< Baʼuu 40 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
Sa’an nan Ubangiji ya ce wa Musa,
2 “Guyyaa jalqaba jiʼa jalqabaatti dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dhaabi.
“Ka kafa tabanakul, da Tentin Sujada, a kan rana ta fari ga watan fari.
3 Taabota kakuu seeraa isa keessa kaaʼiitii taaboticha golgaadhaan daʼeessi.
Ka sa akwatin Alkawari a cikinsa, sa’an nan ka rufe shi da labule.
4 Minjaala ol galchiitii miʼa isaa tottolchi. Ergasiis baattuu ibsaa ol galchiitii ibsaa isaa irra dhaabi.
Ka shigar da teburin ka shirya kayayyakin a kansa. Sa’an nan ka shigar da wurin ajiye fitilan ka kuma sa fitilunsa.
5 Iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetame fuula taabota kakuu seeraa dura dhaabiitii balbala dunkaana qulqulluutti immoo golgaa fannisi.
Ka sa bagaden zinariya na ƙona turare a gaban akwatin Alkawari, ka kuma sa labule a ƙofar shiga tabanakul.
6 “Iddoo aarsaa qalma gubamuu sanas fuula balbala dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dura dhaabi;
“Ka ajiye bagade na yin hadaya ta ƙonawa a gaban ƙofar tabanakul, da Tentin Sujada;
7 gabatee itti dhiqatanis dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabiitii bishaan itti naqi.
ka ajiye daron tsakanin Tentin Sujada da bagaden, ka kuma zuba ruwa a cikinsa.
8 Naannoo isaattis oobdii hojjedhuutii balbala isaatti golgaa kaaʼi.
Ka yi fili kewaye da shi, ka kuma sa labule a ƙofar shiga filin.
9 “Zayitii ittiin diban fuudhiitii dunkaana qulqulluu fi waan isa keessa jiru hunda dibi; dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda qulqulleessi; innis ni qulqullaaʼa.
“Ka ɗauki man shafewa ka shafe tabanakul da duka abin da yake cikinsa; ka keɓe shi da dukan kayayyakinsa, zai zama tsarkake.
10 Ergasiis iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi; innis waan hunda caalaa qulqullaaʼaa taʼa.
Sa’an nan ka shafe bagaden hadaya ta ƙonawa da kayansa; ka keɓe bagaden, zai zama mai tsarki.
11 Gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibiitii isaan qulqulleessi.
Ka shafe daron da wurin ajiyarsa, ka kuma keɓe su.
12 “Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
“Ka kawo Haruna da’ya’yansa a ƙofar Tentin Sujada ka wanke su da ruwa.
13 Ergasii Aroonitti wayyaa qulqulluu uffisi; akka inni lubummaadhaan na tajaajiluufis dibiitii isa qulqulleessi.
Sa’an nan ka sa wa Haruna tsarkakun riguna, ka shafe shi, ka kuma keɓe shi don yă yi mini hidima a matsayin firist.
14 Ilmaan isaas fidiitii kittaa itti uffisi.
Ka kawo’ya’yansa maza ka sa musu taguwoyi.
15 Akka isaan lubummaadhaan na tajaajilaniifis akkuma abbaa isaanii dibde sanatti isaan dibi; dibamuun isaanii kunis dhaloota dhufu hunda keessatti lubummaa itti fufu taʼa.”
Ka shafe su yadda ka shafe mahaifinsu, don su yi mini hidima a matsayin firistoci. Shafe musu man, zai sa su zama firistoci na ɗinɗinɗin, dukan zamanansu.”
16 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti waan hunda hojjete.
Musa ya aikata dukan kome yadda Ubangiji ya umarce shi.
17 Kanaafuu dunkaanni qulqulluun sun waggaa lamaffaa keessa guyyaa jalqabaa kan jiʼa jalqabaatti dhaabame.
Da haka aka kafa tabanakul, a rana ta fari ga wata na fari a shekara ta biyu.
18 Museen yeroo dunkaana qulqulluu sana dhaabetti miillawwan dunkaanichaa itti kaaʼe; tuggeewwan isaa dhadhaabe; dagaleewwan isaa loose; utuboota isaa dhadhaabe.
Sa’ad da Musa ya kafa tabanakul, ya sa rammuka a wurinsu, ya sa katakan, ya kuma sa sandunan, ya kakkafa dogayen sandunan.
19 Innis akkuma Waaqayyo isa ajajetti dunkaana qulqulluu irraan dunkaana diriirsee dunkaana sanatti immoo irra buusa uffise.
Sa’an nan ya shimfiɗa tentin a bisa tabanakul, ya kuma sa murfi a bisa tentin, yadda Ubangiji ya umarce shi.
20 Dhuga baʼumsa sana fuudhee taabota keessa kaaʼe; danqaraawwanis taabotatti hidhe; teessoo araaraa immoo taabota gubbaa kaaʼe.
Ya ɗauki dokokin Alkawari ya sa a cikin akwatin, ya kuma zura sandunan a zoban akwatin, sa’an nan ya sa murfin kafara a bisansa.
