< Baʼuu 25 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
And YHWH speaks to Moses, saying,
2 “Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa.
“Speak to the sons of Israel, and they take a raised-offering for Me; you take My raised-offering from every man whose heart impels him.
3 “Kennaan isaan harkaa fuutanis: “Warqee, meetii fi naasii;
And this [is] the raised-offering which you take from them: gold, and silver, and bronze,
4 kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame; rifeensa reʼee;
and blue, and purple, and scarlet, and linen, and goats’ [hair],
5 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame, muka laaftoo,
and rams’ skins made red, and tachashim skins, and shittim wood,
6 ibsaadhaaf, zayitii ejersaa, urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf;
oil for the light, spices for the anointing oil, and for the incense of the spices,
7 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.
shoham stones, and stones for setting for an ephod, and for a breastplate.
8 “Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha.
And they have made a sanctuary for Me, and I have dwelt in their midst;
9 Dunkaana qulqulluu kanaa fi miʼa isaa hunda akkuma bifa ani sitti argisiisuutti hojjedhaa.
according to all that which I am showing you, the pattern of the Dwelling Place, and the pattern of all its vessels, even so you make [it].
10 “Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
And they have made an ark of shittim wood; two cubits and a half its length, and a cubit and a half its breadth, and a cubit and a half its height;
11 Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi.
and you have overlaid it [with] pure gold, you overlay it inside and outside, and you have made a ring of gold on it all around.
12 Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi.
And you have cast four rings of gold for it, and have put [them] on its four feet, even two rings on its one side, and two rings on its second side;
13 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi.
and you have made poles of shittim wood, and have overlaid them [with] gold,
14 Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi.
and have brought the poles into the rings on the sides of the Ark, to carry the Ark by them;
15 Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban.
the poles are in the rings of the Ark, they are not turned aside from it;
16 Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi.
and you have put the Testimony which I give to you into the Ark.
17 “Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu.
And you have made a propitiatory covering of pure gold, two cubits and a half its length, and a cubit and a half its breadth;
18 Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi.
and you have made two cherubim of gold; you make them beaten work at the two ends of the propitiatory covering;
19 Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi.
and make one cherub at the end on this [side] and one cherub at the end on that [side]; at the propitiatory covering you make the cherubim on its two ends.
20 Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan.
And the cherubim have been spreading out wings on high, covering over the propitiatory covering with their wings, and their faces [are] toward one another—the faces of the cherubim are toward the propitiatory covering.
21 Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi.
And you have put the propitiatory covering on the Ark above, and you put the Testimony which I give to you into the Ark;
22 Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
and I have met with you there, and have spoken with you from off the propitiatory covering (from between the two cherubim, which [are] on the Ark of the Testimony) all that which I command you concerning the sons of Israel.
23 “Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi.
And you have made a table of shittim wood, two cubits its length, and a cubit its breadth, and a cubit and a half its height,
24 Warqee qulqulluu itti uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee tolchi.
and have overlaid it [with] pure gold, and have made a crown of gold for it all around,
25 Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchi.
and have made a border of a handbreadth for it all around, and have made a crown of gold for its border all around.
26 Minjaala kanaafis qubeelaa warqee afur hojjedhuutii goleewwan afranitti iddoo miilli afran jiranitti kaaʼi.
And you have made four rings of gold for it, and have put the rings on the four corners, which [are] at its four feet;
27 Qubeelaawwan kunneenis akka danqaraa ittiin minjaala baatan qabataniif xiyyoo sanatti dhiʼaachuu qabu.
close by the border are the rings for places for poles to carry the table;
28 Muka laaftoo irraa loosawwan tolchi; warqee itti uffisiitii minjaala sana ittiin baadhu.
and you have made the poles of shittim wood, and have overlaid them with gold, and the table has been carried with them;
29 Dhibaayyuu dhiʼeessuufis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, okkoteewwan isaatii fi waciitiiwwan isaa warqee qulqulluu irraa tolchi.
and you have made its dishes, and its bowls, and its covers, and its cups, with which they pour out; you make them of pure gold;
30 Buddeena ilaalchaas yeroo hunda fuula koo dura minjaala kana irra kaaʼi.
and you have put Bread of the Presentation on the table before Me continually.
31 “Baattuu ibsaas warqee qulqulluu irraa tolchi; baattuun ibsaa kunis tumamee haa tolfamu; somaa isaa, damee isaa, waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa warqeedhuma sana irraa tolchi.
And you have made a lampstand of pure gold; the lampstand is made of beaten work; its base, and its branch, its calyxes, its knobs, and its flowers are of the same;
32 Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon, sadii immoo gama kaaniin haa baafaman.
and six branches are coming out of its sides, three branches of the lampstand out of the first side, and three branches of the lampstand out of the second side;
33 Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchi; dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchi.
three calyxes made like almonds in one branch, a knob and a flower, and three calyxes made like almonds in one branch, a knob and a flower—so for the six branches which are coming out from the lampstand.
34 Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin hojjetaman afur baattuu ibsaa sana irra haa jiraatan.
And in the lampstand [are] four calyxes made like almonds, its knobs and its flowers;
35 Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture. Walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture.
and a knob under two branches of the same, and a knob under two branches of the same, and a knob under two branches of the same, for the six branches which are coming out of the lampstand;
36 Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa haa tolfaman.
their knobs and their branches are of the same, all of it one beaten work of pure gold;
37 “Atis ibsaawwan torba tolchiif; akka lafa fuula isaanii dura jiru ibsaniifis baattuu ibsaa irra isaan dhadhaabi.
and you have made its seven lamps, and [one] has caused its lamps to go up, and it has given light over [and] beyond its front.
38 Wanni ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi caabiin daaraa sana baattu warqee qulqulluu irraa haa hojjetaman.
And its snuffers and its snuff dishes [are] of pure gold;
39 Baattuun ibsaatii fi miʼi isaa hundi warqee qulqulluu taalaantii tokkootiin haa hojjetamani.
he makes it of a talent of pure gold, with all these vessels.
40 Atis akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu.
Now see and make [them] by their pattern which you are shown on the mountain.”