< Baʼuu 24 >

1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Atii fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoota Israaʼel keessaas namoonni torbaatamni gara Waaqayyotti ol baʼaa; alaalatti sagadaa;
ואל משה אמר עלה אל יהוה אתה ואהרן נדב ואביהוא ושבעים מזקני ישראל והשתחויתם מרחק
2 garuu Museen qofti Waaqayyotti haa dhiʼaatu; warri kaan immoo hin dhiʼaatin. Sabni isa wajjin ol hin baʼin.”
ונגש משה לבדו אל יהוה והם לא יגשו והעם לא יעלו עמו
3 Museenis dhaqee dubbii fi seera Waaqayyoo hunda saba sanatti hime; sabni sunis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona” jedhee afaan tokkoon deebise.
ויבא משה ויספר לעם את כל דברי יהוה ואת כל המשפטים ויען כל העם קול אחד ויאמרו כל הדברים אשר דבר יהוה נעשה
4 Ergasii Museen waan Waaqayyo dubbatte hunda barreesse. Guyyaa itti aanu ganamaanis kaʼee miilla tulluu jalatti iddoo aarsaa ijaare; utubaa dhagaa kudha lama kanneen gosoota Israaʼel kudha lamaan iddoo buʼanis dhaabe.
ויכתב משה את כל דברי יהוה וישכם בבקר ויבן מזבח תחת ההר ושתים עשרה מצבה לשנים עשר שבטי ישראל
5 Innis dargaggoota Israaʼel erge; isaanis aarsaa gubamuu fi jiboota aarsaa nagaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan.
וישלח את נערי בני ישראל ויעלו עלת ויזבחו זבחים שלמים ליהוה--פרים
6 Museenis walakkaa dhiiga sanaa waciitiitti naqe; walakkaa hafe immoo iddoo aarsaa irratti faffacaase.
ויקח משה חצי הדם וישם באגנת וחצי הדם זרק על המזבח
7 Innis kitaaba kakuu fuudhee saba sanaaf dubbise. Isaanis, “Nu waan Waaqayyo jedhe hunda ni goona; ni ajajamnas” jedhanii deebisan.
ויקח ספר הברית ויקרא באזני העם ויאמרו כל אשר דבר יהוה נעשה ונשמע
8 Yommus Museen dhiiga sana fuudhee sabatti faffacaasee, “Kunoo kun dhiiga kakuu kan Waaqayyo akkuma dubbii kana hundaatti isinii dhaabee dha” jedhe.
ויקח משה את הדם ויזרק על העם ויאמר הנה דם הברית אשר כרת יהוה עמכם על כל הדברים האלה
9 Musee fi Aroon, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoonni Israaʼel torbaatamnis ol baʼanii
ויעל משה ואהרן--נדב ואביהוא ושבעים מזקני ישראל
10 Waaqa Israaʼel argan. Miilla isaa jalattis waan akka afaa dhagaa Sanpeer kan akkuma samiitti qulqullaaʼe tokkotu afamee ture.
ויראו את אלהי ישראל ותחת רגליו כמעשה לבנת הספיר וכעצם השמים לטהר
11 Waaqni garuu qondaaltota saba Israaʼel kanneenitti harka isaa ol itti hin kaafne; isaan Waaqa argan; ni nyaatan; ni dhuganis.
ואל אצילי בני ישראל לא שלח ידו ויחזו את האלהים ויאכלו וישתו
12 Waaqayyos Museedhaan, “Gara kootti tulluutti ol baʼi; asis turi; anis gabateewwan dhagaa kanneen ani akka qajeelfama isaanii taʼuuf seeraa fi ajajawwan itti barreesse siif nan kenna” jedhe.
ויאמר יהוה אל משה עלה אלי ההרה--והיה שם ואתנה לך את לחת האבן והתורה והמצוה אשר כתבתי להורתם
13 Ergasii Museen gargaaraa isaa Iyyaasuu wajjin kaʼee deeme; Museenis tulluu Waaqaatti ol baʼe.
ויקם משה ויהושע משרתו ויעל משה אל הר האלהים
14 Innis maanguddoota sanaan akkana jedhe; “Hamma nu gara keessanitti deebinutti asitti nu eegaa. Kunoo Aroonii fi Huuri isin bira jiran; namni falmii qabu isaan bira dhaquu dandaʼa.”
ואל הזקנים אמר שבו לנו בזה עד אשר נשוב אליכם והנה אהרן וחור עמכם מי בעל דברים יגש אלהם
15 Yeroo Museen tulluutti ol baʼetti duumessi tulluu sana haguuge;
ויעל משה אל ההר ויכס הענן את ההר
16 ulfinni Waaqayyoos Tulluu Siinaa irra buʼe. Duumessi sunis guyyaa jaʼa tulluu sana haguuge; guyyaa torbaffaatti immoo Waaqayyo duumessicha keessaa Musee waame.
וישכן כבוד יהוה על הר סיני ויכסהו הענן ששת ימים ויקרא אל משה ביום השביעי מתוך הענן
17 Ulfinni Waaqayyoos ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture.
ומראה כבוד יהוה כאש אכלת בראש ההר לעיני בני ישראל
18 Museen tulluutti ol baʼee duumessa keessa seene. Innis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture.
ויבא משה בתוך הענן ויעל אל ההר ויהי משה בהר ארבעים יום וארבעים לילה

< Baʼuu 24 >