21Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi.
22Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
23“Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi.