< Baʼuu 39 >

1 Isaanis uffata kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan dhaʼame kan iddoo qulqulluu keessa tajaajiluuf fayyadu hojjetan. Akkuma Waaqayyo Musee ajajettis uffata qulqulluu Arooniif hojjetan.
And from the needlework of blue and purple and red they made the robes used for the work of the holy place, and the holy robes for Aaron, as the Lord had given orders to Moses.
2 Isaanis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjetan.
The ephod he made of gold and blue and purple and red and the best linen;
3 Isaanis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa qalʼaa isaa tolchuuf jedhanii warqee sana ogummaa harkaatiin tumanii akka baalaatti haphisanii foʼaa foʼaatti gargar kukkutan.
Hammering the gold into thin plates and cutting it into wires to be worked into the blue and the purple and the red and the linen by the designer.
4 Isaanis akka inni walitti guduunfamuu dandaʼuuf funyoo gatiittii kan golee isaa lamaanitti hidhamee ture dirata sanaaf tolchan.
And they made two bands for joining its edges together at the top of the arms.
5 Sabbanni isaa kan ogummaadhaan dhaʼames akkuma isaa dirata wajjin tokko taʼee warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
And the beautifully worked band which went on it was of the same design and the same material, worked in gold and blue and purple and red and twisted linen-work, as the Lord gave orders to Moses.
6 Isaanis dhagaawwan sardooniksii qopheessanii marsaa faaya warqee naannoo isaatti tolchan; maqaa ilmaan Israaʼelis akka chaappaatti isaan irratti soofan.
Then they made the beryl stones, fixed in twisted frames of gold and cut like the cutting of a stamp, with the names of the children of Israel.
7 Ergasiis akka ilmaan Israaʼeliif dhagaa yaadannoo taʼuuf akkuma Waaqayyo Musee ajajetti dhagaawwan sana funyoo gatiittii dirata sanatti qabsiisan.
These he put on the ephod, over the arm-holes, to be stones of memory for the children of Israel, as the Lord had said to Moses.
8 Isaanis akkuma dirata sanaatti warqeedhaan, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen ogummaadhaan kiisii qomaa tolchan.
The priest's bag was designed like the ephod, of the best linen worked with gold and blue and purple and red.
9 Kiisiin qomaa kun gama afraniinuu wal qixxee ture; innis walitti dachaa taʼee dheerina taakkuu tokkoo fi balʼina taakkuu tokkoo qaba ture.
It was square and folded in two, as long and as wide as the stretch of a man's hand;
10 Dhagaawwan gati jabeeyyiis toora afuriin irratti maxxansan. Toora jalqabaa irratti sardiyoon, tophaaziyoonii fi biiralee,
And on it they put four lines of stones: in the first line was a carnelian, a chrysolite, and an emerald;
11 toora lammaffaa irratti baluur, sanpeerii fi almaaz,
In the second, a ruby, a sapphire, and an onyx;
12 toora sadaffaa irratti yaakinti, kelqedoonii fi yaakinti,
In the third, a jacinth, an agate, and an amethyst;
13 toora afuraffaa irratti biiralee, sardooniksii fi yaasphiidi maxxansan. Dhagaawwan kanneenittis marsaa faaya warqee tolchan.
In the fourth, a topaz, a beryl, and a jasper; they were fixed in twisted frames of gold.
14 Dhagaawwan kudha lama kanneen tokkoo tokkoo isaanii irratti maqaa gosoota kudha lama keessaa maqaan tokko akkuma chaappaatti soofame ni turan; tokkoon tokkoon dhagaawwan sanaas maqaa ilmaan Israaʼel tokko tokkoof dhaabate.
There were twelve stones for the twelve tribes of Israel; on every one the name of one of the tribes of Israel was cut, like the cutting of a stamp.
15 Kiisii qomaatiifis foncaa warqee qulqulluu akka funyootti foʼanii tolchan.
And on the bag they put gold chains, twisted like cords.
16 Isaanis marsaa faaya warqee lamaa fi qubeelaa warqee lama tolchanii qubeelaawwan sana rogawwan kiisii qomaa keessaa lamatti guduunfan.
And they made two gold frames and two gold rings, the rings being fixed to the ends of the priest's bag;
17 Foncaa warqee sana lamaanis qubeelaawwan rogawwan kiisii qomaa sanatti guduunfan.
And they put the two twisted chains on the two rings at the ends of the priest's bag;
18 Mataa lamaan foncaa lamaan sanaa kaan immoo marsaawwan faayaa lamaanitti guduunfanii karaa fuula duraatiin foncaa dirataa kan gatiittiitti qabsiisan.
And the other two ends of the chains were joined to the two frames and fixed to the front of the ephod over the arm-holes.
19 Qubeelaawwan warqee lama tolchanii rogawwan kiisii qomaa biraa kanneen karaa moggaa keessaatiin diratatti aananii jiran lamaanitti qabsiisan.
And they made two rings of gold and put them on the two lower ends of the bag, on the inner side nearest to the ephod.
20 Ergasiis qubeelaawwan warqee lama biraa tolchanii sabbata mudhiitii olitti garjalee funyoo gatiittii lamaan, fuula dirataa duraan jiru sanaatti qabsiisan.
