< Baʼuu 26 >

1 “Golgaawwan kudhan kanneen quncee talbaa gaarii foʼamee fi kan kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee fi bildiimaa irraa hojjetamaniin dunkaana qulqulluu hojjedhu; golgaawwan sana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko kiirubeelii haa hojjetu.
“你要用十幅幔子做帐幕。这些幔子要用捻的细麻和蓝色、紫色、朱红色线制造,并用巧匠的手工绣上基路伯。
2 Golgaawwan hundinuu wal qixxee haa taʼan; dheerinni tokkoo tokkoo golgaawwanii dhundhuma digdamii saddeeti, balʼinni isaa immoo dhundhuma afur haa taʼu.
每幅幔子要长二十八肘,宽四肘,幔子都要一样的尺寸。
3 Golgaawwan shan walitti qabsiisi; golgaawwan hafan shanan kaan illee akkasuma walitti qabsiisi.
这五幅幔子要幅幅相连;那五幅幔子也要幅幅相连。
4 Golgaawwan walitti qabsiifaman kanneen jalqabaa keessaa handaara isa moggaa irratti huccuu bifa cuquliisaa irraa gurroowwan tolchi; golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa irrattis akkasuma tolchi.
在这相连的幔子末幅边上要做蓝色的钮扣;在那相连的幔子末幅边上也要照样做。
5 Gurroowwan shantama golgaa tokko irratti tolchi; gurroowwan shantama immoo golgaawwan walitti qabsiifaman lammaffaa keessaa moggaa isa tokkootti tolchi. Gurroowwan sunis gamaa gamanatti haa tolfaman.
要在这相连的幔子上做五十个钮扣;在那相连的幔子上也做五十个钮扣,都要两两相对。
6 Akka dunkaanni qulqulluun sun tokko taʼuufis hokkoowwan warqee shantama tolchiitii golgaawwan sana ittiin walitti qabsiisi.
又要做五十个金钩,用钩使幔子相连,这才成了一个帐幕。
7 “Haguuggii gubbaa dunkaana qulqulluu irra jiru haguuguufis golgaawwan rifeensa reʼootaa kudha tokko hojjedhu.
“你要用山羊毛织十一幅幔子,作为帐幕以上的罩棚。
8 Golgaawwan kudha tokkoon sun hundi wal qixxee haa taʼan; dheerinni isaanii dhundhuma soddoma, balʼinni isaanii immoo dhundhuma afur haa taʼu.
每幅幔子要长三十肘,宽四肘;十一幅幔子都要一样的尺寸。
9 Golgaawwan shan iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaawwan jaʼan kaan immoo iddoo tokkotti walitti qabsiisi; golgaa jaʼaffaa sanas fuula dunkaanichaa duraan iddoo lamatti ol dachaasi.
要把五幅幔子连成一幅,又把六幅幔子连成一幅,这第六幅幔子要在罩棚的前面折上去。
10 Golgaawwan gama tokkoon walitti qabsiifaman keessaa handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi; golgaawwan gama kaan irratti walitti qabsiifaman keessaas handaara isa moggaa irratti gurroowwan shantama tolchi.
在这相连的幔子末幅边上要做五十个钮扣;在那相连的幔子末幅边上也做五十个钮扣。
11 Ergasiis qabduuwwan naasii shantama tolchi; qabduuwwan sanas akka inni tokko taʼuuf ittiin walitti qabsiisuuf gurroowwan keessa galchi.
又要做五十个铜钩,钩在钮扣中,使罩棚连成一个。
12 Wanni golgaawwan dunkaanichaa irraa hafe, walakkaan golgaa hafe sanaa dugda dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu.
罩棚的幔子所余那垂下来的半幅幔子,要垂在帐幕的后头。
13 Akka dunkaana qulqulluu sana haguuguufis dheerina golgaawwan dunkaanicha irraa hafe keessaa dhundhumni tokko gama tokkoon, dhundhumni tokko immoo gama kaaniin bitaa fi mirgaan dunkaana qulqulluu irraan gad haa rarraʼu.
罩棚的幔子所余长的,这边一肘,那边一肘,要垂在帐幕的两旁,遮盖帐幕。
14 Dunkaana sanaafis irra buusaa kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, isa irraan immoo irra buusaa gogaa duugamee hojjedhu.
又要用染红的公羊皮做罩棚的盖;再用海狗皮做一层罩棚上的顶盖。
15 “Dunkaana qulqulluu sanaafis muka laaftoo irraa tuggeewwan qaqqajeeloo hojjedhu.
“你要用皂荚木做帐幕的竖板。
16 Dheerinni tokkoo tokkoo tuggeewwan sanaas dhundhuma kudhan, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu;
每块要长十肘,宽一肘半;
17 tokkoon tokkoon tuggeewwan sanaas akka wal keessa galuu dandaʼuuf mucha lama lama haa qabaatu; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sanaa hunda akkasitti tolchi.
