< Baʼuu 32 >
1 Sabni sunis yommuu akka Museen tulluu irra ture argetti Aroonin marsee, “Musee namicha biyya Gibxiitii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii kaʼii waaqota nu dura deeman nuu tolchi” jedhe.
Hata watu walipoona ya kuwa Musa amekawia kushuka katika mlima, wakakusanyana wakamwendea Aruni, wakamwambia, “Njoo, katufanyizie sanamu itakayokwenda mbele yetu, kwa maana Musa huyo aliyetutoa katika nchi ya Misri hatujui yaliyompata.”
2 Aroon immoo, “Warqee gurraa kan niitonni keessan, ilmaan keessanii fi intallan keessan keeyyatan irraa baasaatii natti fidaa” jedhee deebiseef.
Hivyo Aruni akawaambia, “Zitoeni pete za dhahabu zilizo katika masikio ya wake zenu, na wana wenu, na binti zenu, mkaniletee.”
3 Namoonni hundinuu warqee gurra isaanii of irraa baasanii Aroonitti fidan.
Watu wote wakavua pete za dhahabu zilizo katika masikio yao, na wakamletea Aruni.
4 Innis warqee sana isaan harkaa fuudhee miʼa ittiin hojjetaniin baqsee Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin hojjetame tokko tolche; isaanis, “Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha” jedhan.
Akapoke mikononi mwao akaitengeneza kwa patasi, akaifanya iwe sanamu ya ndama kwa kuiyeyusha. Nao wakasema, “Hiyo ndiyo miungu yako, Ee Israeli, iliyokutoa katika nchi ya Misri.”
5 Aroonis yommuu waan kana argetti fuula jabbii sanaa duratti iddoo aarsaa ijaaree, “Bori Waaqayyoof ayyaanni ni ayyaaneffama” jedhee labse.
Naye Haruni alipoona jambo hili, akajenga madhabahu mbele yake; Aruni akatangaza akasema,
6 Isaanis guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanii, aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas fidan. Kana irratti nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan.
“Kesho itakuwa sikukuu kwa Yahweh.” Wakaondoka asubuhi na mapema, wakatoa dhabihu, wakaleta sadaka za amani, watu wakaketi kula na kunywa, wakaondoka wacheze.
7 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii gad buʼi.
Kisha Yahweh akamwambia Musa, “Shuka upesi, kwa maana watu wako uliowatoa katika nchi ya Misri wamejiharibu nafsi zao.
8 Isaan dafanii karaa ani isaan ajaje irraa jalʼataniiru; Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin baqfamee qopheeffame illee ofii isaaniitiif tolfatanii aarsaa dhiʼeessaniifii, ‘Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha’ jedhanii isa waaqeffataniiru.
Wamepotoka upesi kuiacha ile njia niliyowaamuru, wamejifanyizia ndama ya kuyeyusha wakaiabudu na kuitolea dhabihu. Wakasema, 'Hiyo ndiyo miungu yako, Ee Israeli, iliyokutoa katika nchi ya Misri.
9 “Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; ‘Kunoo, ani akka sabni kun mata jabeessa taʼe argeera.
Kisha Yahweh akamwambia Musa, “Mimi nimewaona watu hawa, na tazama, ni watu wenye shingo ngumu.
10 Kanaafuu akka aariin koo isaanitti bobaʼuu fi akka ani isaan balleessuuf na dhiisi. Yommus ani saba guddaa si taasisa.’”
Basi sasa usinizuie. Ili hasira zangu ziwake juu yao, niwaangamize. Nami nitakufanya wewe uwe taifa kuu.”
11 Museen garuu fuula gargaarsa Waaqayyo Waaqa isaa barbaaddate; akkanas jedhe; “Yaa Waaqayyo, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa?
Musa akamsihi sana Yahweh Mungu wake, na kusema,”Yahweh, kwa nini hasira zako kuwaka juu ya watu wako uliowaleta kutoka nchi ya Misri kwa uweza mkuu, na kwa mkono wenye nguvu?
12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin.
Kwa nini Wamisri kusema, 'Amewatoa kwa kuwatenda uovu, ili apate kuwaua milimani, na kuwaondoa watoke juu ya uso wa nchi?' Geuka katika hasira yako kali, ughairi uovu huu ulio nao juu ya watu wako.
