< Baʼuu 30 >

1 “Iddoo aarsaa kan ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi.
“You are also to make an altar of acacia wood for the burning of incense.
2 Iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkootii fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu; gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walitti waanuma tokko irraa haa tolfaman.
It is to be square, a cubit long, a cubit wide, and two cubits high. Its horns must be of one piece.
3 Gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee naannessii tolchi.
Overlay with pure gold the top and all the sides and horns, and make a molding of gold around it.
4 Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchi; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchi.
And make two gold rings below the molding on opposite sides to hold the poles used to carry it.
5 Danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii warqee itti uffisi.
Make the poles of acacia wood and overlay them with gold.
6 Iddoo aarsaa sanas fuula golgaa taabota kakuu seeraa bira jiru sanaa dura, fuula teessoo araaraa kan kakuu seeraatiin ol jiruu dura iddoo ani itti si argu sana dhaabi.
Place the altar in front of the veil that is before the ark of the Testimony —before the mercy seat that is over the Testimony—where I will meet with you.
7 “Aroon yommuu ganama ganama ibsaa qoqopheessutti iddoo aarsaa irratti ixaana urgaaʼaa haa aarsu.
And Aaron is to burn fragrant incense on it every morning when he tends the lamps.
8 Akka ixaanni sun dhaloota dhufu keessatti illee yeroo hunda fuula Waaqayyoo duratti aaruuf Aroon yommuu galgala galgala ibsaa qabsiisutti ixaana haa aarsu.
When Aaron sets up the lamps at twilight, he must burn the incense perpetually before the LORD for the generations to come.
9 Iddoo aarsaa kana irratti ixaana gosa biraa yookaan qalma gubamu yookaan kennaa midhaanii hin dhiʼeessin; dhibaayyuus irratti hin dhibaafatin.
On this altar you must not offer unauthorized incense or a burnt offering or grain offering; nor are you to pour a drink offering on it.
10 Aroonis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis Waaqayyoof waan hundumaa caalaa qulqulluu dha.”
Once a year Aaron shall make atonement on the horns of the altar. Throughout your generations he shall make atonement on it annually with the blood of the sin offering of atonement. The altar is most holy to the LORD.”
11 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Then the LORD said to Moses,
12 “Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa Waaqayyoof haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu.
“When you take a census of the Israelites to number them, each man must pay the LORD a ransom for his life when he is counted. Then no plague will come upon them when they are numbered.
13 Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
Everyone who crosses over to those counted must pay a half shekel, according to the sanctuary shekel, which weighs twenty gerahs. This half shekel is an offering to the LORD.
14 Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu Waaqayyoof kennaa haa dhiʼeessan.
Everyone twenty years of age or older who crosses over must give this offering to the LORD.
15 Yommuu isin lubbuu keessan furuuf jettanii Waaqayyoof kennaa dhiʼeessitanitti sooreyyiin walakkaa saqiliitii oli hin kennin; hiyyeeyyiinis walakkaa saqiliitii gad hin kennin.
In making the offering to the LORD to atone for your lives, the rich shall not give more than a half shekel, nor shall the poor give less.
16 Maallaqa furii sanas Israaʼeloota harkaa fudhiitii tajaajila dunkaana wal gaʼii sanaa irra oolchi; kunis lubbuu keessaniif furii taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo saba Israaʼel taʼa.”
Take the atonement money from the Israelites and use it for the service of the Tent of Meeting. It will serve as a memorial for the Israelites before the LORD to make atonement for your lives.”
17 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And the LORD said to Moses,
18 “Gabatee naasii kan miilla naasii qabu dhiqannaadhaaf tolchi. Isas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi.
“You are to make a bronze basin with a bronze stand for washing. Set it between the Tent of Meeting and the altar, and put water in it,
19 Aroonii fi ilmaan isaa bishaani sanaan harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan.
with which Aaron and his sons are to wash their hands and feet.
20 Isaanis akka hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan bishaaniin dhiqatu; akkasumas yommuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubuudhaaf tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhiʼaatanitti,
Whenever they enter the Tent of Meeting or approach the altar to minister by presenting an offering made by fire to the LORD, they must wash with water so that they will not die.
21 akka hin duuneef harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kunis dhaloota dhufu keessatti Aroonii fi sanyii isaatiif seera dhaabataa taʼa.”
