2“Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera;
3ani Hafuura Waaqaatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera;
4Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf;
5akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf.
6Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera. “Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.
7“Isaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru, miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
8minjaalaa fi miʼa isaa, baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda, iddoo aarsaa ixaanaa,
9iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
10wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman, wayyaawwan Aroon lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,
11Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan. “Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan.”