< Baʼuu 6 >
1 Waaqayyos Museedhaan, “Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa” jedhe.
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa, “Yanzu za ka gan abin da zan yi da Fir’auna. Zan sa shi dole yă bar su su tafi, har ma yă iza ƙyeyarsu don su bar ƙasarsa!”
2 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Ani Waaqayyo.
Allah ya kuma ce wa Musa, “Ni ne Ubangiji.
3 Ani akka Waaqa Waan Hunda Dandaʼuuttan Abrahaamitti, Yisihaaqittii fi Yaaqoobitti mulʼadhe; garuu maqaa koo Waaqayyoon isaanitti of hin beeksifne.
Na bayyana ga Ibrahim, ga Ishaku da kuma ga Yaƙub a matsayin Allah Maɗaukaki, amma sunan nan nawa Ubangiji, ban bayyana kaina a gare su ba.
4 Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera.
Na kuma kafa alkawari da su don in ba su ƙasar Kan’ana, inda suka yi zaman baƙunci.
5 Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera.
Ban da haka ma, na ji nishe-nishen Isra’ilawa, waɗanda Masarawa suka bautar, na kuma tuna da alkawarina.
6 “Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Waaqayyo; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura.
“Saboda haka, ka ce wa Isra’ilawa, ‘Ni ne Ubangiji, zan kuma fitar da ku daga bauta ta Masarawa. Zan’yantar da ku daga zama bayinsu, da ƙarfina zan fanshe ku, in kawo hukunci mai zafi a kansu, don in cece ku.
7 Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Waaqa keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu.
Zan ɗauke ku tamƙar mutanena, in kuma zama Allahnku. Sa’an nan za ku sani Ni ne Ubangiji Allahnku, wanda ya fitar da ku daga wahalar Masarawa.
8 Ani biyya isan Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani Waaqayyo.’”
Zan kuwa kawo ku a ƙasar da na rantse da hannun da na ɗaga sama, cewa zan ba wa Ibrahim, wa Ishaku, da kuma wa Yaƙub. Zan ba da ita gare ku gādo. Ni ne Ubangiji.’”
9 Museenis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye.
Musa ya faɗa wa Isra’ilawa wannan magana, amma ba su kasa kunne a gare shi ba, don ɓacin rai saboda tsananin aikin bauta.
10 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa,
11 “Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
“Koma ka ce wa Fir’auna sarkin Masar, yă bar Isra’ilawa su fita daga ƙasarsa.”
12 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii” jedhe.
Amma Musa ya ce wa Ubangiji, “In Isra’ilawa ba su ji ni ba, yaya Fir’auna zai ji ni, da yake ina magana da ƙyar?”
13 Waaqayyo garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Musee fi Aroonitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje.
Ubangiji ya yi magana da Musa da Haruna game da Isra’ilawa da Fir’auna sarkin Masar, ya umarce su su fitar da Isra’ilawa daga Masar.
14 Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha: Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii. Warri kunneen gosoota Ruubeen.
Waɗannan su ne shugabannin iyalansu.’Ya’yan Ruben maza ɗan farin Isra’ila su ne, Hanok da Fallu, Hezron da Karmi. Waɗannan su ne dangin Ruben.
15 Ilmaan Simiʼoon: Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan. Isaan kunneen maatiiwwan Simiʼoon.
’Ya’yan Simeyon maza su ne, Yemuwel, Yamin, Ohad, Yakin, Zohar da Sha’ul ɗan mutuniyar Kan’ana. Waɗannan su ne dangin Simeyon.
16 Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii. Lewwiin waggaa 137 jiraate.
Waɗannan su ne sunayen’ya’yan Lawi maza bisa ga abin da aka rubuta, Gershon, Kohat da Merari. Lawi ya yi shekara 137.
17 Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti: Loobeenii fi Shimeʼii.
’Ya’yan Gershon maza, bisa ga dangi su ne, Libni da Shimeyi.
18 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel. Qohaati waggaa 133 jiraate.
’Ya’yan Kohat maza, su ne, Amram, Izhar, Hebron da Uzziyel. Kohat ya yi shekara 133.
19 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Isaan kunneenis akkuma dhaloota isaaniitti maatiiwwan Lewwii ti.
’Ya’yan Merari maza, su ne, Mali da Mushi. Waɗannan su ne dangin Lawi bisa ga abin da aka rubuta.
20 Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Aroonii fi Musee deesseef. (Amraam waggaa 137 jiraate.)
Amram ya auri’yar’uwar mahaifinsa Yokebed, wadda ta haifa masa Haruna da Musa. Amram ya yi shekara 137.
21 Ilmaan Yizihaar: Qooraahi, Naafegii fi Zikrii.
’Ya’yan Izhar maza, su ne, Kora, Nefeg da Zikri.
22 Ilmaan Uziiʼeel: Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii.
’Ya’yan Uzziyel maza, su ne, Mishayel, Elzafan da Sitri.
23 Aroon intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.
Haruna ya auri Elisheba,’yar Amminadab,’yar’uwar Nashon, sai ta haifa masa Nadab da Abihu, Eleyazar da Itamar.
24 Ilmaan Qooraahi: Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf. Isaan kunneenis maatiiwwan Qooraahii ti.
’Ya’yan Kora maza, su ne, Assir, Elkana da Abiyasaf. Waɗannan su ne dangin Kora.
25 Eleʼaazaar ilmi Aroon intallan Fuutʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef. Isaan kunneenis akkuma maatiiwwan isaaniitti hangafoota balbala Lewwii ti.
Eleyazar ɗan Haruna, ya auri ɗaya daga cikin’yan matan Futiyel, sai ta haifa masa Finehas. Waɗannan su ne shugabannin iyalan Lawi, dangi, dangi.
26 Aroonii fi Museen warri Waaqayyo, “Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa” jedheen sun isaanuma kana.
Wannan Haruna da Musa ne, waɗanda Ubangiji ya yi musu magana ya ce, “Ku fitar da Isra’ilawa daga Masar ɓangare-ɓangare.”
27 Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Musee fi Aroon isaanuma kana.
Su ne suka yi magana da Fir’auna sarkin Masar game da fitar da Isra’ilawa daga Masar, wannan Musa da Haruna.
28 Waaqayyo yeroo Gibxi keessatti Museetti dubbate sana
Ana nan, sa’ad da Ubangiji ya yi magana da Musa a Masar,
29 akkana jedheen; “Ani Waaqayyoo dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi.”
ya ce masa, “Ni ne Ubangiji. Sai ka faɗa wa Fir’auna sarkin Masar kome da na faɗa maka.”
30 Museen garuu Waaqayyoon, “Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?” jedhe.
Amma Musa ya ce wa Ubangiji, “Ni mai nauyin baki ne, ina magana da ƙyar, ƙaƙa Fir’auna zai kasa kunne gare ni?”