< Baʼuu 5 >

1 Ergasii Musee fi Aroon Faraʼoon bira dhaqanii, “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Akka inni gammoojjiitti ayyaana naa ayyaanessuuf saba koo gad dhiisi.’”
After this Moses and Aaron went to Pharaoh and told him, “This is what the Lord, the God of Israel says, ‘Let my people go so they can hold a religious festival for me in the desert.’”
2 Faraʼoon immoo, “Akka ani isaaf ajajamee Israaʼelin gad dhiisuuf Waaqayyo kun eenyu? Ani Waaqayyo sana hin beeku; Israaʼelinis gad hin dhiisu” jedhe.
“Who is this ‘Lord’ that I should listen to his request to let Israel go?” Pharaoh replied. “I don't know the Lord and I certainly won't let Israel leave!”
3 Isaanis akkana jedhan; “Waaqni Ibrootaa nutti dhufeera. Akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami; akkas taʼuu baannaan inni dhaʼichaan yookaan goraadeedhaan nu dhaʼa.”
“The God of the Hebrews came to us,” they added. “Please allow us to go a three days journey into the desert and offer sacrifices to the Lord our God. Otherwise he'll kill us by disease or by the sword.”
4 Mootiin Gibxi garuu, “Yaa Musee fi Aroon, isin maaliif saba kana hojii dhowwitu? Hojii keessanitti deebiʼaa!” isaaniin jedhe.
“Moses and Aaron, why are you trying to take people away from their assigned labor?” Pharaoh asked. “Get back to work!” he ordered.
5 Faraʼoonis ittuma fufee, “Kunoo sabni biyyattii amma baayʼateera; isin immoo hojii isaan dhowwaa jirtu” jedhe.
“Look here,” he went on. “There are many of your people here in our country and you are preventing them from doing their assigned labor.”
6 Guyyuma sana Faraʼoon akkana jedhee itti gaafatamtoota hojiitii fi qondaaltota sabaa ajaje;
That very day he ordered the slave drivers and those in charge of the people:
7 “Siʼachi xuubii hojjechuudhaaf saba kanaaf cidii hin kenninaa; isaan ofuma isaaniitii dhaqanii cidii haa barbaaddatan.
“Don't give them any more straw to make bricks like before. Have them go and collect the straw themselves.
8 Garuu akka isaan lakkoobsa xuubii kan duraan hojjechaa turan sana hojjetan godhaa; hamma isaanitti ramadame hin hirʼisinaa. Isaan dhibaaʼoo dha; kanaafuu, ‘Nu dhaqnee Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessina’ jedhanii iyyaa jiru.
But still make them produce the same quantity of bricks as before. They're lazy people—that's why they're calling out, asking, ‘Please let us go and offer sacrifices to our god.
9 Akka isaan hojiidhaan qabamanii dubbii sobaatiif xiyyeeffannoo hin kennineef hojii isaanitti cimsaa.”
Make their work harder so they can get on with it and not pay any attention to all these lies!”
10 Itti gaafatamtoonni hojiitii fi qondaaltonni sabaa gad yaaʼanii saba sanaan akkana jedhan; “Faraʼoon akkana jedha: ‘Ani siʼachi cidii isinii hin kennu.
So the slave drivers and those in charge went out and told the people, “This is what Pharaoh has ordered: ‘I won't give you any more straw.
11 Lafa itti argachuu dandeessan dhaqaatii ofii keessanii cidii barbaaddadhaa; hojiin keessan garuu gonkumaa hin hirʼatu.’”
Go and get straw for yourselves wherever you can find it, because your work quota won't be reduced.”
12 Sabni sun qooda cidii, haafa walitti qabachuuf jedhee biyya Gibxii guutuu keessa faffacaʼe.
So the people went all over Egypt collecting stubble for straw.
13 Itti gaafatamtoonni sunis, “Isin hojii keessan kan guyyaa guyyaa akkuma yeroo cidiin ture sanaatti hojjedhaa raawwadhaa” jedhanii isaan jarjarsaa turan.
The slave drivers kept on forcing them, saying, “You still have to do the same work as you did when you had straw provided!”
14 Israaʼeloonni qondaaltota hojii taʼan kanneen itti gaafatamtoota garboota Faraʼooniin muudamanis reebamanii, “Isin kaleessaa fi harʼa maaliif qooda xuubii kan akka hojjettaniif isinii ramadame sana akkuma duriitti hin guuttanne?” jedhamanii gaafatamaa turan.
They beat the Israelite supervisors they had put in charge, shouting at them, “Why haven't you met your quota of bricks as you did before?”
15 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼanis dhaqanii akkana jedhanii Faraʼoonitti iyyatan; “Ati maaliif tajaajiltoota kee akkas goota?
The Israelite supervisors went to Pharaoh to complain, saying, “Why are you treating us your servants like this?
16 Cidiin tajaajiltoota keetiif hin kennamu; taʼus, ‘Xuubii hojjedhaa!’ nuun jedhan. Kunoo tajaajiltoonni kee reebamaa jiru; balleessaan garuu kanuma saba keetii ti.”
You don't give us any straw but your slave drivers demand that we make bricks, and they beat us! Your people are treating us badly!”
17 Faraʼoonis akkana jedhe; “Isin dhibaaʼoo dha; isin dhibaaʼoo dha! Kanaafuu isin, ‘Nu dhaqnee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessina’ jettan.
“No, you're just lazy, lazy people!” Pharaoh replied. “That's why you keep on asking, ‘Please let us go and offer sacrifices to the Lord.’
18 Amma dhaqaatii hojjedhaa; cidiin isiniif hin kennamu; garuu xuubii isinitti ramadame hojjetanii guutuu qabdu.”
Now get out of here and go back to work! You won't be given any straw but you'll still have to produce the full quota of bricks!”
19 Israaʼeloonni toʼattoota hojii taʼan yommuu, “Isin lakkoobsa xuubii kan guyyaa guyyaatti akka hojjettaniif isin irraa eegamu sana hirʼisuu hin qabdan” jedhamee isaanitti himametti akka rakkina keessa seenan hubatan.
The Israelite supervisors realized they were in trouble when they were told, “You must not reduce the daily production of bricks.”
20 Yeroo Faraʼoon biraa gad baʼanitti utuu Musee fi Aroon isaan eeganuu argatan;
They went over to Moses and Aaron who were waiting for them after their meeting with Pharaoh,
21 isaanis, “Waan isin akka Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa nu xireeffatan gootanii akka isaan nu ajjeesaniif goraadee harka isaanii keessa keessaniif Waaqayyo isinitti haa ilaalu; isinitti haa murus!” jedhan.
and said, “May the Lord see what you have done and judge you accordingly! You have made us like a bad smell to Pharaoh and his officials. You have put a sword in their hands to kill us!”
22 Museen gara Waaqayyootti deebiʼee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ati maaliif saba kanatti rakkina fidde? Ati kanaaf na ergitee?
Moses went back to the Lord and complained, “Why have you caused all this trouble for your own people, Lord? Was this why you sent me?
23 Gaafa ani maqaa keetiin dubbachuuf Faraʼoon bira dhaqee jalqabee inni saba keetti rakkinuma fidaa jira; ati garuu gonkumaa saba kee hin furre.”
Ever since I went to Pharaoh to speak for you, he has been even harder on your people, and you haven't done anything to save them!”

< Baʼuu 5 >