< Baʼuu 29 >
1 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi.
“अब तुम उनको पवित्र करने के लिए एक निर्दोष बछड़ा तथा दो मेढ़ों को लाना.
2 Daakuu qamadii filatamaa irraa Maxinoo, Maxinoo zayitiidhaan sukkuumamee fi bixxillee zayitiin irra dibame tolchi.
उनको लेकर बिना खमीर रोटी तथा तेल से बनी बिना खमीर की पूरियां, तेल लगाई हुई बिना खमीर की रोटियां जिन्हें मैदे से तैयार किया गया हो, लेना.
3 Isaan kanas gundoo keessa kaaʼiitii dibichaa fi korbeeyyii hoolaa wajjin dhiʼeessi.
इन सभी को तुम एक टोकरी में रखकर तथा बछड़े एवं मेढ़ों के साथ चढ़ाना.
4 Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
तब तुम अहरोन और उसके पुत्रों को मिलनवाले तंबू के द्वार पर लाकर उनको नहलाना.
5 Uffatas fuudhiitii qomee, wandaboo dirataa, dirataa fi kiisii qomaa Aroonitti uffisi. Dirata sanas sabbata ogummaadhaan dhaʼameen hidhi.
और अहरोन को कुर्ता तथा एफ़ोद का परिधान, एफ़ोद तथा वक्ष पटल पहनाकर उसे एफ़ोद के फ़ीते से बांध देना;
6 Mataa isaatti marata mari; marata sanatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi.
उसके सिर पर वह पगड़ी रखना तथा उस पगड़ी पर पवित्र मुकुट रख देना.
7 Zayitii ittiin dibdu fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan isa dibi.
तब अभिषेक का तेल लेकर उसके सिर पर डालकर उसका अभिषेक करना.
8 Ilmaan isaa fidii qomee isaanitti uffisi;
फिर उसके पुत्रों को कुर्ते पहनाना.
9 mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti. “Atis akkasiin Aroonii fi ilmaan isaa muudi.
अहरोन तथा उनके पुत्रों की कमर बांधकर उनके सिर पर टोपियां रख देना. ऐसे पुरोहित पद पर हमेशा उनका अधिकार हो जाएगा. “इस तरह अहरोन तथा उसके पुत्रों का अभिषेक करना.
10 “Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Aroonii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
“इसके बाद बछड़े को मिलनवाले तंबू के सामने लाना और अहरोन के पुत्र उस बछड़े के सिर पर अपना हाथ रखें.
11 Atis fuula Waaqayyoo duratti, balbala dunkaana wal gaʼii irratti isa qali.
तब उस बछड़े को याहवेह के सामने मिलनवाले तंबू के द्वार पर बलि चढ़ाना.
12 Dhiiga dibicha sanaa irraa xinnoo fuudhiitii quba keetiin gaanfa iddoo aarsaa dibi; kan hafe immoo miilla iddoo aarsaa irratti dhangalaasi.
तुम उस बछड़े का लहू अपनी उंगली पर लेकर वेदी के सींगों पर लगाना और बाकी बचे हुए लहू को वेदी पर डाल देना.
13 Moora miʼa garaatti haguugame hunda, haguuggii tiruutii fi moora kalee lamaanitti haguugame fuudhiitii iddoo aarsaa irratti gubi.
उसकी अंतड़ियां के ऊपर की तथा कलेजे के ऊपर की चर्बी, तथा दोनों गुर्दों के ऊपर की चर्बी को वेदी पर जला देना.
14 Foon dibicha sanaa, gogaa isaatii fi cumaa isaa garuu qubata keessaa gad baasii gubi. Inni aarsaa cubbuu ti.
किंतु बैल, उसकी खाल, मांस और इस प्रक्रिया में उत्पन्न गोबर को छावनी के बाहर अग्नि में जला देना, क्योंकि यह पापबलि है.
15 “Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi; Aroonii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
“फिर एक मेढ़ा भी लेना और अहरोन तथा उसके पुत्र अपना हाथ उस मेढ़े के सिर पर रखें;
16 Korbeessa hoolaa sana qalii dhiiga isaa fuudhiitii gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
फिर उस मेढ़े की बलि करके उसके लहू को एक साथ लेकर वेदी के आस-पास छिड़क देना.
17 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutii miʼa garaatii fi luka isaa miiciitii mataa fi kutaawwan kaan wajjin kaaʼi.
फिर उस मेढ़े के टुकड़े-टुकड़े करके, उसके आंतरिक अंगों तथा टांगों को धोकर, इन सबको सिर के साथ रख देना.
