1“Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi.
9mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti. “Atis akkasiin Aroonii fi ilmaan isaa muudi.
10“Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Aroonii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
19“Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Aroonii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
20Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Aroon mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
21Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu.
27“Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aroonii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi.
28Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa Waaqayyoof kennuu dha.
29“Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Aroon qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu.
30Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu.
31“Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli.
32Aroonii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan.
33Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin.
34Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu.
35“Waan ani si ajaje hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu.