< Baʼuu 4 >
1 Museen, “Yoo isaan, ‘Waaqayyo sitti hin mulʼanne’ jedhanii na amanuu yookaan na dhagaʼuu didan hoo?” jedhee deebise.
“But what if they don't believe me or listen to what I say?” Moses asked. “They could say, ‘The Lord didn't appear to you.’”
2 Kana irratti Waaqayyo, “Wanti harka kee keessa jiru sun maali?” jedheen. Museen immoo, “Ulee dha” jedhee deebise.
The Lord asked him, “What are you holding in your hand?” “A walking stick,” Moses replied.
3 Waaqayyos, “Lafa buusi” jedheen. Museen lafa buufnaan uleen sun bofa taʼe; innis irraa baqate.
“Throw it on the ground,” he told Moses. So Moses did. It turned into a snake and Moses ran away from it.
4 Waaqayyo garuu Museedhaan, “Harka kee hiixadhuutii eegee isaa qabi” jedhe. Museenis hiixatee bofa sana qabe; bofti sunis harka isaa keessatti deebiʼee ulee taʼe.
“Reach out and grab hold of it by its tail,” the Lord told Moses. Moses did so and it turned back into a walking stick in his hand.
5 Waaqayyos, “kun akka isaan Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob sitti mulʼate akka amananiif” jedhe.
“You are to do this so that they will believe that I the Lord did appear to you, the God of their fathers, the God of Abraham, Isaac, and Jacob.”
6 Waaqayyos Museedhaan, “Harka kee bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe. Museenis harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa lamxii akka cabbii taʼe.
Then the Lord told him, “Put your hand inside your clothes close to your chest.” So Moses did as he was told. When he took his hand out, it was white like snow with a skin disease.
7 Innis Museedhaan, “Harka kee deebisii bobaa kee keessa kaaʼadhu” jedhe; Museenis deebisee harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa deebiʼee akkuma dhagna isaa isa kaanii taʼe.
“Now put your hand back inside your clothes,” the Lord said. Moses did so. When he took it out again, his hand had returned to normal.
8 Waaqayyos akkana jedhe; “Isaan yoo si amanuu baatanii mallattoo isa jalqabaa fudhachuu didan mallattoo lammaffaa ni amanu taʼa.
“If they don't believe you and they're not convinced by the first sign, they'll believe because of the second sign,” the Lord explained.
9 Yoo isaan mallattoo kana lamaan amanuu baatanii si dhagaʼuu didan bishaan laga Abbayyaa budduuqsiitii lafa gogaa irratti dhangalaasi. Bishaan ati lagicha irraa budduuqsite sunis lafa gogaa irratti dhiiga taʼa.”
“But if they still don't believe you or listen to you because of these two signs, then you are to take some water from the Nile and pout it out on the ground. The Nile water will turn into blood on the ground.”
10 Museenis Waaqayyoon, “Yaa Gooftaa, ani duris taʼu yookaan erga ati garbicha keetti dubbachuu jalqabdee as nama arraba qajeelu miti. Ani nama afaan isaa hidhamee arrabni isaas itti ulfaatuu dha” jedhe.
Then Moses said to the Lord, “Pleased excuse me, but I'm not someone who is good with words—not in the past, and not from the time you have been speaking with me, your servant. My speech is slow and I don't say things well.”
11 Waaqayyos akkana isaan jedhe; “Kan afaan namaa uume eenyu? Kan akka namni arrab-didaa taʼu yookaan duudu godhu eenyu? Kan agartuu ijaa namaaf kennu yookaan jaamsu eenyu? Anuma Waaqayyoo mitii?
“Who gave people mouths?” the Lord asked him. “Who makes people deaf or dumb, able to see or blind? It's I, the Lord, who does that.
12 Amma dhaqi; ani afaan kee wajjin nan taʼa; waan ati jettus sin barsiisa.”
Now go, and I myself will be your mouth, and I will tell you what you are to say.”
13 Museen garuu, “Yaa Gooftaa, maaloo nama biraa ergi” jedhe.
“Please, Lord, send someone else!” Moses responded.
14 Dheekkamsi Waaqayyoos Musee irratti bobaʼe; innis akkana jedhe; “Obboleessi kee Aroon Lewwichi jira mitii? Ani akka inni akka gaariitti dubbatu nan beeka. Kunoo, inni gara kee dhufuutti jira. Inni yommuu si argutti ni gammada.
The Lord got angry with Moses, and told him, “There's your brother Aaron, the Levite. I know he speaks well. He's on his way to meet you, and he'll be very happy to see you.
15 Ati isatti dubbatee afaan isaa keessa dubbii ni keessa; anis afaan keetii fi afaan isaa wajjin nan taʼa; waan isin hojjettanis isin nan barsiisa.