Thus they are to wash their hands and feet so that they will not die; this shall be a permanent statute for Aaron and his descendants for the generations to come.”
22 Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
Then the LORD said to Moses,
23 “Urgooftuuwwan urgooftuu hunda caalan jechuunis qumbii qulqulluu saqilii 500, qarafaa urgaaʼaa walakkaa isaa jechuunis saqilii 250, marga citaa urgaaʼaa saqilii 250,
“Take the finest spices: 500 shekels of liquid myrrh, half that amount (250 shekels) of fragrant cinnamon, 250 shekels of fragrant cane,
24 burgudii saqilii 500 fudhadhu; hundi isaa iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluutti haa taʼu; akkasumas zayitii ejersaa iinii tokko fudhadhu.
500 shekels of cassia —all according to the sanctuary shekel—and a hin of olive oil.
25 Urgooftuuwwan kanneeniinis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa jechuunis makaa urgaaʼaa akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti tolchi. Kunis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa taʼa.
Prepare from these a sacred anointing oil, a fragrant blend, the work of a perfumer; it will be a sacred anointing oil.
26 Zayitii kanaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraa,
Use this oil to anoint the Tent of Meeting, the ark of the Testimony,
27 minjaalaa fi miʼa isaa hunda, baattuu ibsaa fi miʼa isaa, iddoo aarsaa ixaanaa,
the table and all its utensils, the lampstand and its utensils, the altar of incense,
28 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibi.
the altar of burnt offering and all its utensils, and the basin with its stand.
29 Akka isaan waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniif isaan qulqulleessi; wanni isaan tuqu kam iyyuus ni qulqullaaʼa.
You are to consecrate them so that they will be most holy. Whatever touches them shall be holy.
30 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa dibi qulqulleessi.
Anoint Aaron and his sons and consecrate them to serve Me as priests.
31 Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Kun zayitiin qulqulluu ittiin dhaloota dhufuuf jiru diban naaf haa taʼu.
And you are to tell the Israelites, ‘This will be My sacred anointing oil for the generations to come.
32 Zayitii kana dhagna nama biraa irratti hin dhangalaasin yookaan zayitii kam iyyuu karaa kanaan hin qopheessin. Zayitiin kun qulqulluu dha; innis isiniif qulqulluu haa taʼu.
It must not be used to anoint an ordinary man, and you must not make anything like it with the same formula. It is holy, and it must be holy to you.
33 Namni shittoo shittoo sana fakkaatu hojjetu kan nama biraattis dibu saba isaa keessaa haa balleeffamu.’”
Anyone who mixes perfume like it or puts it on an outsider shall be cut off from his people.’”
34 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Urgooftuu jechuunis hamphee urgaaʼu, elellaan urgaaʼu, aannan muka urgaaʼuu, ixaana makaa hin qabne kan hundi isaa iyyuu baayʼina wal qixxee qabu fudhadhuutii,
The LORD also said to Moses, “Take fragrant spices—gum resin, onycha, galbanum, and pure frankincense—in equal measures,
35 akkuma namni urgooftuu qopheessu tokko hojjetutti ixaana makamaa urgaaʼu tolchi. Ixaana kanattis soogidda naqiitii qulqulleessi; akka qulqulluu taʼus godhi.
and make a fragrant blend of incense, the work of a perfumer, seasoned with salt, pure and holy.
36 Isa keessaas gartokko daakii bulleessiitii dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti si argu sana kaaʼi. Innis kan waan hunda caalaa qulqullaaʼuu isiniif haa taʼu.
Grind some of it into fine powder and place it in front of the Testimony in the Tent of Meeting, where I will meet with you. It shall be most holy to you.
37 Haala kanaan ixaana ofii keessaniif hin qopheeffatinaa; akka inni Waaqayyoof qulqulluu taʼes hubadhu.
You are never to use this formula to make incense for yourselves; you shall regard it as holy to the LORD.
38 Namni urgaa isaatti gammaduuf jedhee waan isa fakkaatu tokko illee hojjetu saba ofii keessaa haa balleeffamu.”
Anyone who makes something like it to enjoy its fragrance shall be cut off from his people.”

< Baʼuu 30 >