18 Korbeessa hoolaa sana guutumaan guutuutti iddoo aarsaa irratti gubi. Kunis qalma Waaqayyoof gubamu, aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
और पूरे मेढ़े को वेदी पर जला देना. यह याहवेह के लिए होमबलि होगी, और याहवेह के लिए अग्नि में समर्पित सुखदायक सुगंध होगा.
19 “Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Aroonii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
“इसके बाद दूसरा मेढ़ा अर्थात् संस्कार का मेढ़ा प्रस्तुत किया जाये और अहरोन और उनके पुत्र उस मेढ़े के सिर पर अपने हाथ रखें.
20 Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Aroon mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
फिर उस मेढ़े को बलि करना, उसका कुछ रक्त लेकर अहरोन के दहिने कान पर तथा उनके दाएं हाथ एवं पांव के दाएं अंगूठों पर लगा देना तथा बाकी बचे हुए लहू को वेदी के चारों ओर छिड़क देना.
21 Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu.
फिर वेदी से थोड़ा लहू और अभिषेक का तेल लेकर अहरोन और उसके पुत्रों के ऊपर और उनके कपड़ों पर छिड़क देना; इससे अहरोन और उसके कपड़े तथा उसके पुत्र और उनके कपड़े पवित्र हो जायेंगे.
22 “Korbeessa hoolaa kana irraas cooma, duboo, moora miʼa garaa haguugu, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanitti jiru, akkasumas tafa mirgaa fuudhii. Korbeessi hoolaa kunis hoolaa ittiin lubummaa kennanii dha.
“मेढ़े को अभिषेक वाला मानकर उसकी चर्बी, उसकी पूंछ, अंतड़ियां तथा कलेजे के ऊपर की चर्बी, दोनों गुर्दे तथा उसकी चर्बी और मेढ़े की दायीं जांघ लेना—क्योंकि यह अभिषेक का मेढ़ा है,
23 Gundoo Maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura jiru sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhi.
और एक रोटी, तेल से चुपड़ी एक पूरी, बिना खमीर रोटी की टोकरी में से एक पपड़ी, जो याहवेह के सामने रखी गई थी;
24 Wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼiitii aarsaa sochoofamu godhii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi.
ये सभी वस्तुएं अहरोन एवं उसके पुत्रों के हाथों में रखकर इन्हें याहवेह को चढ़ाने की भेंट मानकर याहवेह के आगे लहराया जाए.
25 Ergasii immoo harka isaaniitii fuudhii akka urgaa Waaqayyotti tolu taʼuuf aarsaa gubamu wajjin iddoo aarsaa irratti gubi; kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
फिर वह इन वस्तुओं को लेकर होमबलि के लिए वेदी पर जलाए ताकि यह याहवेह के लिए सुखदायक सुगंध हो. यह याहवेह के लिए अग्निबलि होगी.
26 Erga handaraafa hoolaa Aroon ittiin luba taʼe sana fuutee booddee aarsaa sochoofamu godhiitii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi; kunis qooda kee ti.
फिर अहरोन के अभिषेक के मेढ़े की छाती को लेकर याहवेह के सामने लहर की भेंट के रूप में लहराए. और वह तुम्हारा हिस्सा होगा.
27 “Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aroonii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi.
“मेढ़े के लहराए जाने की भेंट वाली छाती तथा उठाए जाने की भेंट वाला जांघ, जिसे लहराया गया था, और जिसे अभिषेक के मेढ़े में से चढ़ाया था, जो अहरोन एवं उसके पुत्रों के हिस्से में से था, पवित्र करना.
28 Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa Waaqayyoof kennuu dha.
यह इस्राएल वंश से सदा के लिए अहरोन एवं उसके पुत्रों के लिए उनका हिस्सा होगा, क्योंकि यह उठाए जाने की भेंट है; यह इस्राएलियों की ओर से उनकी मेल बलियों में से याहवेह के लिए उठाए जाने की भेंट हो.
29 “Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Aroon qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu.
“अहरोन के बाद अहरोन के पवित्र कपड़े उसके पुत्र के होंगे, ताकि इन्हीं कपड़ों में उनको पवित्र एवं अभिषेक किया जा सके.
30 Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu.
अहरोन के बाद उसके पुत्रों में से जो पुरोहित बनेगा जब वह पवित्र स्थान में सेवा करने मिलनवाले तंबू में जाएगा तब अहरोन के कपड़ो को उसे सात दिन तक पहनना होगा.
31 “Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli.
“फिर अभिषेक के उस मेढ़े को तथा उसके मांस को एक पवित्र स्थान पर पकाना.
