< Baʼuu 3 >

1 Museen bushaayee abbaa niitii isaa Yetroo lubicha Midiyaan sanaa tiksaa ture; innis gaaf tokko hamma dhiʼa lafa gammoojjiitti bushaayee sana oofee gara tulluu Waaqaa gara Kooreeb dhufe.
Wakati huu Musa aliendelea kuchunga mifugo ya Yethro baba mkwe wake, kuhani wa Midiani. Musa aliliongoza kundi la mifugo kuelekea upande wa mbali wa jangwa mpaka kufika Horebu, mlima wa Mungu.
2 Achittis Ergamaan Waaqayyoo daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan isatti mulʼate. Museenis daggalli sun bobaʼu illee akka hin gubatin arge.
Akiwa pale malaika wa Yahwe akamtokea kama mwali wa moto katika kichaka. Musa aliangalia, na tazama, kichaka kiliwaka moto lakini hakikuteketea.
3 Museenis, “Daggalli kun maaliif hin gubatu laata? Ani itti goree waan dinqisiisaa kana ilaaluu qaba” jedhe.
Musa akasema, “Nitageuka ili nione kitaku hiki cha ajabu, kwa nini kichaka hakiteketei.”
4 Waaqayyos yommuu akka Museen ilaaluuf achi gore argetti, Waaqni daggala sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame. Museenis, “Kunoo ani asan jira” jedhee deebise.
Yahwe alipoona ya kuwa amegeuka upande ili aone, Mungu alimwita kutoka katika kile kichaka na kusema, “Musa, Musa.” Musa akasema, “Mimi hapa.”
5 Waaqni immoo, “As hin dhiʼaatin; Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu” jedheen.
Mungu akasema, “Usinikaribie! Vua viatu katika miguu yako, kwa kuwa mahali uliposimama ni mahali palipowekwa wakfu kwa ajili yangu.”
6 Itti fufees, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob” jedhe. Kana irratti Museen Waaqa ilaaluu waan sodaateef fuula isaa dhokfate.
Aliongeza kusema, “Mimi ni Mungu wa baba yako, Mungu wa Abrahamu, Mungu wa Isaka, na Mungu wa Yakobo.” Kisha Musa akaufunika uso wake, kwa kuwa aliogopa kumwangalia Mungu.
7 Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan dhiphina saba koo warra Gibxi keessa jiraatan irra gaʼu argeera. Iyya isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuuf iyyanis dhagaʼeera; ani rakkina isaaniis nan beeka.
Yahwe akasema, “Hakika nimeyaona mateso ya watu wangu walioko Misri. Nimesikia kelele zao kwa sababu ya mabwana wao, kwa kuwa nayajua mateso yao.
8 Kanaafuu ani harka warra Gibxiitii isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaatti, biyya aannanii fi dammi keessaa burquutti jechuunis gara biyya Kanaʼaanotaatti, Heetotaatti, Amoorotaatti, Feerzotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti ol isaan baasuuf jedhee gad buʼeera.
Nimekuja chini kuwaokoa dhidi ya mamlaka ya Wamisri na kuwatoa katika nchi ile na kuwaleta katika nchi nzuri, pana, nchi ijaayo maziwa na asali; kwenye ukanda wa Wakanaani, Wahiti, Waamori, Waperizi, Wahivi, na Wayebusi.
9 Amma kunoo iyyi Israaʼelootaa na bira gaʼeera. Ani haala itti warri Gibxi isaan cunqursanis argeera.
Sasa kilio cha watu wa Israeli kimenifikia mimi. Zaidi sana, Mimi nimeyaona mateso ambayo Wamisri wanawatesa.
10 Kanaafuu ati amma dhaqi. Ani akka ati saba koo Israaʼeloota Gibxi keessaa baaftuuf Faraʼoonitti sin erga.”
Sasa basi, nitakutuma wewe kwa Farao ili upate kuwatoa watu wangu, wana wa Israeli, kutoka katika nchi ya Misri.”
11 Museen garuu Waaqaan, “Faraʼoon bira dhaqee Gibxii Israaʼeloota baasuuf ani eenyu?” jedhe.
Lakini Musa akamwambia Mungu, “Mimi ni nani hata niende kwa Farao na kuwatoa Waisraeli kutoka Misri?”
12 Waaqnis akkana jedhe; “Ani si wajjin nan taʼa. Ati saba sana Gibxii yommuu baaftutti isin tulluu kana irratti Waaqa waaqeffattu. Si erguu kootiifis kun mallattoo siif taʼa.”
