaaniitiin injiraan gad yaasuu yaalanii dadhaban. Injiraanis namaa fi horii irra ture.
And the magicians did so with their secret arts to bring forth gnats, but they could not; and there were gnats upon man, and upon beast.
19 Tolfattoonnis Faraʼooniin, “Kun quba Waaqaa ti” jedhan. Faraʼoon garuu akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee dhagaʼuu dide.
Then the magicians said unto Pharaoh: 'This is the finger of God'; and Pharaoh's heart was hardened, and he hearkened not unto them; as the LORD had spoken.
20 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon duratti dhiʼaadhu; kunoo inni gara bishaanitti gad baʼa; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka inni na tajaajiluuf saba koo gad dhiisi.
And the LORD said unto Moses: 'Rise up early in the morning, and stand before Pharaoh; lo, he cometh forth to the water; and say unto him: Thus saith the LORD: Let My people go, that they may serve Me.
21 Yoo ati saba koo gad dhiisuu didde immoo kunoo, ani tuuta tisiisaa sitti, qondaaltota keetti, saba keetti, manneen keetti nan erga. Manneen warra Gibxi, lafti isaan jiraatanis tisiisaan guutamu.
Else, if thou wilt not let My people go, behold, I will send swarms of flies upon thee, and upon thy servants, and upon thy people, and into thy houses; and the houses of the Egyptians shall be full of swarms of flies, and also the ground whereon they are.
22 “‘Ani garuu guyyaa sana iddoo sabni koo jiraatu Gooshenin haala addaatiin nan ilaala; akka ati akka ani Waaqayyo biyya kana keessa jiru beektuuf tisiisni tokko iyyuu achi hin jiraatu.
And I will set apart in that day the land of Goshen, in which My people dwell, that no swarms of flies shall be there; to the end that thou mayest know that I am the LORD in the midst of the earth.
23 Ani saba kootii fi saba kee gidduutti garaa garummaa nan uuma. Mallattoon kunis bori taʼa.’”
And I will put a division between My people and thy people — by to-morrow shall this sign be.'
24 Waaqayyos akkasuma godhe. Tisiisni baayʼeen mana Faraʼoonii fi manneen qondaaltota isaatti duude; biyyi Gibxi guutuunis tisiisaan balleeffame.
And the LORD did so; and there came grievous swarms of flies into the house of Pharaoh, and into his servants' houses; and in all the land of Egypt the land was ruined by reason of the swarms of flies.
25 Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Dhaqaatii biyyuma kana keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessaa” jedheen.
And Pharaoh called for Moses and for Aaron, and said: 'Go ye, sacrifice to your God in the land.'
26 Museen immoo deebisee akkana jedhe; “Akkas gochuun qajeelaa hin taʼu; aarsaan nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf dhiʼeessinu warra Gibxi biratti jibbamaa dha. Kunoo, yoo nu aarsaa fuula isaanii duratti jibbamu dhiʼeessine isaan dhagaadhaan nu hin tumanii ree?
And Moses said: 'It is not meet so to do; for we shall sacrifice the abomination of the Egyptians to the LORD our God; lo, if we sacrifice the abomination of the Egyptians before their eyes, will they not stone us?
27 Akkuma inni nu ajajetti nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessuuf gara gammoojjii karaa guyyaa sadii deemuu qabna.”
We will go three days' journey into the wilderness, and sacrifice to the LORD our God, as He shall command us.'
28 Faraʼoonis, “Ani akka isin gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessitaniif gadin isin dhiisa; garuu baayʼee fagaattani hin deeminaa. Isinis Waaqa naa kadhadhaa” jedhe.
And Pharaoh said: 'I will let you go, that ye may sacrifice to the LORD your God in the wilderness; only ye shall not go very far away; entreat for me.'
29 Museenis akkana jedhee deebise; “Kunoo, ani akkuman si biraa deemeen akka bor tisiisni Faraʼoon irraa, qondaaltota isaatii fi saba isaa irraa kaʼu Waaqayyo nan kadhadha. Yaa Faraʼoon ati garuu, akka sabni kun Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gad dhiisuu diddee ammas nu hin gowwoomsin.”
And Moses said: 'Behold, I go out from thee, and I will entreat the LORD that the swarms of flies may depart from Pharaoh, from his servants, and from his people, tomorrow; only let not Pharaoh deal deceitfully any more in not letting the people go to sacrifice to the LORD.'
30 Museenis ergasii Faraʼoon biraa baʼee Waaqayyo kadhate;
And Moses went out from Pharaoh, and entreated the LORD.
31 Waaqayyos akkuma Museen isa kadhate sana godhe; tisiisni sunis Faraʼoonin, qondaaltota isaatii fi saba isaa gad dhiisee deeme; tisiisni tokko iyyuu hin hafne.
And the LORD did according to the word of Moses; and He removed the swarms of flies from Pharaoh, from his servants, and from his people; there remained not one.
32 Faraʼoon garuu ammas mata jabeessa taʼe; saba sanas gad dhiisuu dide.
And Pharaoh hardened his heart this time also, and he did not let the people go.

< Baʼuu 8 >