< Baʼuu 38 >
1 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa qalma gubamuu kan dhundhuma sadii ol dheeratu ijaaran; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture.
Suka gina bagaden ƙona hadaya da itacen ƙirya, tsawonsa kamu biyar, fāɗinsa kamu biyar, murabba’i ke nan, tsayinsa kuwa kamu uku.
2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchan; gaanfaa fi iddoo aarsaa sana mukuma tokko irraa tolchan; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisan.
Suka yi ƙahoni a kusurwansa huɗu, ƙahonin da bagade a haɗe suke, suka kuma dalaye bagaden da tagulla.
3 Isaanis miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchan.
Da tagulla kuma ya yi duk kayayyakin bagaden, da kwanoni, da babban cokali, da daruna, da cokula masu yatsotsi, da farantan wuta.
4 Iddoo aarsaa sanaafis naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjetanii akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol baʼee marsaa isaa jalaan jiraatu godhan.
Suka yi wa bagaden raga, tagulla kuma don yă sa shi a tsakiya.
5 Akka isaan danqaraawwan qabataniifis goleewwan gingilchaa naasii sanaa afraniif qubeelaawwan naasii hojjetan.
Suka yi zubin zoban tagulla don riƙe sanduna a kusurwoyi huɗu na ragar tagullar.
6 Danqaraawwan muka laaftoos tolchanii naasii itti uffisan.
Suka yi sanduna da itacen ƙirya, suka kuma dalaye su da tagulla.
7 Iddoo aarsaa sana ittiin baachuufis danqaraawwan sana qubeelaawwan gamaa gamanaan iddoo aarsaa irra jiran keessa galchan. Iddoo aarsaa sanas keessa isaa duwwaa godhanii saanqaa irraa tolchan.
Suka sa sandunan a cikin zoban saboda su kasance a gefen bagade don ɗaukarsa, suka yi rami cikinsa.
8 Isaanis gabatee itti dhiqatan kan naasii miilla isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin of ilaaleewwan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii dura tajaajilanii irraa tolchan.
Suka yi daro da gammonsa da tagulla daga madubai na mata masu yin aiki a ƙofar Tentin Sujada.
9 Kanatti aansanii oobdii tolchan. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaa quncee talbaa kan qalʼifamee foʼame irraa hojjetames qaba ture;
Suka kuma yi filin Tentin Sujada. Suka yi labulanta na gefen kudu da lallausan lilin, tsawonsu kamu ɗari,
10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan kunneenis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa hojjetaman qabu ture.
da sanduna ashirin da rammukan sandunan tagulla ashirin, da kuma ƙugiyoyin azurfa da maɗauri a kan sandunan.
11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaba ture; utubaawwan sunis hokkoowwanii fi somaawwan meetii irraa tolfaman qabu turan.
Tsawon labule na wajen gefen arewa kamu ɗari ne, yana kuma da sanduna guda ashirin da rammuka ashirin na tagulla, da ƙugiyoyin azurfa da maɗaurai a kan sandunan.
12 Gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaba ture; hokkoowwanii fi somaawwan utuboota sanaas meetii irraa hojjetaman.
Labule na gefen yamma kamu hamsin, da sanduna guda goma, da rammuka guda goma, da ƙugiyoyin azurfa da maɗaurai a kan sandunan.
13 Fiixee baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin dhundhuma shantama balʼata ture.
A ƙarshen gefen gabas, wajen fitowar rana, shi ma fāɗinsa kamu hamsin ne.
14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra turan.
Labule na gefe ɗaya na ƙofar, kamu goma sha biyar ne, da sanduna guda uku da rammukansu,
15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis balbala oobdii sana irra gama kaaniin turan.
akwai labule mai kamu goma sha biyar a ɗayan gefen ƙofar shiga zuwa filin Tentin Sujada, da sanduna uku da rammuka uku.
16 Golgaawwan naannoo oobdii sanaa hundi quncee talbaa kan qaldhifamee foʼame irraa tolfaman.
An yi dukan labulan da suke kewaye da filin Tentin Sujada da lallausan zaren lilin.
17 Miillawwan utuboota sanaa naasii irraa tolfaman. Hokkoowwanii fi somaawwan utubootaa immoo meetii irraa tolfamanii fiixee utuboota sanaatti meetii uffisan. Utuboonni oobdii sanaa hundinuus somaawwan meetii qabu turan.
An yi rammukan sandunan da tagulla. An dalaye ƙugiyoyi da maɗauran da suke kan sandunan da azurfa; saboda haka dukan sandunan filin Tentin Sujada suna da maɗaurai na azurfa.