Mungu akamjibu, “Hakika nitakuwa pamoja nawe. Hii itakuwa ishara kwako ya kuwa nimekutuma. Utakapokuwa umewatoa watu kutoka Misri, mtaniabubu mimi katika mlima huu.”
13 Museen immoo Waaqaan, “Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, ‘Waaqni abbaa keessanii na ergeera’ yommun jedhutti yoo isaan, ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?” jedhe.
Musa akamwambia Mungu, “Nikienda kwa Waisraeli na kuwaambia, 'Mungu wa baba zenu amenituma mimi kwenu,' na kisha wakiniambia, 'jina lake nani?' nitawaambia nini?”
14 Waaqnis Museedhaan, “ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi” jedheen.
Mungu akamwambia Musa, “MIMI NIPO AMBAYE NIPO.” Mungu akasema, “Ni lazima uwaambie Waisraeli, “MIMI NIPO amenituma kwenu.”
15 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob isinitti na ergeera.’ “Maqaan kun bara baraan maqaa koo ti; maqaa ani dhalootaa hamma dhalootaatti ittiin yaadatamuu dha.
Pia Mungu akamwambia Musa, “Lazima uwaambie Waisraeli, 'Yahwe, Mungu wa baba zenu, Mungu wa Abrahamu, Mungu wa Isaka, na Mungu wa Yakobo amenituma mimi kwenu. Hili ndio jina langu milele, na hivi ndivyo nitakavyokumbukwa na vizazi vyote.'
16 “Dhaqii maanguddoota Israaʼel walitti qabiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani isin ilaaleera; waan Gibxitti isin irra gaʼes argeera.
Nenda ukawakusanye wazee wa Israeli pamoja. Waambie, 'Yahwe, Mungu wa baba zenu, Mungu wa Abrahamu, wa Isaka na Yakobo, amenitokea mimi na kusema, “Hakika nimewatazama na nimeona yale mliyotendewa huko Misri.
17 Kanaafuu ani rakkina Gibxi keessaa isin baasee biyya aannanii fi dammi keessaa burqu jechuunis biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi biyya Yebuusotaatti isin geessuuf murteesseera.”’
Nimeahidi kuwatoa ninyi katika mateso ya Misri na kuwaleta katika nchi ya Wakanaani, Wahiti, Wamwori, Waperizi, Wahivi, na Wayebusi. Nchi ijaayo maziwa na asali.”
18 “Maanguddoonni Israaʼel si dhagaʼu. Atii fi maanguddoonni Israaʼel mootii Gibxi bira dhaqxanii, ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa nutti mulʼateera; egaa amma akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami’ jettuun.
Watakusikiliza. Wewe pamoja na wazee wa Israeeli itawapasa kwenda kwa mfalme wa Misri, na imewapasa kumwambia, 'Yahwe, Mungu wa Waebrania amekutana nasi. Hivyo tuache sisi twende safari ya siku tatu katika jangwa ili tupate kutoa sadaka kwa Yahwe Mungu wetu.'
19 Garuu akka mootiin Gibxi yoo irreen jabaan isa dirqisiise malee deemuuf isinii hin eeyyamne anuu beeka.
Lakini nafahamu ya kuwa mfalme wa Misri hatawaacha ninyi mwende, isipokuwa kwa kulazimishwa.
20 Ani dinqii isaan gidduutti hojjedhu hundaan irree koo hiixadhee namoota Gibxi nan dhaʼa. Ergasii inni akka deemtan isiniif eeyyama.
Nitainua mkono wangu na kuwapiga Wamisri kwa miujiza yote nitakayoifanya kati yao. Baada ya hayo, atawaacha mwende.
21 “Anis akka sabni kun fuula warra Gibxi duratti surraa argatu nan godha; isinis yommuu Gibxii baatanitti harka duwwaa hin baatan.
Nitawapa watu hawa kufadhiliwa kutoka kwa Wamisri ili muondokapo msiende mikono mitupu.
22 Tokkoon tokkoon dubartii miʼa meetii, miʼa warqeetii fi uffata gaafattee ollaa isheettii fi dubartii mana ishee jiraattu irraa haa fudhattu; kanaanis ilmaanii fi intallan keessanitti uffiftu. Akkasiinis qabeenya warra Gibxi boojitanii baatu.”
Kila mwanamke ataomba kwa jirani yake Mmisri na kwa kila mwanamke akaaye kwenye nyumba ya jirani yake, vyombo vya fedha na vya dhahabu na nguo. Nanyi mtawavika watoto wenu wa kiume na binti zenu. Kwa njia hii mtawateka nyara Wamisri.”

< Baʼuu 3 >