< Baʼuu 27 >

1 “Muka laaftoo irraa iddoo aarsaa dhundhuma sadii ol dheeratu ijaari; iddoon aarsaa kunis dheerina dhundhuma shanii fi balʼina dhundhuma shanii qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu.
And thou shalt make the altar of acacia wood, five cubits long, and five cubits broad; the altar shall be foursquare: and the height thereof shall be three cubits.
2 Tokkoo tokkoo goleewwan afraniitti gaanfa tolchi; gaanfaa fi iddoon aarsaa sun mukuma tokko irraa haa taʼu; iddoo aarsaa sana irrattis naasii uffisi.
And thou shalt make the horns of it upon the four corners thereof: the horns thereof shall be of one piece with it: and thou shalt overlay it with brass.
3 Miʼa isaa hunda jechuunis waan ittiin daaraa haran, waan ittiin daaraa hammaaran, waciitii, hokkoo fooniitii fi baattuu ibiddaa naasii irraa tolchi.
And thou shalt make its pots to take away its ashes, and its shovels, and its basons, and its fleshhooks, and its firepans: all the vessels thereof thou shalt make of brass.
4 Naasii wal keessa xaxameen gingilchaa hojjedhuutii tokkoo tokkoo rogawwan gingilchaa sanaa afraniif qubeelaawwan naasii tolchi.
And thou shalt make for it a grating of network of brass; and upon the net shalt thou make four brasen rings in the four corners thereof.
5 Gingilchaa sanas akka inni hamma walakkaa iddoo aarsaatti ol kaʼuuf qarqara iddoo aarsaa jalaan kaaʼi.
And thou shalt put it under the ledge round the altar beneath, that the net may reach halfway up the altar.
6 Iddoo aarsaa sanaafis danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii naasii itti uffisi.
And thou shalt make staves for the altar, staves of acacia wood, and overlay them with brass.
7 Danqaraawwan sunis akka yeroo iddoon aarsaa baatamutti gama lamaaniin oolaniif qubeelaawwan keessa haa loofaman.
And the staves thereof shall be put into the rings, and the staves shall be upon the two sides of the altar, in bearing it.
8 Akkuma tulluu irratti sitti argisiifame sanatti iddoo aarsaa kan keessi isaa duwwaa taʼe saanqaa irraa hojjedhu.
Hollow with planks shalt thou make it: as it hath been shewed thee in the mount, so shall they make it.
9 “Dunkaana qulqulluu sanaaf oobdii hojjedhu. Oobdichis gama kibbaatiin dhundhuma dhibba tokko haa dheeratu; innis golgaa quncee talbaa gaarii foʼame irraa hojjetamee
And thou shalt make the court of the tabernacle: for the south side southward there shall be hangings for the court of fine twined linen an hundred cubits long for one side:
10 utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanneenis meetii irraa haa hojjetaman.
and the pillars thereof shall be twenty, and their sockets twenty, of brass; the hooks of the pillars and their fillets [shall be] of silver.
11 Gama kaabaatiinis akkasuma dhundhuma dhibba tokko dheeratee golgaawwan utubaawwan digdamaa fi miilla naasii digdama qaban haa qabaatu; hokkoowwanii fi somaawwan utubaawwan kanaas meetii irraa haa tolfaman.
And likewise for the north side in length there shall be hangings an hundred cubits long, and the pillars thereof twenty, and their sockets twenty, of brass; the hooks of the pillars and their fillets of silver.
12 “Oobdiin kun gama lixaatiin dhundhuma shantama balʼatee golgaawwan, utubaa kudhanii fi miilla kudhan qaban haa qabaatu.
And for the breadth of the court on the west side shall be hangings of fifty cubits: their pillars ten, and their sockets ten.
13 Oobdiin kun fiixee baʼaatiin karaa baʼa biiftuutiin akkasuma dhundhuma shantama haa balʼatu.
And the breadth of the court on the east side eastward shall be fifty cubits.
14 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis karaa balbala tokkoo irra haa jiraatan.
The hangings for the one side [of the gate] shall be fifteen cubits: their pillars three, and their sockets three.
15 Golgaawwan dhundhuma kudha shan dhedheeratanii utubaa sadii fi miilla sadii qabanis gama kaaniin haa jiraatan.
And for the other side shall be hangings of fifteen cubits: their pillars three, and their sockets three.
16 “Balbala oobdii sanaatiifis golgaa dhundhuma digdama dheeratee utubaa afurii fi miilla afur qabu kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼameen dhaʼamee irratti faayeffamee hojjetame tokko tolchi.
And for the gate of the court shall be a screen of twenty cubits, of blue, and purple, and scarlet, and fine twined linen, the work of the embroiderer: their pillars four, and their sockets four.
17 Utuboonni naannoo oobdii sanaa hundinuu somaawwanii fi hokkoowwan meetiitii fi miillawwan naasii haa qabaatan.
All the pillars of the court round about shall be filleted with silver; their hooks of silver, and their sockets of brass.
18 Oobdiin sun dheerina dhundhuma dhibba tokkoo fi balʼina dhundhuma shantamaa haa qabaatu; golgaa quncee talbaa gaarii foʼamee dhundhuma shan ol dheeratuu fi miillawwan naasii irraa hojjetame haa qabaatu.
The length of the court shall be an hundred cubits, and the breadth fifty every where, and the height five cubits, of fine twined linen, and their sockets of brass.
19 Miʼi tajaajila dunkaana qulqulluu sanaatiif fayyadu biraa hundi, tajaajila kam iyyuu taanaan, qofoo dunkaanichaatii fi qofoo oobdii sanaa hunda dabalatee naasii irraa haa hojjetamu.
All the instruments of the tabernacle in all the service thereof, and all the pins thereof, and all the pins of the court, shall be of brass.
20 “Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersa cuunfame taliila isaa ibsaadhaaf siif fidan saba Israaʼel ajaji.
And thou shalt command the children of Israel, that they bring unto thee pure olive oil beaten for the light, to cause a lamp to burn continually.
21 Aroonii fi ilmaan isaa dunkaana wal gaʼii keessatti golgaa fuula taabota kakuu seeraa dura jiruun alatti akka ibsaan sun galgalaa hamma ganamaatti fuula Waaqayyoo duratti bobaʼuu haa godhan. Wanni kunis saba Israaʼel keessatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
In the tent of meeting, without the veil which is before the testimony, Aaron and his sons shall order it from evening to morning before the LORD: it shall be a statute for ever throughout their generations on the behalf of the children of Israel.

< Baʼuu 27 >