< Baʼuu 40 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
耶和華曉諭摩西說:
2 “Guyyaa jalqaba jiʼa jalqabaatti dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dhaabi.
「正月初一日,你要立起帳幕,
3 Taabota kakuu seeraa isa keessa kaaʼiitii taaboticha golgaadhaan daʼeessi.
把法櫃安放在裏面,用幔子將櫃遮掩。
4 Minjaala ol galchiitii miʼa isaa tottolchi. Ergasiis baattuu ibsaa ol galchiitii ibsaa isaa irra dhaabi.
把桌子搬進去,擺設上面的物。把燈臺搬進去,點其上的燈。
5 Iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetame fuula taabota kakuu seeraa dura dhaabiitii balbala dunkaana qulqulluutti immoo golgaa fannisi.
把燒香的金壇安在法櫃前,掛上帳幕的門簾。
6 “Iddoo aarsaa qalma gubamuu sanas fuula balbala dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dura dhaabi;
把燔祭壇安在帳幕門前。
7 gabatee itti dhiqatanis dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabiitii bishaan itti naqi.
把洗濯盆安在會幕和壇的中間,在盆裏盛水。
8 Naannoo isaattis oobdii hojjedhuutii balbala isaatti golgaa kaaʼi.
又在四圍立院帷,把院子的門簾掛上。
9 “Zayitii ittiin diban fuudhiitii dunkaana qulqulluu fi waan isa keessa jiru hunda dibi; dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda qulqulleessi; innis ni qulqullaaʼa.
用膏油把帳幕和其中所有的都抹上,使帳幕和一切器具成聖,就都成聖。
10 Ergasiis iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi; innis waan hunda caalaa qulqullaaʼaa taʼa.
又要抹燔祭壇和一切器具,使壇成聖,就都成為至聖。
11 Gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibiitii isaan qulqulleessi.
要抹洗濯盆和盆座,使盆成聖。
12 “Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
要使亞倫和他兒子到會幕門口來,用水洗身。
13 Ergasii Aroonitti wayyaa qulqulluu uffisi; akka inni lubummaadhaan na tajaajiluufis dibiitii isa qulqulleessi.
要給亞倫穿上聖衣,又膏他,使他成聖,可以給我供祭司的職分;
14 Ilmaan isaas fidiitii kittaa itti uffisi.
又要使他兒子來,給他們穿上內袍。
15 Akka isaan lubummaadhaan na tajaajilaniifis akkuma abbaa isaanii dibde sanatti isaan dibi; dibamuun isaanii kunis dhaloota dhufu hunda keessatti lubummaa itti fufu taʼa.”
怎樣膏他們的父親,也要照樣膏他們,使他們給我供祭司的職分。他們世世代代凡受膏的,就永遠當祭司的職任。」
16 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajajetti waan hunda hojjete.
摩西這樣行,都是照耶和華所吩咐他的。
17 Kanaafuu dunkaanni qulqulluun sun waggaa lamaffaa keessa guyyaa jalqabaa kan jiʼa jalqabaatti dhaabame.
第二年正月初一日,帳幕就立起來。
18 Museen yeroo dunkaana qulqulluu sana dhaabetti miillawwan dunkaanichaa itti kaaʼe; tuggeewwan isaa dhadhaabe; dagaleewwan isaa loose; utuboota isaa dhadhaabe.
摩西立起帳幕,安上帶卯的座,立上板,穿上閂,立起柱子。
19 Innis akkuma Waaqayyo isa ajajetti dunkaana qulqulluu irraan dunkaana diriirsee dunkaana sanatti immoo irra buusa uffise.
在帳幕以上搭罩棚,把罩棚的頂蓋蓋在其上,是照耶和華所吩咐他的。
20 Dhuga baʼumsa sana fuudhee taabota keessa kaaʼe; danqaraawwanis taabotatti hidhe; teessoo araaraa immoo taabota gubbaa kaaʼe.
又把法版放在櫃裏,把槓穿在櫃的兩旁,把施恩座安在櫃上。
21 Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti taabota sana dunkaana qulqulluutti ol galchee golgaa daʼeessu fanniseef; taabota kakuu seeraa sanas daʼeesse.
把櫃抬進帳幕,掛上遮掩櫃的幔子,把法櫃遮掩了,是照耶和華所吩咐他的。
22 Museenis minjaala sana gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa golgaa sanaan ala kaaʼe.
又把桌子安在會幕內,在帳幕北邊,在幔子外。
23 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis fuula Waaqayyoo duratti buddeena achi irra kaaʼe.
在桌子上將餅陳設在耶和華面前,是照耶和華所吩咐他的。
24 Baattuu ibsaa immoo gama kibbaa dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa fuullee minjaalaatiin kaaʼe.
又把燈臺安在會幕內,在帳幕南邊,與桌子相對,
25 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ibsaawwan sana fuula Waaqayyoo dura dhadhaabe.
在耶和華面前點燈,是照耶和華所吩咐他的。
26 Museenis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame sana fuula golgaa duraan dunkaana wal gaʼii keessa dhaabe.
把金壇安在會幕內的幔子前,
27 Akkuma Waaqayyo isa ajajettis ixaana urgaaʼaa isa irratti aarse.
在壇上燒了馨香料做的香,是照耶和華所吩咐他的。
28 Balbala dunkaana qulqulluu irrattis golgaa fannise.
又掛上帳幕的門簾。
29 Inni akkuma Waaqayyo isa ajajetti iddoo aarsaa qalma gubamuu sana balbala dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii bira dhaabee qalma gubamuu fi kennaa midhaanii isa irratti dhiʼeesse.
在會幕的帳幕門前,安設燔祭壇,把燔祭和素祭獻在其上,是照耶和華所吩咐他的。
30 Gabatee sanas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼee bishaan dhiqataa itti naqe;
把洗濯盆安在會幕和壇的中間,盆中盛水,以便洗濯。
31 Museen, Aroonii fi ilmaan Arooniis harka isaaniitii fi miilla isaanii dhiqachuuf itti fayyadamu turan.
摩西和亞倫並亞倫的兒子在這盆裏洗手洗腳。
32 Isaanis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan yeroo iddoo aarsaatti dhiʼaatan hunda ni dhiqatu turan.
他們進會幕或就近壇的時候,便都洗濯,是照耶和華所吩咐他的。
33 Museenis naannoo dunkaana qulqulluutii fi iddoo aarsaatti oobdii hojjetee balbala waltajjichaa irra golgaa dhaabe; akkasiin Museen hojii sana hojjetee fixe.
在帳幕和壇的四圍立了院帷,把院子的門簾掛上。這樣,摩西就完了工。
34 Ergasiis duumessi dunkaana wal gaʼii haguuge; ulfinni Waaqayyoos dunkaana qulqulluu sana guute.
當時,雲彩遮蓋會幕,耶和華的榮光就充滿了帳幕。
35 Museenis sababii duumessi sun dunkaana wal gaʼii irra buʼee fi sababii ulfinni Waaqayyoo dunkaana qulqulluu guuteef dunkaana wal gaʼii seenuu hin dandeenye.
摩西不能進會幕;因為雲彩停在其上,並且耶和華的榮光充滿了帳幕。
36 Israaʼeloonni karaa isaanii hunda keessatti yommuu duumessi dunkaana qulqulluu irraa kaʼu hunda kaʼanii deemsa isaanii itti fufu turan.
每逢雲彩從帳幕收上去,以色列人就起程前往;
37 Yoo duumessi irraa kaʼuu baate garuu hamma gaafa duumessi sun irraa kaʼuutti hin deeman ture.
雲彩若不收上去,他們就不起程,直等到雲彩收上去。
38 Kanaafuu karaa isaanii hunda keessatti fuula saba Israaʼel hundaa duratti guyyaa guyyaa duumessi Waaqayyoo dunkaana qulqulluu irra ture; halkan halkan immoo ibiddi duumessa sana keessa ture.
日間,耶和華的雲彩是在帳幕以上;夜間,雲中有火,在以色列全家的眼前。在他們所行的路上都是這樣。