< Baʼuu 23 >

1 “Oduu sobaa hin odeessin; dhuga baʼuu jalʼaa kennuudhaan nama balleessaa hojjete hin gargaarin.
Haupaswi kutoa taarifa ya uongo kuhusu yeyote. usijiunge na mwanaume muovu kuwa shahidi wa uongo.
2 “Waan hamaa hojjechuuf jettee nama baayʼee faana hin buʼin. Fuula seeraa duratti yommuu dhugaa baatu, gara nama baayʼee gortee murtii hin jalʼisin;
Haupaswi kufuata umati kufanya uovu, wala kutoa ushahidi ukiwa na umati ili kupotosha haki.
3 murtii irratti hiyyeessaaf hin loogin.
Haupaswi kumpendelea mwanaume maskini kwenye kesi yake.
4 “Yoo sangaa yookaan harree diina keetii kan baduutti jiru argite deebisii geessiif.
Ukikutana na ng'ombe wa adui wako au punda wake amepotea, lazima umrudishie.
5 Yoo harree nama si jibbu tokkoo utuu isheen baʼaa baattee kuftee jirtuu argite achitti hin dhiisin; isa gargaarii ol kaasi.
Ukiona punda wa yule anaye kuchukia ameanguka chini na mzigo wake, hauta muacha huyo mtu. Lazima umsaidie na punda wake
6 “Murtii irratti hiyyeessa saba keetii jalaa murtii hin dabsin.
Haupaswi kupotosha haki kama yapaswa kwenda kwa watu maskini katika kesi ya mwanaume maskini.
7 Himata sobaa keessatti hin hirmaatin; waan ani nama balleessaa hojjete hin qulqulleessineef nama yakka hin qabne yookaan nama qajeelaa hin ajjeesin.
Usijiunge na wengine kufanya shutuma za uongo, na usiue asiye na hatia wala mwenye haki, kwa kuwa sitamuacha muovu.
8 “Ati mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ogeeyyii ni jaamsaatii; dubbii qajeeltotaas jalʼisa.
Husiwai chukuwa rushwa, kwa kuwa rushwa inawapofusha wanaoona, na kupotosha maneno ya wakweli.
9 “Alagaa hin cunqursin; isin waan biyya Gibxiitti alagaa turtaniif alagaa taʼuun maal akka taʼe isin mataan keessan ni beektuutii.
Haupaswi kumnyanyasa mgeni, kwa kuwa wewe ulikuwa mgeni katika nchi ya Misri.
10 “Waggaa jaʼa lafa qotiisaa kee facaafadhu; midhaanis galfadhu;
Kwa miaka sita utapanda mbegu kwenye nchi yako na kukusanya mazao yake.
11 waggaa torbaffaatti garuu lafa sana boqochiisi malee hin qotin. Akkasiin hiyyeeyyiin saba keetii laficha irraa nyaata argatu; waan isaan irraa hafe immoo bineensi haa nyaatu. Muka wayinii keetiitii fi muka ejersa keetiis akkasuma godhi.
Lakini katika mwezi wa saba utaacha hakujalimwa, ili kwamba maskini miongoni mwenu wale. Wanacho acha, wanyama wa porini watakula. Utafanya hivyo na mashamba yenu ya mizabibu na ya mizaituni.
12 “Guyyaa jaʼa hojii kee hojjetadhu; akka sangaan keetii fi harreen kee boqotaniif, akka garbichi mana keetti dhalatee fi alagaan aara galfataniif guyyaa torbafaatti hin hojjetin.
Wakati wa siku sita utafanya kazi, lakini siku ta saba utapumzika. Fanya hivi ili ng'ombe na punda wako wapumzike, na ili wana wa watumwa wako wa kike na wageni wapumzike na kupata hauweni.
13 “Waan ani isinitti hime hunda eegaa; maqaa waaqota biraa hin waammatinaa; afaan keessanii iyyuu hin baʼin.
Kuwa makini kwa kila kitu nilicho kwambia. Husitaje majina ya miungu mingine, wala kuruhusu majina yao kusikika kutoka mdomoni mwako.
14 “Ati waggaatti yeroo sadii ayyaana naa ayyaaneffadhu.
Lazima usafiri kusherehekea mara tatu kwa ajili yangu kila mwaka.
15 “Ayyaana Maxinoo Ayyaaneffadhu; akkuma ani si ajaje sana bultii torba Maxinoo nyaadhu. Waan kanas jiʼa Abiibii keessa yeroo murtaaʼetti godhi; ati jiʼa sana keessa Gibxii baateetii. “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin.
Lazima uadhimishe sherehe ya Mkate usiotiwa Chachu. Kama nilivyo kuamuru, utakula mkate usiotiwa chachu kwa siku saba. Wakati huo, utajitokeza kwangu mwezi wa Abibu, uliowekwa kwa ajili ya kusudi hili. Ni kwa mwezi huu uliyo toka Misri. Lakini usijitokeze kwangu mikono mitupu.
16 “Mataa midhaan keetii kan lafa qotiisaa keetti facaafatteen Ayyaana Galchaa Midhaanii ayyaaneffadhu. “Dhuma waggaatti yeroo midhaan kee lafa qotiisaa irraa walitti qabattutti Ayyaana Galchaa Midhaanii ayyaaneffadhu.
Lazima uadhimishe Sherehe ya Mavuno, matunda ya kwanza ya kazi yako ulipo panda mbegu shambani. Pia lazima uadhimishe Sherehe ya Ukusanyaji wa mwisho wa mwaka, unapo kusanya mazao yako kutoka shambani.