13 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan samii irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu.”
Mkumbuke Ibrahimu, na Isaka, na Israeli, watumishi wako, ambao uliwaapia kwa nafsi yako, na kuwaambia, 'Nitazidisha kizazi chenu mfano wa nyota za mbinguni; tena nchi hii yote niliyoinena nitakipa kizazi chenu nao watairithi milele.'”
14 Kana irratti Waaqayyo yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.
Na Yahweh akaughairi ule uovu aliosema ya kwamba atawatenda watu wake.
15 Museenis gabateewwan kakuu lamaan sana harkatti qabatee deebiʼee tulluu irraa gad buʼe. Gabatee sana irrattis karaa lachuu, duraa duubaan barreeffamee ture.
Kisha Musa akageuka akashuka katika mlima, na zile mbao mbili za mawe mikononi mwake. Mbao zilizoandikwa pande zote mbili, upande huu na upande huu ziliandikwa.
16 Gabateewwan sanas Waaqatu hojjete; katabbiin sunis katabbii Waaqaa kan gabateewwan sana irratti soofamee barreeffamee dha.
Na zile mbao zilikuwa kazi ya Mungu nayo maandiko yalikuwa maandiko ya Mungu, yaliyochorwa katika zile mbao.
17 Iyyaasuunis yommuu waca namootaa dhagaʼetti Museedhaan, “Iddoo buufataa keessa sagalee waraanaatu jira” jedhe.
Na Yoshua aliposikia kelele za watu walipokuwa wakipiga kelele, akamwambia Musa, “Kuna kelele ya vita kambini.
18 Museen immoo akkana jedhee deebise: “Sagaleen ani dhagaʼu kun sagalee sirbaati malee sagalee mooʼuu, yookaan sagalee moʼatamuu miti.”
“Lakini Musa akasema, “Hiyo si sauti ya watu wapigao kelele kwa sababu ya kushinda vitani, wala si sauti ya watu wapigao kelele kwa sababu ya kushindwa; bali kelele za watu waimbao ndizo ninazozisikia mimi.”
19 Museenis akkuma iddoo qubataatti dhiʼaatee jabbii fi shuubbisa sana argeen aaree gubate; gabateewwan sana harka isaa irraa darbatee tulluu sana jalatti caccabse.
Hata alipoyakaribia kambini akaiona ile ndama, na watu wakicheza. Hasira ya Musa ikawaka. Akazitupa zile mbao mikononi mwake, akazivunja chini ya mlima.
20 Innis jabbii jarri tolchan sana fuudhee ibiddaan gube; daakee bulleessees bishaanitti firfirsee Israaʼeloota obaase.
Akaitwaa ile ndama waliyoifanya, akaichoma moto, akaisaga hata ikawa mavumbi, akainyunyiza juu ya maji. Akawanywesha wana wa Israeli.
21 Museenis Arooniin, “Sabni kun maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkasii keessa isaan buufte?” jedhe.
Musa akamwambia Aruni, “Watu hawa wamekufanyani hata ukaleta dhambi hii kuu juu yao?
22 Aroon immoo deebisee akkana jedhe; “Yaa gooftaa ko, aartee hin gubatin; akka sabni kun gara hamminaatti jalʼatu atuu beekta.
Aruni akasema, “Hasira yako isiwake, bwana wangu. Wewe unawajua watu hawa, ya kuwa wamejielekeza kwa mabaya.
23 Isaan, ‘Musee namicha Gibxii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii waaqota nu dura deeman nuu tolchi’ naan jedhan.
Maana waliniambia, 'Katufanyie miungu, itakayokwenda mbele yetu. Kwa maana mtu huyo Musa, aliyetutoa katika nchi ya Misri, hatujui yaliyompata.'
24 Anis, ‘Namni warqee qabu of irraa haa baasu’ jedheen; isaanis warqee sana natti kennan; anis ibidda keessa nan buuse; inni immoo jabbii taʼee baʼe!”
Nikawaambia, 'Mtu ye yote aliye na dhahabu na aivue; basi wakanipa, nami nikaitupa ndani ya moto, akatoka ndama huyu.”
