< Baʼuu 33 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi sabni ati biyya Gibxiitii baaftee fidde kun asii baʼaatii gara biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif, ‘Ani sanyii keetiif nan kenna’ jedhee kakadhe sanaa dhaqaa.
Kisha Bwana akamwambia Mose, “Ondoka mahali hapa, wewe pamoja na hao watu uliowapandisha kutoka Misri, mpande mpaka nchi niliyomwahidi Abrahamu, Isaki na Yakobo kwa kiapo, nikisema, ‘Nitawapa wazao wenu nchi hii.’
2 Ani ergamaa koo fuula kee duraan ergee Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota ariʼee nan baasa.
Nitamtuma malaika mbele yenu, naye atawafukuza Wakanaani, Waamori, Wahiti, Waperizi, Wahivi na Wayebusi.
3 Gara biyya aannanii fi dammi keessaa burquu dhaqi. Garuu waan ati saba mata jabeessa taateef ani akka karaatti si hin balleessineef si wajjin hin deemu.”
Pandeni mwende katika nchi itiririkayo maziwa na asali. Lakini mimi sitakwenda pamoja nanyi, kwa sababu ninyi ni watu wenye shingo ngumu, nisije nikawaangamiza njiani.”
4 Jarri yommuu oduu hamaa kana dhagaʼanitti gadduu jalqaban; isaan keessaas namni tokko iyyuu faaya tokko illee hin kaaʼanne.
Watu waliposikia habari hizo za huzuni, wakaanza kuomboleza wala hakuna mtu aliyevaa mapambo yoyote.
5 Waaqayyo Museedhaan akkana jedheeraatii; “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin saba mata jabeeyyii dha. Ani utuu yeruma muraasa illee isin wajjin deemee silaa isin balleessa ture; isin amma faayawwan keessan of irraa baasaa; anis waanan isin godhu nan murteessaa.’”
Kwa kuwa Bwana alikuwa amemwambia Mose, “Waambie Waisraeli, ‘Ninyi ni watu wenye shingo ngumu. Kama ningefuatana nanyi hata kwa muda mfupi, ningewaangamiza. Sasa vueni mapambo yenu, nami nitaamua nitakalowatendea.’”
6 Kanaafuu Israaʼeloonni Gaara Kooreeb biratti faayawwan isaanii of irraa baasan.
Hivyo Waisraeli wakavua mapambo yao katika Mlima wa Horebu.
7 Museen dunkaana tokko fuudhee iddoo qubataa sana keessaa baasee achi fageessee dhaaba ture; dunkaana sanas, “dunkaana wal gaʼii” jedhee moggaase. Namni Waaqayyoon barbaadatu hundinuu iddoo qubataa sana keessaa baʼee gara dunkaana wal gaʼii sanaa dhaqa ture.
Basi Mose alikuwa na desturi ya kuchukua hema na kuliweka wakfu nje ya kambi umbali kiasi, akaliita “Hema la Kukutania.” Kila aliyekuwa akiulizia shauri kwa Bwana, angelikwenda katika Hema la Kukutania nje ya kambi.
8 Yeroo Museen baʼee gara dunkaana sanaa dhaqu hunda sabni hundinuu kaʼee balbala dunkaana ofii isaa dura dhaabatee hamma inni dunkaanicha seenutti ilaala ture.
Wakati wowote Mose alipokwenda kwenye Hema, watu wote waliinuka na kusimama kwenye maingilio ya mahema yao, wakimwangalia Mose mpaka aingie kwenye Hema.
9 Yeroo Museen dunkaana sana seenutti utubaan duumessaa gad buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabata ture; Waaqayyos Musee wajjin dubbata ture.
Kila mara Mose alipoingia ndani ya hema, nguzo ya wingu ingeshuka chini na kukaa kwenye ingilio, wakati Mungu akizungumza na Mose.
10 Sabni yeroo utubaa duumessaa kan balbala dunkaanaa dura dhaabatu argutti hundi isaa ol kaʼee tokkoon tokkoon namaa dunkaana ofii isaa duratti sagada ture.
Kila mara watu walipoona hiyo nguzo ya wingu ikiwa imesimama kwenye ingilio la hema, wote walisimama wakaabudu, kila mmoja kwenye ingilio la hema lake.
11 Waaqayyos akkuma nama michuu isaa wajjin haasaʼu tokkootti ifumaan ifatti Museetti dubbachaa ture. Ergasiis Museen iddoo qubataatti deebiʼa ture; gargaaraan isaa, Iyyaasuun ilmi Nuuni dargaggeessi suni garuu dunkaana sana biraa hin deemu ture.
Bwana angezungumza na Mose uso kwa uso, kama vile mtu azungumzavyo na rafiki yake. Kisha Mose angerudi kambini, lakini msaidizi wake kijana Yoshua mwana wa Nuni hakuondoka mle Hemani.
12 Museen Waaqayyoon akkana jedhe; “Ilaa, ati, ‘saba kana dura buʼii baasi’ naan jetteerta; garuu ana wajjin eenyun akka ergitu na hin beeksifne. Ati, ‘Ani maqaadhaan si beeka; ati na biratti fudhatama argateerta’ jette.
Mose akamwambia Bwana, “Umekuwa ukiniambia, ‘Ongoza watu hawa,’ lakini hujanifahamisha ni nani utakayemtuma pamoja nami. Umesema, ‘Ninakujua wewe kwa jina lako, nawe umepata kibali mbele zangu.’
13 Ammas ani fuula kee duratti surraa argadhee yoon jiraadhe, akka ani si beekuu fi akka ani fuula kee duratti surraa argadhuuf karaa kee na barsiisi; akka sabni kun saba kee taʼes yaadadhu.”
Ikiwa umependezwa nami, nifundishe njia zako ili nipate kukujua, nami nizidi kupata kibali mbele zako. Kumbuka kuwa taifa hili ni watu wako.”
14 Waaqayyos deebisee, “Ani si wajjin nan deema; boqonnaas siifin kenna” jedhe.
Bwana akajibu, “Uso wangu utakwenda pamoja nawe, nami nitakupa raha.”
15 Museen immoo akkana jedheen; “Yoo ati nu wajjin deemuu baate, asii nu hin baasin.
Kisha Mose akamwambia, “Kama Uso wako hauendi pamoja nasi, usituondoe hapa.
16 Ati nu wajjin deemuu baannaan namni akkamiin akka ati anaa fi saba keetti gammaddu beeka? Wanni anaa fi saba kee saboota lafa irraa kaan hunda irraa addaan baasu biraa maali ree?”
Mtu yeyote atajuaje kuwa mimi pamoja na watu wako tumepata kibali mbele zako, usipokwenda pamoja nasi? Ni nini kingine kitakachoweza kututofautisha mimi na watu wako miongoni mwa watu wengine wote walio katika uso wa dunia?”
17 Waaqayyo immoo Museedhaan, “Ani waan ati amma kadhatte kana nan godha; ati fuula koo duratti ayyaana argatteertaatii; anis maqaadhaan si beeka” jedhe.
Bwana akamwambia Mose, “Nitakufanyia jambo lile uliloomba, kwa sababu ninapendezwa nawe, nami ninakujua kwa jina lako.”
18 Museenis, “Maaloo ulfina kee na argisiisi” jedhe.
Kisha Mose akasema, “Basi nionyeshe utukufu wako.”
19 Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Ani gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; maqaa Waaqayyoo fuula kee duratti nan labsa. Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa.
Ndipo Bwana akasema, “Nitapitisha wema wangu wote mbele yako, nami nitalitangaza Jina langu, Bwana, mbele ya uso wako. Nitamrehemu yeye nimrehemuye, na pia nitamhurumia yeye nimhurumiaye.”
20 Garuu waan namni fuula koo argee jiraachuu hin dandeenyeef ati fuula koo arguu hin dandeessu.”
Lakini Mungu akasema, “Hutaweza kuuona uso wangu, kwa kuwa hakuna mtu yeyote awezaye kuniona akaishi.”
21 Ergasiis Waaqayyo akkana jedhe; “Kunoo as na bira iddoon ati kattaa irra dhaabachuu dandeessu jira.
Kisha Bwana akasema, “Kuna mahali karibu nami ambapo unaweza kusimama juu ya mwamba.
22 Ani yeroo ulfinni koo darbuutti jiru holqa kattaa keessa si kaaʼee hamma ani darbutti harka kootiin si daʼeessa.
Utukufu wangu unapopita, nitakuweka gengeni kwenye mwamba na kukufunika kwa mkono wangu mpaka nitakapokwisha kupita.
23 Ergasiis ani harka koo nan fudhadha; atis dugda koo ni argita; fuulli koo garuu argamuu hin qabu.”
Kisha nitaondoa mkono wangu nawe utaona mgongo wangu; lakini kamwe uso wangu hautaonekana.”