< Baʼuu 29 >
1 “Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi.
“Ga abin da za ka yi don ka keɓe su, don su yi mini hidima a matsayin firistoci. Ka ɗauki ɗan bijimi da raguna biyu marasa lahani.
2 Daakuu qamadii filatamaa irraa Maxinoo, Maxinoo zayitiidhaan sukkuumamee fi bixxillee zayitiin irra dibame tolchi.
Daga garin alkama mai laushi marar yisti kuwa, ka yi burodi, da wainan da aka kwaɓa da mai, da ƙosai waɗanda an barbaɗa mai a kai.
3 Isaan kanas gundoo keessa kaaʼiitii dibichaa fi korbeeyyii hoolaa wajjin dhiʼeessi.
Ka sa waɗannan a cikin kwando. Sa’an nan ka miƙa su tare da ɗan bijimin da ragunan nan biyu.
4 Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi.
Bayan haka sai ka kawo Haruna da’ya’yansa a ƙofar Tentin Sujada ka yi musu wanka.
5 Uffatas fuudhiitii qomee, wandaboo dirataa, dirataa fi kiisii qomaa Aroonitti uffisi. Dirata sanas sabbata ogummaadhaan dhaʼameen hidhi.
Ka ɗauki rigar ka sa wa Haruna, ka sa masa doguwar rigar, da rigar efod, da efod kanta, da ƙyallen maƙalawa a ƙirji. Ka ɗaura masa efod da ɗamarar da aka yi mata ado.
6 Mataa isaatti marata mari; marata sanatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi.
Ka naɗa masa rawani a kai, ka kuma sa kambi mai tsarki a bisa rawanin.
7 Zayitii ittiin dibdu fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan isa dibi.
Ka ɗauki man shafewa ka shafe shi, ta wurin zuba man a kansa.
8 Ilmaan isaa fidii qomee isaanitti uffisi;
Ka kawo’ya’yansa, ka sa musu taguwoyi,
9 mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Aroonii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti. “Atis akkasiin Aroonii fi ilmaan isaa muudi.
ka kuma sa musu huluna a kansu. Sa’an nan ka ɗaura wa Haruna da’ya’yansa abin ɗamara. Su kuwa da zuriyarsu, aikin firist kuwa zai zama nasu ta wurin dawwammamiyar farilla. “Ta haka za ka keɓe Haruna da’ya’yansa maza.
10 “Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Aroonii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
“Ka kuma kawo bijimin a gaban Tentin Sujada, sai Haruna da’ya’yansa su ɗora hannuwansu a kansa.
11 Atis fuula Waaqayyoo duratti, balbala dunkaana wal gaʼii irratti isa qali.
Ka yanka shi a gaban Ubangiji a ƙofar Tentin Sujada.
12 Dhiiga dibicha sanaa irraa xinnoo fuudhiitii quba keetiin gaanfa iddoo aarsaa dibi; kan hafe immoo miilla iddoo aarsaa irratti dhangalaasi.
Ka ɗibi jinin bijimin ka zuba a kan ƙahoni na bagade da yatsanka, sauran jinin kuwa ka zuba a gindin bagaden.
13 Moora miʼa garaatti haguugame hunda, haguuggii tiruutii fi moora kalee lamaanitti haguugame fuudhiitii iddoo aarsaa irratti gubi.
Sa’an nan ka ɗauki dukan kitsen da ya rufe kayan ciki, da kitsen da yake manne da hanta, da ƙoda biyu da kuma kintsen da yake a kansu, ka ƙone su a kan bagade.
14 Foon dibicha sanaa, gogaa isaatii fi cumaa isaa garuu qubata keessaa gad baasii gubi. Inni aarsaa cubbuu ti.
Amma ka ƙone naman bijimin, da fatarsa, da kayan cikin, a bayan sansani. Hadaya ce ta zunubi.
15 “Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi; Aroonii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
“Ka ɗauki ɗaya daga cikin ragunan, Haruna kuwa da’ya’yan maza za su ɗora hannuwansa a kansa.
16 Korbeessa hoolaa sana qalii dhiiga isaa fuudhiitii gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
Ka yanka ragon, ka ɗibi jinin, ka yayyafa shi kewaye da gefen bagaden.
17 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutii miʼa garaatii fi luka isaa miiciitii mataa fi kutaawwan kaan wajjin kaaʼi.
Ka yayyanka rago gunduwa-gunduwa, ka wanke kayan cikin, da ƙafafun, da kan, ka haɗa su da gunduwoyin.