21 Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti taabota sana dunkaana qulqulluutti ol galchee golgaa daʼeessu fanniseef; taabota kakuu seeraa sanas daʼeesse.
Sai ya kawo akwatin a cikin tabanakul, ya kuma rataye labulen rufewa ya tsare akwatin Alkawarin, yadda Ubangiji ya umarce shi.
22 Museenis minjaala sana gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa golgaa sanaan ala kaaʼe.
Musa ya sa teburin a Tentin Sujada, a gefen arewa na tabanakul waje da labulen.
23 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis fuula Waaqayyoo duratti buddeena achi irra kaaʼe.
Ya shirya burodin a kai a gaban Ubangiji, yadda Ubangiji ya umarce shi.
24 Baattuu ibsaa immoo gama kibbaa dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa fuullee minjaalaatiin kaaʼe.
Ya sa wurin ajiye fitilan a Tentin Sujada ɗaura da teburin a gefen kudu na tabanakul
25 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ibsaawwan sana fuula Waaqayyoo dura dhadhaabe.
ya kuma shirya fitilun a gaban Ubangiji, yadda Ubangiji ya umarce shi.
26 Museenis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame sana fuula golgaa duraan dunkaana wal gaʼii keessa dhaabe.
Musa ya sa bagaden zinariya a cikin Tentin Sujada a gaban labulen
27 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ixaana urgaaʼaa isa irratti aarse.
ya ƙone turare mai ƙanshi a kai, yadda Ubangiji ya umarce shi.
28 Balbala dunkaana qulqulluu irrattis golgaa fannise.
Sa’an nan ya sa labule a ƙofar shiga na tabanakul.
29 Inni akkuma Waaqayyo isa ajajetti iddoo aarsaa qalma gubamuu sana balbala dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii bira dhaabee qalma gubamuu fi kennaa midhaanii isa irratti dhiʼeesse.
Ya sa bagaden hadaya ta ƙonawa kusa da ƙofar tabanakul, Tentin Sujada, sa’an nan ya miƙa hadaya ta ƙonawa da hadaya ta gari a kansa, yadda Ubangiji ya umarce shi.
30 Gabatee sanas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼee bishaan dhiqataa itti naqe;
Ya sa daro tsakanin Tentin Sujada da bagade, ya kuma zuba ruwa a cikinsa don wanki,
31 Museen, Aroonii fi ilmaan Arooniis harka isaaniitii fi miilla isaanii dhiqachuuf itti fayyadamu turan.
a cikin kuwa Musa da Haruna da’ya’yansa maza sukan wanke hannunsa da ƙafafunsu.
32 Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan yeroo iddoo aarsaatti dhiʼaatan hunda ni dhiqatu turan.
Sukan yi wanka a duk sa’ad da suka shiga Tentin Sujada, ko in suka kusaci bagade, yadda Ubangiji ya umarci Musa.
33 Museenis naannoo dunkaana qulqulluutii fi iddoo aarsaatti oobdii hojjetee balbala waltajjichaa irra golgaa dhaabe; akkasiin Museen hojii sana hojjetee fixe.
Sa’an nan Musa ya yi fili kewaye da tabanakul da kuma bagaden, ya rataye labule a ƙofar shiga filin. Da haka Musa ya gama aikin.
34 Ergasiis duumessi dunkaana wal gaʼii haguuge; ulfinni Waaqayyoos dunkaana qulqulluu sana guute.
Sa’an nan girgije ya rufe Tentin Sujada sai ɗaukakar Ubangiji ta cika tabanakul.
35 Museenis sababii duumessi sun dunkaana wal gaʼii irra buʼee fi sababii ulfinni Waaqayyoo dunkaana qulqulluu guuteef dunkaana wal gaʼii seenuu hin dandeenye.
Musa bai iya shiga Tentin Sujada ba domin girgije ya riga ya sauka a kansa, ɗaukakar Ubangiji kuwa ta cika tabanakul.
36 Israaʼeloonni karaa isaanii hunda keessatti yommuu duumessi dunkaana qulqulluu irraa kaʼu hunda kaʼanii deemsa isaanii itti fufu turan.
Cikin tafiyar Isra’ilawa duka, sukan kama tafiyarsu ne a duk sa’ad da girgijen ya tashi daga kan tabanakul.
37 Yoo duumessi irraa kaʼuu baate garuu hamma gaafa duumessi sun irraa kaʼuutti hin deeman ture.
Idan girgijen bai tashi ba, ba za su tashi ba, sai a ranar da ya tashi.
38 Kanaafuu karaa isaanii hunda keessatti fuula saba Israaʼel hundaa duratti guyyaa guyyaa duumessi Waaqayyoo dunkaana qulqulluu irra ture; halkan halkan immoo ibiddi duumessa sana keessa ture.
Gama a cikin tafiyarsu duka, girgijen Ubangiji yana kan tabanakul da rana, da dare kuwa wuta yake cikinsa domin dukan Isra’ilawa su gani.

< Baʼuu 40 >