18 Golgaan balbala oobdii sanaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tolfame. Innis dhundhuma digdama dalga dheeratee akkuma oobdichaa dhundhuma shan ol dheerata ture;
Aka yi wa labulen ƙofar filin Tentin Sujada ado na ɗinki da na shuɗi, da na shunayya, da na jan zare, da na lallausan lilin, aikin gwaninta. Tsawonsa kamu ashirin, kuma kamar yadda labulen filin Tentin Sujada suke, tsayinsa kamu biyar ne,
19 utubaa afurii fi miilla naasii afuris qaba ture. Hokkoowwanii fi somaawwan isaanii meetii irraa tolfamanii fiixee isaaniitti meetiin uffifamee ture.
da sanduna guda huɗu da rammuka guda huɗu na tagulla. Ƙugiyoyinsu da maɗauransu na azurfa ne, aka kuma dalaye bisansu da azurfa.
20 Qofoon dunkaana qulqulluutii fi qofoon naannoo oobdii sanaa hundi naasii irraa tolfaman.
Aka yi dukan ƙarafan kafa tabanakul da kuma na kewayen filin Tentin Sujada da tagulla ne.
21 Baayʼinni miʼa dunkaanni qulqulluun jechuunis dunkaanni dhuga baʼumsaa ittiin hojjetamee kan Lewwonni ajaja Museetiin qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin galmeessan kanaa dha.
Waɗannan su ne kayayyakin da aka yi amfani da su domin aikin tabanakul, da tabanakul na Shaida, waɗanda aka rubuta bisa ga umarnin Musa ta wurin Lawiyawa, a ƙarƙashin jagorancin Itamar ɗan Haruna, firist.
22 Bezaliʼeel ilmi Uuri jechuunis ilmi ilma Huur namichi gosa Yihuudaa sun waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjete.
(Bezalel ɗan Uri, ɗan Hur, na kabilar Yahuda, ya yi dukan abin da Ubangiji ya umarci Musa;
23 Oholiiyaab ilmi Ahiisaamaak namichi gosa Daan sunis isa wajjin ture; innis ogeessa hojii harkaa, ogeessa bifa baasuu fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen waa faayessu ture.
tare da shi akwai Oholiyab ɗan Ahisamak, na kabilar Dan, shi gwani ne cikin aikin zāne-zāne, da ɗinki na shuɗi, da na shunayya, da na jan zare, da na lallausan lilin.)
24 Baayʼinni warqee aarsaa sochoofamuu kan hojii iddoo qulqulluu sanaa hunda irra oole walumaa galatti akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 29 fi saqilii 730 ture.
Jimillar zinariya daga hadaya ta kaɗawar da aka yi amfani da su domin aikin wuri mai tsarki ta kai talenti 29 da shekel 730, bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri.
25 Meetiin namoota waldaa keessaa lakkaaʼaman irraa argames akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti taalaantii 100 fi saqilii 1,775 ture.
Azurfar da aka samu daga ƙidayar taron jama’a, talenti 100 ne, da shekel 1,775, bisa ga ma’aunin shekel na tsattsarkan wuri.
26 Namoonni warra duraan lakkaaʼamanii jiranitti dabalaman kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan hammanaa ol taʼe 603,550 turan. Isaan kunneenis akka madaalii iddoo qulqulluutti matuma mataan beekaa tokko tokko jechuun walakkaa saqilii tokko tokkoo baasan.
Duk mutumin da ya shiga ƙirge daga mai shekaru ashirin zuwa gaba, ya ba da rabin shekel. Mazan da suka shiga ƙirge sun kai mutum 603,550.
27 Meetii taalaantii 100 sanaan miillawwan iddoo qulqulluutii fi miillawwan golgaatu hojjetame; taalaantii 100 fi miilla 100 hojjetame; miilla tokkoof taalaantii tokkotu barbaachise jechuu dha.
An yi amfani da azurfa talenti 100 don yin rammuka na wuri mai tsarki, da kuma rammukan labule, rammuka 100 daga talenti 100, talenti ɗaya don rami ɗaya.
28 Isaanis saqilii 1,775 sana hokkoo utubaawwanii tolchuuf, fiixee utubaawwaniitti uffisuu fi somaawwan isaanii tolchuuf itti fayyadaman.
Suka yi amfani da shekel 1,775 don yin ƙugiyoyi saboda sanduna, suka dalaye bisan sandunan da maɗauransu.
29 Naasiin aarsaa sochoofamuus taalaantii 70 fi saqilii 2,400 ture.
Tagullar da aka bayar daga hadaya ta kaɗawa ya kai talenti 70 da shekel 2,400.
30 Isas miilla balbala dunkaana wal gaʼii, iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetame, gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetamee fi miʼa isaa hunda tolchuuf itti fayyadaman;
Suka yi amfani da shi don yin rammukan ƙofar Tentin Sujada, da bagaden tagulla tare da ragar tagulla da dukan kayayyakinsa,
31 akkasumas miilli naannoo oobdii, miilli balbala oobdii, qofoowwan dunkaana qulqulluu hundii fi qofoowwan naannoo oobdii hundi naasii irraa hojjetaman.
da rammukan sanduna don kewaye filin, da waɗanda suke ƙofarsa, da dukan ƙarafan kafa tenti don tabanakul, da kuma don kewaye filin.