< Baʼuu 3 >

1 Museen bushaayee abbaa niitii isaa Yetroo lubicha Midiyaan sanaa tiksaa ture; innis gaaf tokko hamma dhiʼa lafa gammoojjiitti bushaayee sana oofee gara tulluu Waaqaa gara Kooreeb dhufe.
καὶ Μωυσῆς ἦν ποιμαίνων τὰ πρόβατα Ιοθορ τοῦ γαμβροῦ αὐτοῦ τοῦ ἱερέως Μαδιαμ καὶ ἤγαγεν τὰ πρόβατα ὑπὸ τὴν ἔρημον καὶ ἦλθεν εἰς τὸ ὄρος Χωρηβ
2 Achittis Ergamaan Waaqayyoo daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan isatti mulʼate. Museenis daggalli sun bobaʼu illee akka hin gubatin arge.
ὤφθη δὲ αὐτῷ ἄγγελος κυρίου ἐν φλογὶ πυρὸς ἐκ τοῦ βάτου καὶ ὁρᾷ ὅτι ὁ βάτος καίεται πυρί ὁ δὲ βάτος οὐ κατεκαίετο
3 Museenis, “Daggalli kun maaliif hin gubatu laata? Ani itti goree waan dinqisiisaa kana ilaaluu qaba” jedhe.
εἶπεν δὲ Μωυσῆς παρελθὼν ὄψομαι τὸ ὅραμα τὸ μέγα τοῦτο τί ὅτι οὐ κατακαίεται ὁ βάτος
4 Waaqayyos yommuu akka Museen ilaaluuf achi gore argetti, Waaqni daggala sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame. Museenis, “Kunoo ani asan jira” jedhee deebise.
ὡς δὲ εἶδεν κύριος ὅτι προσάγει ἰδεῖν ἐκάλεσεν αὐτὸν κύριος ἐκ τοῦ βάτου λέγων Μωυσῆ Μωυσῆ ὁ δὲ εἶπεν τί ἐστιν
5 Waaqni immoo, “As hin dhiʼaatin; Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu” jedheen.
καὶ εἶπεν μὴ ἐγγίσῃς ὧδε λῦσαι τὸ ὑπόδημα ἐκ τῶν ποδῶν σου ὁ γὰρ τόπος ἐν ᾧ σὺ ἕστηκας γῆ ἁγία ἐστίν
6 Itti fufees, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob” jedhe. Kana irratti Museen Waaqa ilaaluu waan sodaateef fuula isaa dhokfate.
καὶ εἶπεν αὐτῷ ἐγώ εἰμι ὁ θεὸς τοῦ πατρός σου θεὸς Αβρααμ καὶ θεὸς Ισαακ καὶ θεὸς Ιακωβ ἀπέστρεψεν δὲ Μωυσῆς τὸ πρόσωπον αὐτοῦ εὐλαβεῖτο γὰρ κατεμβλέψαι ἐνώπιον τοῦ θεοῦ
7 Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan dhiphina saba koo warra Gibxi keessa jiraatan irra gaʼu argeera. Iyya isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuuf iyyanis dhagaʼeera; ani rakkina isaaniis nan beeka.
εἶπεν δὲ κύριος πρὸς Μωυσῆν ἰδὼν εἶδον τὴν κάκωσιν τοῦ λαοῦ μου τοῦ ἐν Αἰγύπτῳ καὶ τῆς κραυγῆς αὐτῶν ἀκήκοα ἀπὸ τῶν ἐργοδιωκτῶν οἶδα γὰρ τὴν ὀδύνην αὐτῶν
8 Kanaafuu ani harka warra Gibxiitii isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaatti, biyya aannanii fi dammi keessaa burquutti jechuunis gara biyya Kanaʼaanotaatti, Heetotaatti, Amoorotaatti, Feerzotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti ol isaan baasuuf jedhee gad buʼeera.
