< Baʼuu 34 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen duraa sanaatti soofi; anis dubbii gabateewwan ati caccabsite sana irra turan isaan irratti nan barreessa.
OLELO mai la o Iehova ia Mose, E kalai oe i mau pohaku papa elua nou, e like me na mea mamua; a na'u no e palapala maluna o ua mau papa la i na olelo i kauia'i ma na papa mua au i wahi ai.
2 Atis ganamaan qophaayiitii Tulluu Siinaatti ol baʼi. Achitti, fiixee tulluu sanaa irratti fuula koo duratti of dhiʼeessi.
E hoomakaukau oe no ke kakahiaka, a i ke kakahiaka e pii mai oe i ka mauna nei i Sinai, a e hoike mai oe ia oe iho ia'u ilaila ma ke poo o ka mauna.
3 Namni tokko iyyuu si wajjin hin dhufin yookaan tulluu sana irratti eessumattuu hin mulʼatin. Bushaayee fi loon iyyuu fuula tulluu sanaa duratti hin bobbaʼin.”
Mai hele pu mai kekahi kanaka me oe, aole hoi e ikea kekahi kanaka ma ka mauna a pau; aole hoi e ai na hipa a me na holoholona ma ke alo o ia mauna.
4 Museenis gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti soofe; innis gabateewwan lamaanis harkatti qabatee akkuma Waaqayyo isa ajajetti ganama bariin Tulluu Siinaatti ol baʼe.
Kalai iho la ia i na pohaku papa elua e like me na mea mamua; a ala ae la o Mose i kakahiaka nui, a pii aka la i ka mauna i Sinai, e like me ke kauoha ana mai o Iehova ia ia, a lawe aku la maloko o kona lima i ua mau pohaku papa la elua.
5 Waaqayyo duumessaan gad buʼee isa wajjin achi dhaabate; maqaa Waaqayyoos ni labse.
Iho mai la o Iehova maloko o ke ao, a ku pu me ia ilaila, a hai mai la i ka inoa o Iehova.
6 Waaqayyo fuula Musee dura darbee akkana jedhee labse; “Waaqayyo, Waaqayyo Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa,
Hele ae la o Iehova mamua e kona alo, hai mai la ia, O Iehova, o Iehova, ke Akua lokomaikai, a manawalea, a ahonui, ua nui kona maikai a me ka oiaio.
7 kan araara isaa dhaloota kumaatamaaf tursu, kan hammina, fincilaa fi cubbuu namaaf dhiisuu dha. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii ni adaba.”
Ke malama nei no i ka lokomaikai no na lehulehu, a me ke kala mai i ka ino a me ka hala a me ka hewa, aole hoi e hoapono loa, e uku ana no i ka ka makua hala i ke keiki, a me na keiki a na keiki, a hiki aku i ke kuakahi a me ke kualua.
8 Museen yommuu suma lafatti gad jedhee sagade.
Wikiwiki ae la o Mose e kulou i kona poo ilalo i ka honoa a hoomana aku la.
9 Innis, “Yaa Gooftaa, yoo ani fuula kee duratti ayyaana argadhee jiraadhe, Gooftaan nu wajjin haa deemu. Yoo sabni kun saba mata jabeessa taʼe illee hammina keenyaa fi cubbuu keenya nuu dhiisi; dhaala kees nu godhadhu” jedhe.
I aku la ia, A ina i loaa ia'u ka lokomaikaiia mai imua ou, e ka Haku e, ke nonoi aku nei au e hele pa aku ko'u Haku me makou: (he poe kanaka a-i eolea nae keia; ) a e kala mai oe i ko makou hala me ko makou hewa, a e lawe oe ia makou i hooilina nou.
10 Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Kunoo ani si wajjin kakuu nan gala. Ani fuula saba kee hundaa duratti dinqiiwwan kanaan dura saba kam iyyuu keessatti, addunyaa hunda keessatti takkumaa hin hojjetamin nan hojjedha. Sabni ati keessa jiraattus akka hojiin ani Waaqayyo siif hojjedhu hammam sodaachisaa taʼe ni arga.
I mai la kela, Aia hoi, ke hana nei au i berita; a e hana no wau i na mea kupanaha mamua o kou poe kanaka a pau, aole i hanaia kekahi mea e like ai ma ka honua a pau, aole ma kekahi aina; a e ike auanei na kanaka a pau o kou wahi i ka hana a Iehova: he mea weliweli kela mea a'u e hana aku ai ia oe.