32 Aroonii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan.
अहरोन एवं उसके पुत्र, उस मेढ़े के मांस एवं उस टोकरी की रोटी दोनों को मिलनवाले तंबू के द्वार पर खाएं.
33 Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin.
इस प्रकार वे अभिषेक तथा पवित्र की गई वस्तुओं को खाएं, जिनके द्वारा प्रायश्चित किया गया था. लेकिन सामान्य व्यक्ति इसे न खाएं, क्योंकि ये वस्तुएं पवित्र हैं.
34 Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu.
यदि अभिषेक के मांस में से कुछ मांस एवं रोटी बच जाती है तो उसे आग में जला देना, क्योंकि ये पवित्र वस्तुएं हैं.
35 “Waan ani si ajaje hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu.
“अहरोन तथा उसके पुत्रों के साथ वही करना जो उनके साथ करने के लिए मैंने तुमसे कहा हैं; सात दिन तक उनको पवित्र करते रहना.
36 Akka araarri buʼuufis guyyuma guyyaan dibicha qalii aarsaa cubbuu dhiʼeessi. Iddoo aarsaa sanaaf aarsaa araaraa dhiʼeessuudhaan qulqulleessi; addaan baasuudhaafis isa dibi.
रोज तुम पापबलि के लिए एक बछड़ा प्रायश्चित के लिए चढ़ाना. प्रायश्चित करने के समय वेदी को भी साफ़ करना. और उसे पवित्र करने के लिए उसका अभिषेक करना.
37 Iddoo aarsaa sanaafis bultii torba araara buusiitii isa qulqulleessi. Yoos iddoon aarsaa sun waan hunda caalaa qulqulluu taʼa; wanni isa tuqu hundinuus ni qulqulleeffama.
सात दिन तक वेदी के लिए तुम प्रायश्चित करके उसे पवित्र करना तब यह वेदी महा पवित्र हो जाएगी. जो कोई इस वेदी को छुएगा पवित्र हो जाएगा.
38 “Wanni ati yeroo hunda iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaan dhiʼeessitu kanaa dha: Xobbaallaawwan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe lama;
“और एक-एक साल के दो मेमने वेदी पर रोज चढ़ाना.
39 tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
एक मेमना सुबह तथा दूसरा शाम को चढ़ाना.
40 Xobbaallaa jalqabaa sana wajjinis daakuu baʼeessa isaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi; akkasumas daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuu godhii dhiʼeessi.
पहले मेमने के साथ पेरकर निकाले गए एक लीटर तेल में मिला हुआ डेढ़ किलो मैदा तथा पेय बलि के लिए एक लीटर दाखरस चढ़ाना
41 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin akkuma isa ganamaa sanaatti galgala dhiʼeessi; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
तथा दूसरे मेमने के साथ शाम को अन्नबलि और पेय बलि चढ़ाना होगा, जो याहवेह के लिए चढ़ाया गया एक सुखदायक सुगंध हो जाए.
42 “Qalmi gubamu kun dhaloota dhufu keessattis yeroo hunda balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeeffamu. Anis gara keessan dhufee achitti isinitti nan dubbadha;
“यह याहवेह के सामने, मिलनवाले तंबू के द्वार पर जहां मैं तुमसे मिलकर बातें करूंगा, तुम्हारी समस्त पीढ़ियों द्वारा याहवेह के लिए मिलनवाले तंबू के द्वार पर नियमित रूप से होमबलि चढ़ाई जाएगी.
43 saba Israaʼel wajjinis achumatti wal argina; iddoon sunis ulfina kootiin ni qulqulleeffama.
वहां मैं इस्राएलियों से मिलूंगा और वह तंबू मेरे तेज से पवित्र किया जायेगा.
44 “Ani dunkaana wal gaʼii fi iddoo aarsaa sana nan qulqulleessa; Aroonii fi ilmaan isaas akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif nan qulqulleessa.
“मैं मिलनवाले तंबू और वेदी को पवित्र करूंगा और अहरोन एवं उसके पुत्रों को भी पुरोहित के रूप में सेवा के लिए पवित्र करूंगा.
45 Anis saba Israaʼel keessa nan jiraadha; Waaqa isaaniis nan taʼa.
मैं इस्राएलियों के साथ रहूंगा तथा मैं उनका परमेश्वर ठहरूंगा.
46 Isaanis akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii kan gidduu isaanii jiraachuuf jedhee biyya Gibxiitii keessaa isaan baase taʼe ni beeku; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti.
तब वे जान लेंगे कि मैं याहवेह उनका परमेश्वर हूं, जिसने उन्हें मिस्र देश से निकाला ताकि मैं उनके साथ रहूं. मैं याहवेह उनका परमेश्वर हूं.