καὶ κατέβην ἐξελέσθαι αὐτοὺς ἐκ χειρὸς Αἰγυπτίων καὶ ἐξαγαγεῖν αὐτοὺς ἐκ τῆς γῆς ἐκείνης καὶ εἰσαγαγεῖν αὐτοὺς εἰς γῆν ἀγαθὴν καὶ πολλήν εἰς γῆν ῥέουσαν γάλα καὶ μέλι εἰς τὸν τόπον τῶν Χαναναίων καὶ Χετταίων καὶ Αμορραίων καὶ Φερεζαίων καὶ Γεργεσαίων καὶ Ευαίων καὶ Ιεβουσαίων
9 Amma kunoo iyyi Israaʼelootaa na bira gaʼeera. Ani haala itti warri Gibxi isaan cunqursanis argeera.
καὶ νῦν ἰδοὺ κραυγὴ τῶν υἱῶν Ισραηλ ἥκει πρός με κἀγὼ ἑώρακα τὸν θλιμμόν ὃν οἱ Αἰγύπτιοι θλίβουσιν αὐτούς
10 Kanaafuu ati amma dhaqi. Ani akka ati saba koo Israaʼeloota Gibxi keessaa baaftuuf Faraʼoonitti sin erga.”
καὶ νῦν δεῦρο ἀποστείλω σε πρὸς Φαραω βασιλέα Αἰγύπτου καὶ ἐξάξεις τὸν λαόν μου τοὺς υἱοὺς Ισραηλ ἐκ γῆς Αἰγύπτου
11 Museen garuu Waaqaan, “Faraʼoon bira dhaqee Gibxii Israaʼeloota baasuuf ani eenyu?” jedhe.
καὶ εἶπεν Μωυσῆς πρὸς τὸν θεόν τίς εἰμι ὅτι πορεύσομαι πρὸς Φαραω βασιλέα Αἰγύπτου καὶ ὅτι ἐξάξω τοὺς υἱοὺς Ισραηλ ἐκ γῆς Αἰγύπτου
12 Waaqnis akkana jedhe; “Ani si wajjin nan taʼa. Ati saba sana Gibxii yommuu baaftutti isin tulluu kana irratti Waaqa waaqeffattu. Si erguu kootiifis kun mallattoo siif taʼa.”
εἶπεν δὲ ὁ θεὸς Μωυσεῖ λέγων ὅτι ἔσομαι μετὰ σοῦ καὶ τοῦτό σοι τὸ σημεῖον ὅτι ἐγώ σε ἐξαποστέλλω ἐν τῷ ἐξαγαγεῖν σε τὸν λαόν μου ἐξ Αἰγύπτου καὶ λατρεύσετε τῷ θεῷ ἐν τῷ ὄρει τούτῳ
13 Museen immoo Waaqaan, “Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, ‘Waaqni abbaa keessanii na ergeera’ yommun jedhutti yoo isaan, ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?” jedhe.
καὶ εἶπεν Μωυσῆς πρὸς τὸν θεόν ἰδοὺ ἐγὼ ἐλεύσομαι πρὸς τοὺς υἱοὺς Ισραηλ καὶ ἐρῶ πρὸς αὐτούς ὁ θεὸς τῶν πατέρων ὑμῶν ἀπέσταλκέν με πρὸς ὑμᾶς ἐρωτήσουσίν με τί ὄνομα αὐτῷ τί ἐρῶ πρὸς αὐτούς
14 Waaqnis Museedhaan, “ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi” jedheen.
καὶ εἶπεν ὁ θεὸς πρὸς Μωυσῆν ἐγώ εἰμι ὁ ὤν καὶ εἶπεν οὕτως ἐρεῖς τοῖς υἱοῖς Ισραηλ ὁ ὢν ἀπέσταλκέν με πρὸς ὑμᾶς
15 Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob isinitti na ergeera.’ “Maqaan kun bara baraan maqaa koo ti; maqaa ani dhalootaa hamma dhalootaatti ittiin yaadatamuu dha.
καὶ εἶπεν ὁ θεὸς πάλιν πρὸς Μωυσῆν οὕτως ἐρεῖς τοῖς υἱοῖς Ισραηλ κύριος ὁ θεὸς τῶν πατέρων ὑμῶν θεὸς Αβρααμ καὶ θεὸς Ισαακ καὶ θεὸς Ιακωβ ἀπέσταλκέν με πρὸς ὑμᾶς τοῦτό μού ἐστιν ὄνομα αἰώνιον καὶ μνημόσυνον γενεῶν γενεαῖς
16 “Dhaqii maanguddoota Israaʼel walitti qabiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani isin ilaaleera; waan Gibxitti isin irra gaʼes argeera.
ἐλθὼν οὖν συνάγαγε τὴν γερουσίαν τῶν υἱῶν Ισραηλ καὶ ἐρεῖς πρὸς αὐτούς κύριος ὁ θεὸς τῶν πατέρων ὑμῶν ὦπταί μοι θεὸς Αβρααμ καὶ θεὸς Ισαακ καὶ θεὸς Ιακωβ λέγων ἐπισκοπῇ ἐπέσκεμμαι ὑμᾶς καὶ ὅσα συμβέβηκεν ὑμῖν ἐν Αἰγύπτῳ
17 Kanaafuu ani rakkina Gibxi keessaa isin baasee biyya aannanii fi dammi keessaa burqu jechuunis biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi biyya Yebuusotaatti isin geessuuf murteesseera.”’
καὶ εἶπον ἀναβιβάσω ὑμᾶς ἐκ τῆς κακώσεως τῶν Αἰγυπτίων εἰς τὴν γῆν τῶν Χαναναίων καὶ Χετταίων καὶ Αμορραίων καὶ Φερεζαίων καὶ Γεργεσαίων καὶ Ευαίων καὶ Ιεβουσαίων εἰς γῆν ῥέουσαν γάλα καὶ μέλι
18 “Maanguddoonni Israaʼel si dhagaʼu. Atii fi maanguddoonni Israaʼel mootii Gibxi bira dhaqxanii, ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa nutti mulʼateera; egaa amma akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami’ jettuun.
καὶ εἰσακούσονταί σου τῆς φωνῆς καὶ εἰσελεύσῃ σὺ καὶ ἡ γερουσία Ισραηλ πρὸς Φαραω βασιλέα Αἰγύπτου καὶ ἐρεῖς πρὸς αὐτόν ὁ θεὸς τῶν Εβραίων προσκέκληται ἡμᾶς πορευσώμεθα οὖν ὁδὸν τριῶν ἡμερῶν εἰς τὴν ἔρημον ἵνα θύσωμεν τῷ θεῷ ἡμῶν
19 Garuu akka mootiin Gibxi yoo irreen jabaan isa dirqisiise malee deemuuf isinii hin eeyyamne anuu beeka.
ἐγὼ δὲ οἶδα ὅτι οὐ προήσεται ὑμᾶς Φαραω βασιλεὺς Αἰγύπτου πορευθῆναι ἐὰν μὴ μετὰ χειρὸς κραταιᾶς
20 Ani dinqii isaan gidduutti hojjedhu hundaan irree koo hiixadhee namoota Gibxi nan dhaʼa. Ergasii inni akka deemtan isiniif eeyyama.
καὶ ἐκτείνας τὴν χεῖρα πατάξω τοὺς Αἰγυπτίους ἐν πᾶσι τοῖς θαυμασίοις μου οἷς ποιήσω ἐν αὐτοῖς καὶ μετὰ ταῦτα ἐξαποστελεῖ ὑμᾶς
21 “Anis akka sabni kun fuula warra Gibxi duratti surraa argatu nan godha; isinis yommuu Gibxii baatanitti harka duwwaa hin baatan.
καὶ δώσω χάριν τῷ λαῷ τούτῳ ἐναντίον τῶν Αἰγυπτίων ὅταν δὲ ἀποτρέχητε οὐκ ἀπελεύσεσθε κενοί
22 Tokkoon tokkoon dubartii miʼa meetii, miʼa warqeetii fi uffata gaafattee ollaa isheettii fi dubartii mana ishee jiraattu irraa haa fudhattu; kanaanis ilmaanii fi intallan keessanitti uffiftu. Akkasiinis qabeenya warra Gibxi boojitanii baatu.”
αἰτήσει γυνὴ παρὰ γείτονος καὶ συσκήνου αὐτῆς σκεύη ἀργυρᾶ καὶ χρυσᾶ καὶ ἱματισμόν καὶ ἐπιθήσετε ἐπὶ τοὺς υἱοὺς ὑμῶν καὶ ἐπὶ τὰς θυγατέρας ὑμῶν καὶ σκυλεύσετε τοὺς Αἰγυπτίους

< Baʼuu 3 >