18 Korbeessa hoolaa sana guutumaan guutuutti iddoo aarsaa irratti gubi. Kunis qalma Waaqayyoof gubamu, aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
Sa’an nan ka ƙone ragon ɗungum a kan bagade. Hadaya ta ƙonawa ce ga Ubangiji, mai daɗin ƙanshi, wato, hadaya ce da aka ƙone da wuta ga Ubangiji.
19 “Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Aroonii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan.
“Ka ɗauki ɗayan ragon, sai Haruna da’ya’yansa maza su ɗora hannuwansu a kansa.
20 Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Aroon mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi.
Ka yanka ragon, ka ɗibi jinin, ka shafa a bisa leɓen kunnen Haruna na dama, da bisa leɓen kunnuwan’ya’yansa maza na dama, da kan manyan yatsotsin hannuwansu na dama, da kuma a kan manyan yatsotsin ƙafafunsu na dama. Sauran jinin kuwa, sai ka yayyafa shi kewaye da gefen bagaden.
21 Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Aroonii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu.
Ka ɗibi jinin da yake a kan bagade, da man shafewa, ka yafa a kan Haruna da rigunansa, da kuma a kan’ya’yansa maza da rigunansu. Sa’an nan shi da’ya’yansa maza da rigunansu za su tsarkake.
22 “Korbeessa hoolaa kana irraas cooma, duboo, moora miʼa garaa haguugu, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanitti jiru, akkasumas tafa mirgaa fuudhii. Korbeessi hoolaa kunis hoolaa ittiin lubummaa kennanii dha.
“Ka ɗebi kitse daga wannan rago, ka yanke wutsiyarsa mai kitse, ka kuma ɗebi kitsen da ya rufe kayan ciki, da kitsen da yake bisa hanta, da ƙoda biyu da kitsen da yake kansu, da cinyar dama. (Gama rago ne don naɗi.)
23 Gundoo Maxinoo baatu kan fuula Waaqayyoo dura jiru sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhi.
Daga kwandon burodi marar yisti, wanda yake gaban Ubangiji, ka ɗauki dunƙule ɗaya, da waina da aka yi da mai, da kuma ƙosai.
24 Wantoota kanneen hunda harka Aroonii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼiitii aarsaa sochoofamu godhii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi.
Ka sa dukan waɗannan a hannun Haruna da’ya’yansa maza, su kaɗa su a gaban Ubangiji a matsayin hadaya ta kaɗawa.
25 Ergasii immoo harka isaaniitii fuudhii akka urgaa Waaqayyotti tolu taʼuuf aarsaa gubamu wajjin iddoo aarsaa irratti gubi; kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
Sa’an nan ka karɓe su daga hannuwansu, ka ƙone su a kan bagade tare da hadaya ta ƙonawa, domin ƙanshi mai daɗi ga Ubangiji, wato, hadaya ce da aka ƙone da wuta ga Ubangiji.
26 Erga handaraafa hoolaa Aroon ittiin luba taʼe sana fuutee booddee aarsaa sochoofamu godhiitii fuula Waaqayyoo duratti sochoosi; kunis qooda kee ti.
Bayan haka, ka ɗauki ƙirjin ragon domin naɗin Haruna, ka kaɗa shi a gaban Ubangiji kamar hadaya ta kaɗawa. Wannan ƙirji zai zama rabonka.
27 “Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Aroonii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi.
“Ka tsarkake ƙirji na hadaya ta kaɗawa, da cinya ta hadaya ta ɗagawa, waɗanda za a kaɗa a kuma ɗaga na ragon naɗin, wanda yake na Haruna da kuma na’ya’yansa maza.
28 Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa Waaqayyoof kennuu dha.
Wannan zai zama rabon Haruna da’ya’yansa maza daga Isra’ilawa. Gama wannan hadaya ta ɗagawa ce daga cikin hadayu na salama da Isra’ilawa za su miƙa wa Ubangiji.
29 “Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Aroon qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu.
“Keɓaɓɓun tufafin nan na Haruna za su zama na zuriyarsa bayan mutuwarsa. Da tufafin nan ne za a zuba musu mai, a keɓe su.
30 Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu.
Ɗan da ya gāje shi a matsayin firist, shi ne zai sa su har kwana bakwai, lokacin da ya shiga Tentin Sujada, don yă yi aiki a Wuri Mai Tsarki.
31 “Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli.
“Ka ɗauki ragon naɗi, ka dafa naman a tsattsarkan wuri.