25 Museen akka sabni sun gad dhiisiitti jiraate, Aroonis akka isaan toʼannaadhaan ala taʼan akka godhee fi akka isaan diinota isaanii birattis waan kolfaa taʼan arge.
Basi Musa alipoona ya kuwa watu hawa wameasi (maana Haruni amewaacha waasi, ili wawe dhihaka kati ya adui zao)
26 Kanaafuu Museen karra qubataa dura dhaabatee, “Mee warri gara Waaqayyo gortan hundi gara koo kottaa” jedhe. Lewwonni hundis isa biratti walitti qabaman.
Ndipo Musa akasimama katika mlango wa marago, akasema, “Mtu awaye yote aliye upande wa Yahweh na aje kwangu.” Wana wa Lawi wote wakamkusanyikia.
27 Ergasii inni akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Tokkoon tokkoon namaa mudhii isaatti goraadee haa hidhatu; tokkoon tokkoon namaas qubata sana keessa karra tokko irraa gara karra kaaniitti asii fi achi deemee obboloota isaa, michoota isaatii fi ollaa isaa haa ajjeesu.’”
Akawaambia, Yahweh, Mungu wa Israeli, asema hivi, 'Kila mtu na ajifunge upanga wake pajani mwake, akapite huko na huko toka mlango hata mlango kati ya marago, mkamchinje kila mtu ndugu yake, na kila mtu mwenziwe na kila mtu jirani yake.'”
28 Lewwonnis akkuma Museen isaan ajaje godhan; guyyaa sana saba sana keessaa nama gara kuma sadiitu duʼe.
Na hao wana wa Lawi wakafanya kama vile alivyosema Musa, wakaanguka siku ile kama watu elfu tatu.
29 Museenis, “Isin waan ilmaan keessanii fi obboloota keessanitti kaataniif harʼa Waaqayyoof addaan baafamtaniirtu; innis guyyaa harʼaa isin eebbiseera” jedhe.
Musa akasema, Jiwekeni wakfu kwa Yahweh leo, kila mtu juu ya mwanawe na juu ya ndugu yake; ili Yahweh awape baraka leo.”
30 Museen guyyaa itti aanutti saba sanaan, “Isin cubbuu guddaa hojjettaniirtu. Garuu ani amma gara Waaqayyootti ol nan baʼa; tarii ani cubbuu keessaniif araara nan buusa taʼa” jedhe.
Hata asubuhi yake Musa akawaambia watu, “Mmetenda dhambi kuu. Sasa nitakwenda juu kwa Yahweh. Labda nitafanya upatanisho kwa ajili ya dhambi yenu.”
31 Museenis deebiʼee gara Waaqayyoo dhaqee akkana jedhe; “Wayyoo! Sabni kun cubbuu akkam guddaa hojjete! Isaan ofii isaaniitiif waaqota warqee tolfataniiru.
Musa akarejea kwa Yahweh akasema,” Oh! Watu hawa wametenda dhambi kuu wamejifanyia miungu ya dhahabu.
32 Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi.”
Walakini sasa, ikiwa utawasamehe dhambi yao – na kama sivyo, unifute, nakusihi, katika kitabu chako ulichoandika.”
33 Waaqayyo immoo Museedhaan akkana jedhe; “Ani nama cubbuu natti hojjete kitaaba koo irraa nan haqa.
Yahweh akamwambia Musa, “Mtu ye yote aliyenitenda dhambi ndiye nitakayemfuta katika kitabu changu.
34 Amma kaʼiitii gara lafa ani sitti hime sanaatti saba kana qajeelchi; kunoo ergamaan koos fuula kee dura ni deema. Garuu gaafa yeroon ani isaan adabu gaʼutti ani cubbuu isaaniitiif isaan nan adaba.”
Basi sasa uende ukawaongoze watu hawa mpaka mahali pale ambapo nimekwambia habari zake. Tazama, malaika wangu atakutangulia. Lakini pamoja na hayo siku nitakayowajilia nitawapatiliza kwa ajili ya dhambi yao.”
35 Sababii balleessaa isaan jabbii Aroon tolche sanaan hojjetaniitiif Waaqayyo balaadhaan saba sana dhaʼe.
Kisha Yahweh akawapiga hao watu, kwa walivyoifanya ile ndama, ambayo Aruni aliifanya.