每块必有两榫相对。帐幕一切的板都要这样做。
18 Gama kibba dunkaana qulqulluu sanaatiifis tuggeewwan digdama hojjedhu;
帐幕的南面要做板二十块。
19 tuggeewwan digdamman sana jalatti miilla meetii afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama gurra isaa lamaaniif, tuggee kaan jalattis miilla lama gurra isaa lamaaniif tolchi.
在这二十块板底下要做四十个带卯的银座,两卯接这块板上的两榫,两卯接那块板上的两榫。
20 Gama dunkaana qulqulluu sanaa kaaniifis karaa kaabaatiin tuggeewwan digdama tolchi;
帐幕第二面,就是北面,也要做板二十块
21 miilla meetiis afurtama jechuunis tuggee tokko jalatti miilla lama, tuggee kaan jalattis miilla lama tolchi.
和带卯的银座四十个;这板底下有两卯,那板底下也有两卯。
22 Karaa lixa biiftuutiin, dugda duuba dunkaana qulqulluu sanaatiif tuggee jaʼa tolchi;
帐幕的后面,就是西面,要做板六块。
23 karaa dugda duubaas golee dunkaana qulqulluu sanaatiif utubaa lama tolchi.
帐幕后面的拐角要做板两块。
24 Tuggeewwan golee kunneen jalaa hamma gubbaatti walitti fayyifamanii bantii irratti qubeelaa tokkoon walitti haa qabsiifaman; tuggeewwan golee lamaaniis akkasuma taʼuu qabu.
板的下半截要双的,上半截要整的,直顶到第一个环子;两块都要这样做两个拐角。
25 Kanaafuu tuggeewwan saddeeti kanneen miilla meetii kudha jaʼa qabanitu jira; tokkoon tokkoon tuggee sanaas miilla lama lama qaba.
必有八块板和十六个带卯的银座;这板底下有两卯,那板底下也有两卯。
26 “Akkasumas muka laaftoo irraa dagaleewwan tolchi; tuggeewwan dunkaana qulqulluu sana irra gama tokkoon jiraniif dagaleewwan shan,
“你要用皂荚木作闩:为帐幕这面的板作五闩,
27 tuggeewwan gama kaaniin jiraniif dagaleewwan shan, shan tuggeewwan dugda duubaan karaa lixa biiftuutiin jiraniif immoo dagaleewwan shan tolchi.
为帐幕那面的板做五闩,又为帐幕后面的板做五闩。
28 Dagalee walakkaa jiru sana akka inni gidduu tuggeewwaniitiin moggaa tokkoo hamma moggaa kaaniitti fullaʼu godhi.
板腰间的中闩要从这一头通到那一头。
29 Tuggeewwan sana irras warqee itti uffisi. Akka dagaleewwan baataniif qubeelaawwan warqee itti tolchi; dagaleewwan sanas akkasuma warqee itti uffisi.
板要用金子包裹,又要做板上的金环套闩;闩也要用金子包裹。
30 “Dunkaana qulqulluu kana akkuma karoora tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti dhaabi.
要照着在山上指示你的样式立起帐幕。
31 “Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa tulchi; golgaa kana irrattis ogeessi harka qajeelu tokko fakkii kiirubeelii haa tolchu.
“你要用蓝色、紫色、朱红色线,和捻的细麻织幔子,以巧匠的手工绣上基路伯。
32 Golgaa kana hokkoo warqeetiin utubaawwan muka laaftoo kanneen warqeen itti uffifamee miilla meetii afur irra dhadhaabatan afuritti rarraasi.
要把幔子挂在四根包金的皂荚木柱子上,柱子上当有金钩,柱子安在四个带卯的银座上。
33 Golgaa sana hokkoowwanitti rarraasiitii taabota kakuu seeraa immoo dugda isaa duubaan kaaʼi. Golgaan sunis Iddoo qulqulluu, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana irraa addaan baasa.
要使幔子垂在钩子下,把法柜抬进幔子内;这幔子要将圣所和至圣所隔开。
34 Teessoo araaraas Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana keessa taabota kakuu seeraa irra kaaʼi.
又要把施恩座安在至圣所内的法柜上,
35 Minjaala sanas golgaadhaan ala, gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dhaabi; baattuu ibsaa immoo fuullee minjaala sanaa gama kibba dunkaanichatiin dhaabi.
把桌子安在幔子外帐幕的北面;把灯台安在帐幕的南面,彼此相对。
36 “Balbala dunkaanichaatiif immoo golgaa kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa kan qalʼifamee foʼamee harkaan irratti hodhame tokko faayessii tolchi.
“你要拿蓝色、紫色、朱红色线,和捻的细麻,用绣花的手工织帐幕的门帘。
37 Golgaa kanaafis hokkoo warqeetii fi utubaa muka laaftoo kan warqeen itti uffifame shan tolchi. Naasii tumiitii miilla shan tolchiif.
要用皂荚木为帘子做五根柱子,用金子包裹。柱子上当有金钩;又要为柱子用铜铸造五个带卯的座。”

< Baʼuu 26 >