1“Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroon, isa wajjinis ilmaan isaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin saba Israaʼel keessaa ofitti dhiʼeessi.
This chapter is missing in the source text.
2Akka inni ulfinaa fi miidhagina argatuufis obboleessa kee Arooniif uffata qulqulluu hodhi.
3Akka inni luba taʼee na tajaajiluuf namoota beekumsa qaban kanneen ani ogummaa akkanaa kenneef hunda akka isaan akka inni addaan baafamuuf jedhanii Arooniif uffata hodhan itti himi.
4Uffanni isaan hojjetanis: kiisii qomaa, dirata, wandaboo, kittaa miidhagfamee dhawame, marata mataatii fi sabbataa dha. Jarris akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif obboleessa kee Aroonii fi ilmaan isaatiif uffata qulqulluu kana haa hojjetan.
5Ogeeyyiin sunis warqee fi kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼametti haa fayyadaman.
6“Ogeessa harka tolu tokko warqee, kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dirata hojjechiisi.
34Bilbilli warqeetii fi roomaaniin sun wal jala dadarbanii naannoo xiyyoo wandaboo sanaatti haa hojjetaman.
35Aroon yeroo tajaajilu wandaboo kana haa uffatu; akka inni hin duuneef yommuu inni fuula Waaqayyoo dura iddoo qulqulluu seenuu fi yommuu inni achii gad baʼutti sagaleen bilbila sanaa ni dhagaʼama.