< Baʼuu 7 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ilaa, ani Faraʼooniif waaqa si godheera; obboleessi kee Aroon immoo raajii siif taʼa.
Yahweh akasema na Musa, “Ona, nimekufanya kama mungu kwa Farao. Aruni kaka yako atakuwa nabii wako.
2 Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Aroon immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima.
Utasema kila kitu nitacho kuamuru kusema. Aruni kaka yako ata sema na Farao iliawaachie watu wa Israeli watoke kwenye nchi yake.
3 Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu,
Lakini nitaufanya moyo wa Farao mgumu, na nitaonyesha ishara nyingi za nguvu zangu, maajabu mengi, katika nchi ya Misri.
4 inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa.
Lakini Farao hata kusikiliza, kwahiyo nitaueka mkono wangu juu ya Misri na kutoa makundi yangu ya wanaume wapiganaji, watu wangu, wazao wa Israeli, watoke nchi ya Misri kwa matendo makubwa ya hukumu.
5 Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
Wamisri watajua kuwa mimi ni Yahweh nitapo nyoosha mkono wangu kwa Misri na kuwatoa Waisraeli kutoka miongoni mwao.”
6 Musee fi Aroonis akkuma Waaqayyo isaan ajaje godhan.
Musa na Aruni wakafanya hivyo; walifanya kama Yahweh alivyo waamuru.
7 Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Museen nama waggaa saddeettama ture; Aroon immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture.
Musa alikuwa na miaka themanini, na Aruni miaka themanini na tatu walipo ongea na Farao.
8 Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
Yahweh akamwambia Musa na Aruni,
9 “Yommuu Faraʼoon, ‘Dinqii hojjedhaa’ isiniin jedhutti, ati immoo Arooniin, ‘Ulee kee fuudhiitii fuula Faraʼoon duratti lafa buusi’ jetta; uleen sunis bofa taʼa.”
“Wakati Farao atakapo waambia, 'Fanya muujiza,' utamwambia Aruni, 'Chukuwa gongo lako na ulirushe chini mbele ya Farao, ililigeuke nyoka.”'
10 Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate.
Kisha Musa na Aruni wakaenda kwa Farao, na wakafanya kama Yahweh alivyo waamuru. Aruni akarusha chini gongo lake mbele ya Farao na watumishi wake, na likageuka nyoka.
11 Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan.
Kisha naye Farao akawaita wazee wenye hekima na wachawi. Wakafanya jambo hilo hilo kwa uchawi wao.
12 Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Aroon garuu ulee isaanii liqimsite.
Kila mtu akarusha chini gongo lake, na magongo yakawa nyoka. Lakini gongo la Aruni lilimeza nyoka zao.
13 Taʼus Faraʼoon akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.
Moyo wa Farao ulikuwa mgumu, na akusikiliza, kama Yahweh alivyo tabiri.
14 Kana irratti Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon mata jabeessa taʼeera; saba sanas gad dhiisuu dide.
Yahweh akasema na Musa, “Moyo wa Farao ni mgumu, na anakataa kuacha watu waende.
15 Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi; kunoo inni bishaanitti gad baʼa. Ulee bofatti geeddaramte sana harkatti qabadhuutii qarqara laga Abbayyaatti isa eegi.
Nenda kwa Farao asubui anapoenda kwenye maji. Simama kwenye chanzo cha mto kukutana naye, na uchukuwe mkononi mwako gongo ambalo liligeuka nyoka.
16 Akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa akkana jedhee sitti na ergeera: Akka sabni koo dhaqee gammoojjii keessatti naaf sagaduuf gad lakkisi. Ati garuu hamma ammaatti ajajamuu diddeerta.
Mwambie, 'Yahweh, Mungu wa Waebrania, amenituma kwako, “Acha watu wangu waende, iliwaniabudu nyikani. Mpaka sasa haujanisikiliza.”
17 Waaqayyo akkana jedha: Akka ani Waaqayyo taʼe ati kanaan beekta: Kunoo ani ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan Abbayyaa nan dhaʼa; bishaan sunis dhiigatti geeddarama.
Yahweh anasema hili: “Kwa hili utajua kuwa mimi ni Yahweh. Ninaenda kupiga maji ya mto wa Misri kwa gongo langu lililo mikono mwangu, na mto utageuzwa kuwa damu.
18 Qurxummiiwwan laga Abbayyaa keessaa ni duʼu; lagni sunis ni ajaaʼa; warri Gibxis bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼan.’”
Samaki walio kwenye mto watakufa, na mto utanuka. Wa Misri Hawataweza kunywa maji yalio kwenye mto.”'''
19 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii bishaanota Gibxi irratti, lageen isaanii irratti, doloolloo isaanii irratti, haroo isaaniitii fi kuusaa bishaanii hunda irratti harka kee diriirsi.’ Isaanis dhiigatti geeddaramu. Gibxi guutuun dhiigaan guutama; qodaan mukaatii fi okkoteen dhagaa dhiigaan guutaman.”
Kisha Yahweh akasema na Musa, “Mwambie Aruni, 'Chukuwa gongo lako na unyooshe mkono kwenye maji ya Misri, na juu ya mito yake, mifereji, visima, na madimbwi yote, ili maji yao ya damu. Fanya hivi ilikuwe na damu nchi nzima ya Misri, hadi kwenye vyombo vyote vya mbao na mawe.”'
20 Musee fi Aroon akkuma Waaqayyo isaan ajaje sana godhan. Aroon ulee isaa ol fuudhee fuula Faraʼooniitii fi qondaaltota isaa duratti bishaan Abbayyaa dhaʼe; bishaan sun hundis dhiigatti geeddarame.
Musa na Aruni walifanya kama Yahweh alivyo waamuru. Aruni alinyanyua gongo na kupiga maji ya mto, machoni pa Farao na watumishi wake. Maji yote kwenye mto yaligeuga damu.
21 Qurxummiiwwan Abbayyaa duunaan lagichi ajaaʼe; warri Gibxis bishaan isaa dhuguu hin dandeenye. Gibxi guutuunis dhiigaan guutame.
Samaki kwenye mto wakafa, na mto ukaanza kunuka. Wamisri hawakuweza kunywa maji kwenye mto, na damu ilikuwa kila mahali katika nchii ya Misri.
22 Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma Waaqayyo jedhe sana Musee fi Aroon dhagaʼuu dide.
Lakini wachawi walifanya vivyo hivyo na uchawi wao. Kwaiyo moyo wa Farao ukawa mgumu, na akakataa kuwasikiliza Musa na Aruni, kama Yahweh alivyo sema itatokea.
23 Faraʼoonis deebiʼee masaraa isaa seene; innis waan kana yaadatti illee hin qabanne.
Kisha Farao akarudi na kwenda nyumbani kwake. Wala hakutilia maanani hili.
24 Warri Gibxi hundi waan bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼiniif bishaan dhugaatii baafachuuf jedhanii qarqara Abbayyaa qotatan.
Wamisri wote walichimba pembeni ya mto kwa ajili ya maji ya kunywa, lakini hawakuweza kunywa maji ya mto.
25 Erga Waaqayyo Abbayyaan dhaʼee guyyaan torba darbe.
Siku saba zilipita baada ya Yahweh kushambulia mto.

< Baʼuu 7 >