Speak to him and tell him what to say. I will be your mouth and his mouth, and I will tell you what you are to do.
16 Inni uummatatti siif dubbata; inni afaan siif taʼa; ati immoo isaaf akka Waaqaa ni taata.
Aaron will speak on your behalf to the people, as if he was your mouth, and you will be in the place of God to him.
17 Ati ulee ittiin mallattoo argisiiftu kana harkatti qabadhu.”
Make sure to take your walking stick with you so you can use it to do the signs.”
18 Museen gara abbaa niitii isaa gara Yetrootti deebiʼee, “Akka ani gara saba koo warra Gibxi jiraatanitti deebiʼee hamma ammaatti lubbuun jiraachuu isaanii arguuf maaloo naa eeyyami” jedheen. Yootooris, “Nagaan dhaqi” jedheen.
Then Moses returned to Jethro his father-in-law and told him, “Please allow me to go back to my own people in Egypt so I can see if any of them are still alive.” “Go with my blessing,” Jethro replied.
19 Waaqayyo Midiyaanitti Museedhaan, “Namoonni si ajjeesuu barbaadan hundi duʼaniiruutii Gibxitti deebiʼi” jedhee ture.
While Moses was in Midian, the Lord told him, “Go back to Egypt because all those who wanted to kill you have died.”
20 Kanaafuu Museen niitii isaatii fi ilmaan isaa fuudhatee harree irra kaaʼee Gibxitti deebiʼe. Innis ulee Waaqaa harkatti qabatee ture.
Moses put his wife and sons on a donkey and went back to Egypt, carrying the walking stick that God had used to perform miracles.
21 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ati yeroo Gibxitti deebitutti dinqiiwwan ani akka ati hojjetuuf humna siif kenne sana hunda fuula Faraʼoon duratti hojjedhu. Ani garuu akka inni saba sana gad hin lakkifne mata jabeessa isa nan godha.
The Lord told Moses, “When you get back to Egypt, make sure to go to Pharaoh and carry out the miracles I've given you to do. I will make him stubborn and he will not let the people go.
22 Ati Faraʼooniin akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Israaʼel ilma koo hangafa;
This is what you are to tell Pharaoh, ‘This is what the Lord says. Israel is my firstborn son.
23 anis, “Akka ilmi koo na tajaajiluuf gad lakkisi” jedhee sitti himeera. Ati garuu isa gad lakkisuu didde; kanaafuu, kunoo ani ilma kee hangafa nan ajjeesa.’”
I ordered you to let my son go so he can worship me. But you refused to release him, so I will now kill your firstborn son.”
24 Waaqayyo karaa irratti iddoo bultiitti Museetti dhufee isa ajjeesuu barbaade.
But while they were on their way the Lord came to the place where they were staying, wanting to kill Moses.
25 Ziphooraa garuu dhagaa qara qabu fudhattee qola dhagna ilma ishee kuttee ittiin miilla Musee tuqxe. Isheenis, “Ati dhugumaan anaaf misirricha dhiigaati” jette.
However, Zipporah used a flint knife to cut off her son's foreskin. She touched his feet with it, and said to him, “You are a blood-husband to me.”
26 Waaqayyos isa dhiise. Yeroo sana isheen waaʼee dhagna qabaatiif, “Misirricha dhiigaa ti” jette.
(Calling him a blood-husband referred to circumcision.) After this the Lord left Moses alone.
27 Waaqayyos Arooniin, “Ati Musee simachuuf gara gammoojjii dhaqi!” jedhe. Innis dhaqee Tulluu Waaqaa irratti Musee argatee isa dhungate.
The Lord had told Aaron, “Go and meet Moses in the desert.” So Aaron went and met Moses at the mountain of God and greeted him with a kiss.
28 Yeroo sana Museen dubbii Waaqayyo akka inni dubbatuuf isa erge hundaa fi mallattoowwan akka inni hojjetuuf isa ajaje hunda Aroonitti hime.
Then Moses explained to Aaron everything the Lord had sent him to say and all the miracles he had ordered him to do.
29 Musee fi Aroon maanguddoota Israaʼel hunda walitti qaban;
Moses and Aaron traveled to Egypt. There they had all the Israelite elders gather together.
30 Aroonis waan Waaqayyo Museetti hime hunda jaratti hime. Mallattoowwanis fuula namootaa duratti hojjete;
Aaron shared with them everything the Lord had told Moses, and Moses carried out the miracles so they could see them.
31 isaanis ni amanan. Jarris yommuu akka Waaqayyo saba Israaʼel ilaalee fi akka inni rakkina isaaniis arge dhagaʼanitti gad jedhanii sagadan.
The Israelites were convinced. When they heard that the Lord had come to them, and that he had been touched by their suffering, they bowed their heads and worshiped.