And two other gold rings were put on the front of the ephod, over the arm-holes, at the join, and over the worked band.
21 Isaanis akka kiisiin qomaa dirata irraa hin sosochooneef qubeelaawwan kiisii qomaa sana sabbata mudhiitiin walitti qabsiisanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaatiin qubeelaawwan diratatti qabsiisan.
And the rings on the bag were fixed to the rings of the ephod by a blue cord, keeping it in place over the band, so that the bag might not get loose, as the Lord gave orders to Moses.
22 Isaanis huccuu guutumaan guutuutti bifti isaa cuquliisa taʼe irraa wandaboo dirataa tolchan;
The robe which went with the ephod was made all of blue;
23 walakkaa gubbaa wandaboo sanaattis afaan ittiin mataa seensifatan tolchan; akka inni hin tarsaaneefis qarqara afaan isaa irra waa naannessanii hodhan.
With a hole at the top in the middle, like the hole in the coat of a fighting-man, edged with a band to make it strong.
24 Isaanis xiyyoo wandaboo sanaatti kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen roomaanii hojjetan.
The skirts of the robe were worked all round with fruits in blue and purple and red made of twisted linen.
25 Warqee qulqulluu irraas bilbila hojjetanii roomaanota gidduudhaan naannoo xiyyoo wandabootti qabsiisan.
And between the fruits all round the skirt they put gold bells, as the Lord gave orders to Moses.
26 Bilbillii fi roomaaniin sun akkuma Waaqayyo Musee ajajetti tokko tokkoon wal keessa makamanii naannoo xiyyoo wandaboo tajaajilaaf uffatamu sanaatti qabsiifaman.
All round the skirt of the robe were bells and fruits in turn.
27 Aroonii fi ilmaan isaatiif immoo kittaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhoofsisanii hojjetan;
The coats for Aaron and his sons they made of the best linen;
28 akkasumas quncee talbaa qalʼaa isaatiin marata mataa, quncee talbaatiin gonfoo, quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen immoo uffata wayyaa jalaa hojjetaniif.
And the twisted head-dress for Aaron, and beautiful head-dresses of linen, and linen trousers,
29 Sabbannis quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaan faayeffame akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.
And a linen band worked with a design of blue and purple and red, as the Lord had said to Moses.
30 Isaanis warqee qulqulluu irraa faaya gonfoo qulqulluu tolchanii akkuma waan chaappaa irratti qirixamuutti: Kan Waaqayyoof Qulqulleeffame, jedhanii irratti barreessan.
The plate for the holy crown was made of the best gold, and on it were cut these words, HOLY TO THE LORD.
31 Ergasiis faaya sana marata mataatiin wal qabsiisuuf jedhanii akkuma Waaqayyo Musee ajajetti funyoo bifa cuquliisaa itti hidhan.
It was fixed to the head-dress by a blue cord, as the Lord had given orders to Moses.
32 Akkasiin hojiin dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hundi xumurame. Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda hojjetan.
So all the work on the House of the Tent of meeting was done; as the Lord had given orders to Moses, so the children of Israel did it.
33 Isaanis dunkaana qulqulluu sana Museetti fidan: dunkaanaa fi miʼa isaa hunda, hokkoowwan isaa, tuggeewwan isaa, dagaleewwan isaa, utuboota isaatii fi miillawwan isaa;
Then they took the House to Moses, the tent with all the things for it; its hooks, its boards, its rods, its pillars, and its bases;
34 irra buusa kalʼee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, irra buusa gogaa duugameetii fi golgaa daʼeessu;
The outer cover of sheepskins coloured red, and the cover of leather, and the veil for the doorway;
35 taabota kakuu seeraa, danqaraa isaatii fi teessoo araaraa wajjin;
The ark of the law, with its rods and its cover;
36 minjaala miʼa isaa hundaa fi buddeena ilaalchaa wajjin;
The table, with all its vessels and the holy bread;
37 baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetame, ibsaawwan tarree galanii fi miʼa isaa hunda wajjin, zayitii ibsaa;
The support for the lights, with the vessels for the lights to be put in their places on it, and all its vessels, and the oil for the lights;
38 iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame, zayitii ittiin diban, ixaana urgaaʼu, golgaa balbala dunkaanaa;
And the gold altar, and the holy oil, and the sweet perfume for burning, and the curtain for the doorway of the tent;
39 iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda, caabii miilla isaa wajjin;
And the brass altar, with its network of brass, and its rods and all its vessels, and the washing-vessel and its base;
40 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa, funyoowwanii fi qofoowwan oobdii, miʼa dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii hunda;
The hangings for the open space, with the pillars and their bases, and the curtain for the doorway, and the cords and nails, and all the instruments necessary for the work of the House of the Tent of meeting;
41 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman, jechuunis wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan feʼa.
The robes for use in the holy place, and the holy robes for Aaron and his sons when acting as priests.
42 Israaʼeloonnis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojii hunda hojjetan.
The children of Israel did everything as the Lord had given orders to Moses.
43 Museenis hojii sana toʼatee akkuma Waaqayyo ajajetti hojjechuu isaanii arge. Museenis isaan eebbise.
Then Moses, when he saw all their work and saw that they had done everything as the Lord had said, gave them his blessing.

< Baʼuu 39 >