< Baʼuu 26 >

1 “Golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu hojjedhu; golgaawwan sana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko kiirubeelii haa hojjetu.
Lazima ufanye hiyo maskani iwe na mapazia kumi ifanye ya nguo ya kitani nzuri ya kusokota, pamoja na nyuzi za rangi ya buluu, zambarau na nyekundu, pamoja na makerubi. Kazi ya fundi stadi.
2 Golgaawwan hundinuu wal qixxee haa taʼan; dheerinni tokkoo tokkoo golgaawwanii dhundhuma digdamii saddeeti, balʼinni isaa immoo dhundhuma afur haa taʼu.
Urefu wa kila pazia utakuwa dhiraa ishirini na nane, na upana wa kila pazia utakuwa dhiraa nne. Mapazia yote yatakuwa ya kipimo kimoja.
3 Golgaawwan shan walitti qabsiisi; golgaawwan hafan shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisi.
Mapazia matano yataungwa pamoja, na mapazia matano mengine yataungwa pamoja.
4 Golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchi; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolchi.
Lazima ufanye tanzi za rangi ya samawati upande wa mwisho wa pazia moja katika ule upindo wa fungu lake. Vivyo hivyo utafanya upande wa mwisho wa ile pazia iliyo, katika fungu la pili.
5 Gurroowwan shantama golgaa tokko irratti tolchi; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa moggaa isa tokkootti tolchi. Gurroowwan sunis gamaa gamanatti haa tolfaman.
Fanya matanzi hamsini katika pazia moja, na matanzi hamsini katika upande wa mwisho wa ile pazia iliyo katika kuungana kwa pili.
6 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchiitii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisi.
Fanya hivi ili hizo tanzi zielekeana. Kisha ufanye vifungo hamsini vya dhahabu, na kuunganisha hayo mapazia pamoja kwa vile vifungo na hiyo maskani itakuwa ni moja.
7 “Haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu irra jiru haguuguufis golgaawwan rifeensa reʼootaa kudha tokko hojjedhu.
Lazima ufanye mapazia ya nywele za mbuzi yawe hema juu ya maskani. Lazima ufanye mapazia kumi na moja.
8 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee haa taʼan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur haa taʼu.
Urefu wa kila pazia utakuwa dhiraa thelathini, na upana wa kila pazia utakuwa dhiraa nne. Hayo mapazia kumi na moja yatakuwa ya kipimo kimoja.
9 Golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaawwan jaʼan kaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaa jaʼaffaa sanas fuula dunkaanichaa duraan iddoo lamatti ol dachaasi.
Lazima utaunganisha mapazia matano mbali, na mapazia sita mbali, na lile pazia la sita utalikunja hapo upande wa mbele wa ile hema.
10 Golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi.
Ufanye tanzi hamsini upande wa mwisho wa pazia lile lililo la mwisho katika hayo yaliyounganywa pamoja, na tanzi hamsini upande wa mwisho wa lile pazia lililo nje katika hayo ya pili yaliyounganywa pamoja.
11 Ergasiis qabduuwwan naasii shantama tolchi; qabduuwwan sanas akka inni tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf gurroowwan keessa galchi.
Kisha ufanye vifungo hamsini vya shaba, na kuvitia vile vifungo katika zile tanzi, na kuiunganya ile hema pamoja, ili iwe hema moja.
12 Wanni golgaawwan dunkaanichaa irraa hafe, walakkaan golgaa hafe sanaa dugda dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu.
Kipande kile kilichosalia, kile kiangukacho, cha yale mapazia ya hema, itaanguka huko upande wa nyuma wa maskani.
13 Akka dunkaana qulqulluu sana haguuguufis dheerina golgaawwan dunkaanicha irraa hafe keessaa dhundhumni tokko gama tokkoon, dhundhumni tokko immoo gama kaaniin bitaa fi mirgaan dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu.
Lazima kuwe na dhiraa moja upande mmoja, na ile dhiraa moja upande wa pili - ya urefu wa mapazia ya hema uliosalia, zitaanguka katika ubavu wa maskani upande huu na upande huu, ili kuifunika.
14 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjedhu.
Nawe fanya kifuniko cha ile hema, cha ngozi za kondoo dume zilizotiwa rangi nyekundu, na juu yake kifuniko cha ngozi za pomboo.
15 “Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjedhu.
Nawe lazima ufanye hizo fremu za maskani za mti wa mjohoro.
16 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu;
Kila fremu utakuwa na urefu wa dhiraa kumi, na upana wake kila ubao utakuwa dhiraa moja na nusu.
17 tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama haa qabaatu; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchi.
Kila fremu itakuwa na ndimi mbili, zenye kuunganishwa huu na huu. Ndivyo utakavyozifanya mbao zote za maskani.
