< Baʼuu 37 >
1 Bezaliʼeel muka laaftoo irraa taabota tolche; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
比撒列用皂莢木做櫃,長二肘半,寬一肘半,高一肘半。
2 Innis keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffise; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessee tolche.
裏外包上精金,四圍鑲上金牙邊,
3 Qubeelaa warqee afur tolcheefii miilla isaa afranitti qabsiise; qubeelaa lama gama tokkoon, qubeelaa kaan immoo gama kaaniin itti kaaʼe.
又鑄四個金環,安在櫃的四腳上:這邊兩環,那邊兩環。
4 Ergasiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqee itti uffise.
用皂莢木做兩根槓,用金包裹。
5 Innis taabota sana ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loose.
把槓穿在櫃旁的環內,以便抬櫃。
6 Innis warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolche; teessoon sunis dheerina dhundhuma lamaa fi walakkaa fi balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaa qaba ture.
用精金做施恩座,長二肘半,寬一肘半。
7 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolche.
用金子錘出兩個基路伯來,安在施恩座的兩頭,
8 Innis Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, Kiirubii lammaffaa moggaa kaan irratti tolche; kiirubeelii lamaan sana moggaa teessoo araaraa lamaan irratti teessoo araaraa wajjin mukuma tokko irraa tolche.
這頭做一個基路伯,那頭做一個基路伯,二基路伯接連一塊,在施恩座的兩頭。
9 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa sanatti gaaddiseessu turan. Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii gara teessoo araaraa ilaalu turan.
二基路伯高張翅膀,遮掩施恩座;基路伯是臉對臉,朝着施恩座。
10 Isaanis muka laaftoo irraa minjaala dalga dheerinni isaa dhundhuma lama, balʼinni isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolchan.
他用皂莢木做一張桌子,長二肘,寬一肘,高一肘半,
11 Isaanis warqee qulqulluu itti uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee tolchan.
又包上精金,四圍鑲上金牙邊。
12 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchan.
桌子的四圍各做一掌寬的橫樑,橫樑上鑲着金牙邊,
13 Isaanis qubeelaa warqee afur minjaala sanaaf hojjetanii iddoo miilli afran turetti goleewwan afranitti qabsiisan.
又鑄了四個金環,安在桌子四腳的四角上。
14 Qubeelaawwan sunis akka danqaraa minjaalli sun ittiin baatamu qabaniif xiyyoo sanatti dhiʼeeffamanii kaaʼaman.
安環子的地方是挨近橫梁,可以穿槓抬桌子。
15 Danqaraawwan minjaalli ittiin baatamu sun muka laaftoo irraa hojjetamanii warqeen itti uffifamee ture.
他用皂莢木做兩根槓,用金包裹,以便抬桌子;
16 Miʼoota minjaala sana irra kaaʼaman jechuunis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, waciitiiwwan isaatii fi okkoteewwan isaa kanneen ittiin dhibaayyuu dhibaafatan warqee qulqulluu irraa tolchan.
又用精金做桌子上的器皿,就是盤子、調羹,並奠酒的瓶和爵。
17 Baattuu ibsaa, somaa isaatii fi damee isaa wajjin warqee qulqulluu irraa tumanii tolchan; waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa illee warqeedhuma tokko irraa tolchan.
他用精金做一個燈臺;這燈臺的座和幹,與杯、球、花,都是接連一塊錘出來的。
18 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon sadii immoo gama kaaniin baafaman.
燈臺兩旁杈出六個枝子:這旁三個,那旁三個。
19 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchan. Dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchan.
這旁每枝上有三個杯,形狀像杏花,有球有花;那旁每枝上也有三個杯,形狀像杏花,有球有花。從燈臺杈出來的六個枝子都是如此。
20 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin tolfaman afur baattuu ibsaa sana irra turan.
燈臺上有四個杯,形狀像杏花,有球有花。
21 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture; walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture.
燈臺每兩個枝子以下有球,與枝子接連一塊;燈臺杈出的六個枝子都是如此。
22 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa tolfaman.
球和枝子是接連一塊,都是一塊精金錘出來的。
23 Ibsaa torban sana, waan ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi baattuu daaraa sana baattu illee warqee qulqulluu irraa tolchan.
用精金做燈臺的七個燈盞,並燈臺的蠟剪和蠟花盤。
24 Baattuu ibsaatii fi miʼa isaa hunda warqee qulqulluu taalaantii tokko irraa tolchan.
他用精金一他連得做燈臺和燈臺的一切器具。
25 Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa ixaanaa tolchan; iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkoo fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture. Gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walumatti hojjetaman.
他用皂莢木做香壇,是四方的,長一肘,寬一肘,高二肘,壇的四角與壇接連一塊;
26 Isaanis gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee naannessanii tolchan.
又用精金把壇的上面與壇的四面並壇的四角包裹,又在壇的四圍鑲上金牙邊。
27 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchan; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchan.
做兩個金環,安在牙子邊以下,在壇的兩旁、兩根橫撐上,作為穿槓的用處,以便抬壇。
28 Isaanis danqaraawwan muka laaftoo tolchanii warqee itti uffisan.
用皂莢木做槓,用金包裹。
29 Akkasumas akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti zayitii ittiin diban qulqulluu fi ixaana urgaaʼaa makaa hin qabne tolchan.
又按做香之法做聖膏油和馨香料的淨香。