11 Waan ani harʼa si ajajuuf ajajami. Anis Amoorota, Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota fuula kee duraa ariʼee nan baasa.
E malama hoi oe i ka mea a'u e kauoha aku ai ia oe i keia la. Aia hoi, e kipaku ana au imua ou, i ka Amora, a me ka Kanaaua, a me ka Heta, a me ka Periza, a me ka Heva, a me ka Iebusa.
12 Akka warra biyya ati itti galuuf deemtu sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu; yoo kanaa achii isaan kiyyoo sitti taʼu.
E malama oe ia oe, o hana auanei oe i berita me ka poe e uoho ana i ka aina, kahi au e hele ai, o lilo ia i upiki iwaena o oukou.
13 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa.
Aka, e hoopau oukou i ko lakou mau kuahu, a e wawahi i ko lakou kii, a e kua ilalo i ko lakou nlulaau.
14 Sababii Waaqayyo maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Waaqa hinaafu taʼeef ati Waaqa biraa hin waaqeffatin.
No ka mea, mai hoomana oe i kekahi akua e, no ka mea, o Iehova, nona ka inoa o Lili, he Akua lili ia;
15 “Ati akka warra biyya sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu. Sababiin isaa isaan yommuu waaqota isaanii wajjin sagaagalanii fi yommuu waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessanitti si waamu; atis aarsaa isaanii ni nyaatta.
O hana oe i berita me na kanaka o ka aina, a hele moe kolohe lakou mamuli o ko lakou mau akua, a mohai aku na ko lakou mau akua, a hea mai ia oe, a ai oe i kana mohai.
16 Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu.
A lawe paha oe i ka lakou kaikamahine na ka oukou keikikane; a hele moe kolohe ka lakou kaikamahine mamuli o ko lakou poe akua, a hoomoe kolohe lakou i ka oukou keikikane mamuli o ko lakou poe akua.
17 “Waaqota tolfamoo baqfamanii hojjetaman hin tolfatin.
Mai hana oe i akua hooheheeia nou.
18 “Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu. Ati sababii jiʼa Abiibii keessa Gibxii baateef akkuma ani si ajaje sanatti jiʼa Abiibii keessa yeroo murteeffametti bultii torba Maxinoo nyaadhu.
E malama oe i ka ahaaina o ka berena huole. Ehiku la kau e ai ai i ka berena huole, me a'u i kauoha aku ai ia oe, i ka vra o ka malama o Abiba; no ka mea, i ka malama o Abiba i puka mai ai oe mawaho mai o Aigupita.
19 “Kan jalqabatti gadameessa saaqee baʼu hundi kan koo ti; kormi horii keetii hangafni jechuunis kormi looniitii fi kormi hoolotaa hangafni koo ti.
O na mea a pau i hemo mua, mai ka opu mai, o ka'u ia, a o na hanau mua a pau o na holoholona, ina ho bipi, a ina he hipa.
20 Harree hangafa xobbaallaa hoolaatiin furi; yoo furuu baatte immoo morma isaa cabsi. Ilmaan kee hangafa hundas furi. “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin.
Aka, o ka hanau mua o ka hoki, e panai aku oe i keiki hipa; a i ole oe e panai, e uhai oe i koua a-i. E hoola panai hoi oe i kau mau hiapo kane a pau. Mai ike nele ia kekahi imua o'u.
21 “Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu.
Eono la kau e hana'i, aka, e hoomaha oe i ka hiku o ka la. I ka wa kanu, a i ka wa hoiliili ai, e hoomaha no oe.
22 “Mataa qamadii jalqabaa irratti Ayyaana Torbanootaa ayyaaneffadhu; dhuma waggaa irratti immoo ayyaana galchaa midhaanii ayyaaneffadhu.
E malama hoi oe i ka ahaaina hebedoma, no ka hoiliili mua ana i ka palaoa, a i ka ahaaina o ka hoiliili i ka puni ana o ka makahiki.
23 Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii fuula Waaqayyo Gooftaa, fuula Waaqa Israaʼel duratti haa dhiʼaatan.
I ekolu no hoikeia'na i ka makahiki hookahi o ka oukou poe keikikane a pau imua o Iehova, ke Akua, ke Akua hoi o ka Iseraela.
24 Ani Namoota Ormaa si duraa ariʼee nan baasa; daangaa kee nan balʼisa; yoo ati waggaatti yeroo sadii Waaqayyo Waaqa kee duratti dhiʼaachuu dhaqxus namni tokko iyyuu biyya kee fudhachuu hin hawwu.
No ka mea, e kipaku aku au i ko na aina imua ou. a e hoopalahalaha ae i kou mau mokuna; aole hoi e kuko mai kekahi kanaka i kou aina i ka wa e pii aku ai oe e ikeia imua o Iehova, kou Akua, ekolu pii ana o ka makahiki.
25 “Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin; qalmi Ayyaana Faasiikaa irraa hafus hamma bariitti hin turin.
Mai kaumaha oe i ke koko o kou mohai me ka mea hu; mai hookoe hoi i ka mohai o ka ahaaina moliaola, a kakahiaka.
26 “Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.”
E lawe mai no oe i ka mua o na hua mua o kou aina iloko o ka hale o Iehova, o kou Akua. Mai hoolapalapa oe i ke keiki kao iloko o ka waiu o kona makuwahine.
27 Waaqayyos Museedhaan, “Dubbii kana barreessi; ani akkuma dubbii kanaatti siʼii fi saba Israaʼel wajjin kakuu galeeraatii” jedhe.
I mai la o Iehova ia Mose, E palapala oe i keia mau olelo: no ka mea, ma ke ano o keia mau olelo ka'u i hana aku ai i berita me oe, a me ka Iseraela.
28 Museenis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Waaqayyo bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.
Malaila no ia me Iehova hookahi kanaha ao, hookahi kanaha po; aole ia i ai i ka ai, aole hoi i inu i ka wai. A palapala iho la ia ma na papa i na olelo o ka berita, i na olelo he umi.
29 Museen gabateewwan Dhuga baʼumsaa lamaan sana harkatti qabatee Tulluu Siinaa irraa gad buʼe; innis sababii Waaqayyo wajjin dubbachaa tureef akka fuulli isaa calaqqisu hin beekne ture.
A iho mai la o Mose, mai ka mauna o Sinai mai, aia no iloko o ko Mose lima na papa kanawai elua, i ka wa i iho mai ai ia mai ka mauna mai, aole o Mose i ike i ka puwa ana o ka ili o kona maka, i ka wa i kamailio pu ai oia me ia.
30 Yommuu Aroonii fi sabni Israaʼel hundi Musee arganitti kunoo, fuulli isaa calaqqisaa ture; isaanis isatti dhiʼaachuu sodaatan.
A ike aku la o Aarona, a me na mamo a pau a Iseraela ia Mose, aia hoi, ua puwa ka ili o kona maka; makau iho la lakou ke hookokoke ia ia.
31 Museen garuu isaan waame; Aroonii fi bulchitoonni hawaasichaa hundinuus gara isaatti deebiʼan; innis isaanitti dubbate.
Hea mai la o Mose ia lakou; hoi aku la o Aarona a me na luna a pau o kanaka io na la: a kamailio ae la o Mose me lakou.
32 Sabni Israaʼel hundi isatti dhiʼaate; innis waan Waaqayyo Gaara Siinaa irratti isatti dubbate hunda isaan ajaje.
A mahope iho, hookokeke na mamo a pau a Iseraela: a kauoha mai la ia ia lakou i na mea a pau a Iehova i olelo mai ai ia ia, ma ka mauna i Sinai.
33 Museen yommuu isaanitti dubbatee fixatetti fuula isaa haguuggate.
Uhi mai la o Mose i ka pale ma kona maka, a pau kana kamailio ana me lakou.
34 Yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuudhaaf fuula isaa duratti ol seenu garuu hamma achii baʼutti haguuggii sana of irraa fuudha ture. Yommuu inni achii baʼee waan ajajame sana saba Israaʼelitti himutti,
A i ka wa i komo aku ai o Mose imua i ke alo o Iehova e olelo me ia, wehe ae la ia i ka pale a hiki i ka wa i puka mai ai mawaho mai; a puka mai la ia mawaho, a olelo mai i na mamo a Iseraela i na mea i kauohaia mai ia ia.
35 isaan akka fuulli isaa calaqqisu argan. Ergasii Museen hamma Waaqayyo wajjin dubbachuuf ol galutti fuula isaa deebisee haguuggata ture.
A ike aku la na mamo a Iseraela i ka maka o Mose, ua puwa ka ili o ko Mose maka: a uhi hou ae la o Mose i ka pale maluna o kona maka, a komo hou aku la ia e olelo pu me ia.