18 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjedhu;
Kisha ufanye zile mbao za maskani, mbao ishirini kwa upande wa kusini kuelekea kusini.
19 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchi.
Lazima nawe ufanye vitako arubaini vya fedha chini ya zile fremu ishirini. Vitako viwili chini ya fremu moja, kupokea zile ndimi zake mbili, na vitako viwili chini ya fremu nyingine kupokea zile ndimi zake mbili.
20 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchi;
Kwa upande wa pili wa maskani, upande wa kaskazini, mbao ishirini
21 miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchi.
na vitako vyake vya fedha arubaini. Lazima kuwe na vitako viwili chini ya fremu moja, na vitako viwili chini ya fremu nyingine.
22 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa tolchi;
Ufanye fremu sita kwa ajili ya upande wa nyuma wa maskani kuelekea magharibi.
23 karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchi.
Tena ufanye fremu mbili kwa ajili ya hizo pembe za maskani zilizo upande wa nyuma.
24 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti haa qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkasuma taʼuu qabu.
Hizi fremu zitakuwa zimetengana upande wa chini, lakini zimeshinkana kwa juu ya duara moja.
25 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu jira; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba.
Fremu zitakuwa ni nane, na vitako vyake vya fedha. Vitako kumi na sita, vitako viwili chini ya fremu moja, na vitako viwili chini ya ubao wa pili.
26 “Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchi; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
Lazima ufanye mataruma ya mti wa mshita- mataruma matano kwa ajili ya mbao za upande mmoja wa maskani,
27 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif dagaleewwan shan, shan tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchi.
na mataruma matano kwa ajili ya fremu za upande wa pili wa maskani, na mataruma matano kwa ajili ya fremu za upande wa maskani ulio nyuma kuelekea magharibi.
28 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhi.
Na hilo taruma la katikati lililo katikati ya zile fremu, litapenya toka mwisho huu hata mwisho huu.
29 Tuggeewwan sana irras warqee itti uffisi. Akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchi; dagaleewwan sanas akkasuma warqee itti uffisi.
lazima uzifunuke hizo fremu kwa dhahabu. Nawe lazima ufanye maduara yake ya za dhahabu, kuwa kama vishikizo, na hayo mataruma utayafunika dhahabu.
30 “Dunkaana qulqulluu kana akkuma karoora tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti dhaabi.
Nawe utaisimamisha hiyo maskani sawasawa na mfano wake uliooneshwa mlimani.
31 “Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tulchi; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii haa tolchu.
Nawe fanya pazia la nyuzi za rangi ya buluu, zambarau na nyekundu, na nguo za kitani nzuri zenye kusokotwa, litafumwa na kutiwa makerubi, kazi ya fundi stadi.
32 Golgaa kana hokkoo warqeetiin utubaawwan muka laaftoo kanneen warqeen itti uffifamee miilla meetii afur irra dhadhaabatan afuritti rarraasi.
Kisha litungike katika nguzo nne za mti wa mshita zilizofunikwa dhahabu, vifungo vyake vitakuwa vya dhahabu, katika vitako vya fedha vinne.
33 Golgaa sana hokkoowwanitti rarraasiitii taabota kakuu seeraa immoo dugda isaa duubaan kaaʼi. Golgaan sunis Iddoo qulqulluu, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana irraa addaan baasa.
Nawe tungika lile pazia chini ya vile vifungo, nawe lete lile sanduku la ushuhuda. Lile pazia litawagawanyia kati ya patakatifu, na mahali patakatifu sana.
34 Teessoo araaraas Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana keessa taabota kakuu seeraa irra kaaʼi.
Nawe lazima utaweka kiti cha rehema juu ya lile sanduku la ushuhuda ndani ya mahali pale patakatifu sana. Na ile meza utaiweka nje ya pazia.
35 Minjaala sanas golgaadhaan ala, gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dhaabi; baattuu ibsaa immoo fuullee minjaala sanaa gama kibba dunkaanichatiin dhaabi.
Lazima uweke kinara cha taa kuikabili ile meza upande wa maskani wa kuelekea kusini. Lile meza utaiweka upande wa kaskazini.
36 “Balbala dunkaanichaatiif immoo golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessii tolchi.
Kisha utafanya kisitiri kwa mlango wa hema, cha nyuzi za rangi ya buluu, zambarau, na nyekundu, na kitani nzuri yenye kusokotwa, kazi ya mshonaji wa taraza.
37 Golgaa kanaafis hokkoo warqeetii fi utubaa muka laaftoo kan warqeen itti uffifame shan tolchi. Naasii tumiitii miilla shan tolchiif.
Nawe fanya nguzo tano za mti wa mshita kwa kile kisitiri, na kuzifunika dhahabu; kulabu zake zitakuwa za dhahabu. Nawe utasubu vitako vya shaba vitano kwa ajili yake.

< Baʼuu 26 >