18“Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin. “Coomni aarsaa ayyaana koos hamma bariitti hin turin.
19“Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.
20“Akka inni karaa irratti si eegee iddoo ani qopheessetti si galchuuf kunoo ani fuula kee dura ergamaa koo tokko nan erga.
21Xiyyeeffadhuutii waan inni jedhu dhaggeeffadhu. Isatti hin fincilin; inni waan Maqaa koo of irraa qabuuf fincila kee siif hin dhiisuutii.
22Yoo ati waan inni jedhu akka gaarii dhaggeeffatee waan ani dubbadhu hunda goote, ani diinota keetti diina nan taʼa; warra siin mormaniinis nan morma.
23Ergamaan koos fuula kee dura deemee biyya Amoorotaatti, Heetotaatti, Feerzotaatti, Kanaʼaanotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti si galcha; anis jara nan balleessa.
24Waaqota isaaniitiif hin sagadin; hin waaqeffatinis; hojii isaanii faanas hin buʼin. Ati isaan balleessitee soodduu waaqeffannaa isaanii illee caccabsuu qabda.
25Waaqayyo Waaqa kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;
26biyya kee keessatti dubartiin ulfi irraa baʼu yookaan dhabduun tokko iyyuu hin argamtu. Jireenya guutuus siif nan kenna.
27“Ani sodaachisuu koo si dura ergee saba ati itti dhuftu hunda nan burjaajessa. Akka diinonni kee hundinuu dugda sitti galanii baqatanis nan godha.
28Akka inni Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota karaa kee irraa ariʼuuf ani si duraan sonsa nan erga.
29Akka lafti onee bineensi wal horee sitti hin baayʼanneef ani waggaa tokko keessatti saba kana si duraa ariʼee hin baasu.
30Hamma ati baayʼattee biyyattii dhaaltutti ani xinnoo xinnoon fuula kee duraa isaan nan baasa.
31“Anis daarii kee Galaana Diimaadhaa jalqabee hamma Galaana Filisxeemiitti, lafa alootii jalqabee hamma Laga Efraaxiisiitti siifin dhaaba. Namoota biyya sana jiraatanis dabarsee harka keetti nan kenna; ati immoo of duraa ariitee isaan baafta.