< Baʼuu 27 >

1 “Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dhundhuma sadii ol dheeratu ijaari; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu.
“Jenga madhabahu ya mbao za mti wa mshita, kimo chake kiwe dhiraa tatu; itakuwa mraba, urefu wake dhiraa tano, na upana wake dhiraa tano.
2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchi; gaanfaa fi iddoon aarsaa sun mukuma tokko irraa haa taʼu; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisi.
Tengeneza upembe kwenye kila pembe ya hizo pembe nne, ili zile pembe na madhabahu ziwe zimeungana, na ufunike madhabahu kwa shaba.
3 Miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchi.
Tengeneza vyombo vyake vyote kwa shaba: vyungu vyake vya kuondolea majivu, masepetu, mabakuli ya kunyunyizia, uma za nyama, na vyombo vya kuchukulia moto.
4 Naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjedhuutii tokkoo tokkoo rogawwan gingilchaa sanaa afraniif qubeelaawwan naasii tolchi.
Kisha tengenezea hayo madhabahu wavu wa shaba, na utengeneze pete za shaba kwenye kila moja ya hizo pembe nne za huo wavu.
5 Gingilchaa sanas akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol kaʼuuf qarqara iddoo aarsaa jalaan kaaʼi.
Weka wavu huo chini ya ukingo wa madhabahu ili ufikie nusu ya kimo cha madhabahu.
6 Iddoo aarsaa sanaafis danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii naasii itti uffisi.
Tengeneza mipiko ya mti wa mshita kwa ajili ya madhabahu, na uifunike kwa shaba.
7 Danqaraawwan sunis akka yeroo iddoon aarsaa baatamutti gama lamaaniin oolaniif qubeelaawwan keessa haa loofaman.
Hiyo mipiko itaingizwa kwenye zile pete ili iwe pande mbili za madhabahu inapobebwa.
8 Akkuma tulluu irratti sitti argisiifame sanatti iddoo aarsaa kan keessi isaa duwwaa taʼe saanqaa irraa hojjedhu.
Tengeneza madhabahu yawe na uvungu ndani yake ukitumia mbao. Utaitengeneza sawasawa na vile ulivyoonyeshwa mlimani.
9 “Dunkaana qulqulluu sanaaf oobdii hojjedhu. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko haa dheeratu; innis golgaa quncee talbaa gaarii foʼame irraa hojjetamee
“Tengeneza ua kwa ajili ya Hema la Kukutania. Upande wa kusini utakuwa na urefu wa dhiraa mia moja, na utakuwa na mapazia ya kitani iliyosokotwa vizuri,
10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanneenis meetii irraa haa hojjetaman.
pamoja na nguzo ishirini na vitako vya shaba ishirini, na kulabu na tepe za fedha juu ya hizo nguzo.
11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaawwan utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanaas meetii irraa haa tolfaman.
Upande wa kaskazini utakuwa na urefu wa dhiraa mia moja, nao utakuwa na mapazia, pamoja na nguzo ishirini na vitako vya shaba ishirini, pamoja na kulabu na tepe za fedha juu ya hizo nguzo.
12 “Oobdiin kun gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan, utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaban haa qabaatu.
“Upande wa magharibi wa ua utakuwa na upana wa dhiraa hamsini, nao utakuwa na mapazia, na nguzo kumi na vitako vyake kumi.
13 Oobdiin kun fiixee baʼaatiin karaa baʼa biiftuutiin akkasuma dhundhuma shantama haa balʼatu.
Upande wa mwisho wa mashariki jua linakochomoza, ua pia utakuwa na upana wa dhiraa hamsini.
14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra haa jiraatan.
Mapazia yenye urefu wa dhiraa kumi na tano yatakuwa upande mmoja wa ingilio, pamoja na nguzo tatu na vitako vitatu.
15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis gama kaaniin haa jiraatan.
Kutakuwepo tena na mapazia ya dhiraa kumi na tano kwa upande mwingine wa ingilio, pamoja na nguzo tatu na vitako vitatu.
16 “Balbala oobdii sanaatiifis golgaa dhundhuma digdama dheeratee utubaa afurii fi miilla afur qabu kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tokko tolchi.
“Kuhusu ingilio la ua, weka pazia lenye urefu wa dhiraa ishirini la nyuzi za rangi ya buluu, za zambarau, na za rangi nyekundu pamoja na kitani iliyosokotwa vizuri, kazi ya mtarizi. Pazia hilo litashikiliwa na nguzo nne na vitako vinne.
17 Utuboonni naannoo oobdii sanaa hundinuu somaawwanii fi hokkoowwan meetiitii fi miillawwan naasii haa qabaatan.
Nguzo zote zinazozunguka ua zitakuwa na tepe na kulabu za fedha, na vitako vya shaba.
18 Oobdiin sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma shantamaa haa qabaatu; golgaa quncee talbaa gaarii foʼamee dhundhuma shan ol dheeratuu fi miillawwan naasii irraa hojjetame haa qabaatu.
Ua wa kukutania utakuwa na urefu wa dhiraa mia moja na upana wa dhiraa hamsini, ukiwa na mapazia ya kitani yaliyosokotwa vizuri yenye urefu wa dhiraa tano kwenda juu na vitako vya shaba.
19 Miʼi tajaajila dunkaana qulqulluu sanaatiif fayyadu biraa hundi, tajaajila kam iyyuu taanaan, qofoo dunkaanichaatii fi qofoo oobdii sanaa hunda dabalatee naasii irraa haa hojjetamu.
Vyombo vingine vyote vinavyotumika katika maskani kwa shughuli yoyote, pamoja na vigingi vyote na hata vile vya ua, vitakuwa vya shaba.
20 “Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersa cuunfame taliila isaa ibsaadhaaf siif fidan saba Israaʼel ajaji.
“Utawaamuru Waisraeli wakuletee mafuta safi ya zeituni yaliyokamuliwa kwa ajili ya mwanga ili zile taa ziwake mfululizo.
21 Aroonii fi ilmaan isaa dunkaana wal gaʼii keessatti golgaa fuula taabota kakuu seeraa dura jiruun alatti akka ibsaan sun galgalaa hamma ganamaatti fuula Waaqayyoo duratti bobaʼuu haa godhan. Wanni kunis saba Israaʼel keessatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
Katika Hema la Kukutania, nje ya pazia lililo mbele ya Sanduku la Ushuhuda, Aroni na wanawe watahakikisha kuwa taa hizo zinawaka kuanzia jioni mpaka asubuhi mbele za Bwana. Hili litakuwa agizo la milele miongoni mwa Waisraeli kwa vizazi vyote vijavyo.

< Baʼuu 27 >