32 Aroonii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan.
A ƙofar Tentin Sujada, Haruna da’ya’yansa maza za su ci wannan rago da burodin da yake cikin kwandon.
33 Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin.
Za su ci abubuwan nan da aka yi kafara da su a lokacin tsarkakewarsu da keɓewarsu. Ba wanda zai ci, sai su kaɗai, gama abubuwan nan tsarkaka ne.
34 Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu.
In naman ragon naɗi ko wani burodin ya ragu har safiya, a ƙone shi, kada a ci gama tsarkake ne.
35 “Waan ani si ajaje hunda Aroonii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu.
“Ka yi wa Haruna da’ya’yansa maza duk abin da na umarce ka, ka ɗauki kwana bakwai don naɗinsu.
36 Akka araarri buʼuufis guyyuma guyyaan dibicha qalii aarsaa cubbuu dhiʼeessi. Iddoo aarsaa sanaaf aarsaa araaraa dhiʼeessuudhaan qulqulleessi; addaan baasuudhaafis isa dibi.
Ka miƙa bijimi ɗaya kowace rana domin hadaya don zunubi ta yin kafara. Ka tsarkake bagade ta wuri yin kafara dominsa, ka shafe shi da mai don ka tsarkake shi.
37 Iddoo aarsaa sanaafis bultii torba araara buusiitii isa qulqulleessi. Yoos iddoon aarsaa sun waan hunda caalaa qulqulluu taʼa; wanni isa tuqu hundinuus ni qulqulleeffama.
Kwana bakwai za ka yi kafara saboda bagaden, ka kuma tsarkake shi. Sa’an nan bagaden zai zama mafi tsarki, kuma duk abin da ya taɓa bagaden zai tsarkaka.
38 “Wanni ati yeroo hunda iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaan dhiʼeessitu kanaa dha: Xobbaallaawwan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe lama;
“Ga abin da za ka miƙa a bisa bagaden kowace rana.’Yan raguna biyu masu shekara ɗaya-ɗaya.
39 tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi.
Ka miƙa ɗaya da safe, ɗaya kuma da yamma.
40 Xobbaallaa jalqabaa sana wajjinis daakuu baʼeessa isaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi; akkasumas daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuu godhii dhiʼeessi.
Haɗe da ɗan rago na farkon, ka miƙa mudun gari mai laushi wanda an gauraye da kwalaba ɗaya na tataccen mai zaitun, da kwalaba ɗaya na ruwan inabi don hadaya ta sha.
41 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin akkuma isa ganamaa sanaatti galgala dhiʼeessi; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
Ka miƙa ɗaya ragon da yamma, tare da hadaya ta gari da hadaya ta sha kamar aka yi ta safe, mai daɗin ƙanshi, wato, hadaya ce da aka ƙone da wuta ga Ubangiji.
42 “Qalmi gubamu kun dhaloota dhufu keessattis yeroo hunda balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeeffamu. Anis gara keessan dhufee achitti isinitti nan dubbadha;
“Wannan za tă zama hadaya ta ƙonawar da za a dinga yi kowace rana, daga tsara zuwa tsara. Za a yi ta miƙa hadayar a ƙofar Tentin Sujada a gaban Ubangiji. A can zan sadu da kai, in yi magana da kai;
43 saba Israaʼel wajjinis achumatti wal argina; iddoon sunis ulfina kootiin ni qulqulleeffama.
a can kuma zan sadu da Isra’ilawa, in kuma tsarkake wurin da ɗaukakata.
44 “Ani dunkaana wal gaʼii fi iddoo aarsaa sana nan qulqulleessa; Aroonii fi ilmaan isaas akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif nan qulqulleessa.
“Ta haka zan tsarkake Tentin Sujada da bagaden, in kuma tsarkake Haruna da’ya’yansa maza su yi mini hidima a matsayin firistoci.
45 Anis saba Israaʼel keessa nan jiraadha; Waaqa isaaniis nan taʼa.
Sa’an nan zan zauna a cikin Isra’ilawa, in kuma zama Allahnsu.
46 Isaanis akka ani Waaqayyo Waaqa isaanii kan gidduu isaanii jiraachuuf jedhee biyya Gibxiitii keessaa isaan baase taʼe ni beeku; ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti.
Za su san cewa ni ne Ubangiji Allahnsu, wanda ya fitar da su daga Masar saboda in zauna a cikinsu. Ni ne Ubangiji Allahnsu.