17 “Dhiirri hundi waggaatti yeroo sadii fuula Waaqayyoo Gooftaa duratti haa dhiʼaatu.
Wanaume wote wako lazima wajitokeze kwa Bwana Yahweh mara tatu kila mwaka.
18 “Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin. “Coomni aarsaa ayyaana koos hamma bariitti hin turin.
Haupaswi kutoa damu iliyo tolewa dhabihu kwangu na mkate uliyotiwa hamira. Mafuta kutoka kwa dhabihu za sherehe zangu hayapaswi kubaki usiku wote mpaka asubui.
19 “Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.
Lazima ulete matunda ya kwanza bora kutoka shambani mwako ndani ya nyumba yangu, nyumba ya Yahweh Mungu wako. Haupaswi kumchemsha mbuzi mtoto akiwa bado ananyonya.
20 “Akka inni karaa irratti si eegee iddoo ani qopheessetti si galchuuf kunoo ani fuula kee dura ergamaa koo tokko nan erga.
Ninaenda kumleta malaika mbele yako kukuongoza njiani, na kukuleta sehemu niliyo iandaa.
21 Xiyyeeffadhuutii waan inni jedhu dhaggeeffadhu. Isatti hin fincilin; inni waan Maqaa koo of irraa qabuuf fincila kee siif hin dhiisuutii.
Kuwa makini naye na kumtii.
22 Yoo ati waan inni jedhu akka gaarii dhaggeeffatee waan ani dubbadhu hunda goote, ani diinota keetti diina nan taʼa; warra siin mormaniinis nan morma.
Husimkasirishe, kwa kuwa hatasamehe makosa yako. Jina langu liko kwake. Kama hakika ukimtii sauti yake na kufanya kila ninacho kwambia, kisha nitakuwa adui kwa adui zako na mpinzani kwa wapinzani wako.
23 Ergamaan koos fuula kee dura deemee biyya Amoorotaatti, Heetotaatti, Feerzotaatti, Kanaʼaanotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti si galcha; anis jara nan balleessa.
Malaika mwangu ataenda mbele zako na kukuleta kwa Waamori, Wahiti, Waperizi, Wakanani, Wahivi, na Wayebusi. Nitawaharibu.
24 Waaqota isaaniitiif hin sagadin; hin waaqeffatinis; hojii isaanii faanas hin buʼin. Ati isaan balleessitee soodduu waaqeffannaa isaanii illee caccabsuu qabda.
Haupaswi kuinamia miungu yao, kuabudu, au kufanya wanavyo fanya. Badala yake, lazima uwapindue kabisa na kuvunja nguzo zao za mawe vipande vipande.
25 Waaqayyo Waaqa kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;
Lazima umuabudu Yahweh Mungu wako, na atabariki mkate wako na maji. Nitaondoa magonjwa miongoni mwenu.
26 biyya kee keessatti dubartiin ulfi irraa baʼu yookaan dhabduun tokko iyyuu hin argamtu. Jireenya guutuus siif nan kenna.
Hakuna mwanamke atakaye kuwa tasa au mimba kuharibika katika nchi yako. Nitawapa maisha marefu.
27 “Ani sodaachisuu koo si dura ergee saba ati itti dhuftu hunda nan burjaajessa. Akka diinonni kee hundinuu dugda sitti galanii baqatanis nan godha.
Nitatuma hofu yangu kwao ambao mnaenda. Nitaua wote mnao kutana nao. Nitafanya maadui zenu wawaogope kwa kugeuza migongo yao kwenu.
28 Akka inni Hiiwota, Kanaʼaanotaa fi Heetota karaa kee irraa ariʼuuf ani si duraan sonsa nan erga.
Nitatuma mavu kwenu watakao fukuza Wahivi, Wakanani, na Wahiti mbele zenu.
29 Akka lafti onee bineensi wal horee sitti hin baayʼanneef ani waggaa tokko keessatti saba kana si duraa ariʼee hin baasu.
Sitawaondoa kwenu kwa mwaka mmoja, au nchi itakuwa imetelekezwa, na wanyama wa porini watakuwa wengi kwenu.
30 Hamma ati baayʼattee biyyattii dhaaltutti ani xinnoo xinnoon fuula kee duraa isaan nan baasa.
Badala yake, nitawafukuza kidogo kidogo kutoka kwenu mpaka utakapo kuwa umestawi na kurithi nchi.
31 “Anis daarii kee Galaana Diimaadhaa jalqabee hamma Galaana Filisxeemiitti, lafa alootii jalqabee hamma Laga Efraaxiisiitti siifin dhaaba. Namoota biyya sana jiraatanis dabarsee harka keetti nan kenna; ati immoo of duraa ariitee isaan baafta.
Nitatengeneza mipaka yako kutoka Bahari ya Shamu hadi Bahari ya Wafilisti, na kutoka nyikani hadi Mto Frati. Nitakupa ushindi juu ya wakazi wote wa nchi. Utawaondoa kutoka kwako mwenyewe.
32 Ati isaan wajjin yookaan waaqota isaanii wajjin kakuu tokko illee hin galin.
Haupaswi kufanya agano na wao au na miungu yao.
33 Akka isaan biyya kee keessa jiraatan hin eeyyamaniif; yoo akkas taʼe isaan akka ati cubbuu natti hojjettu si godhu; ati waaqota isaanii waaqeffannaan kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼaatii.”
Hawapaswi kuishi nchini mwako, au watakufanya ufanya dhambi dhidi yangu. Ukiabudu miungu yao, hakika watakuwa mtego kwako.'”

< Baʼuu 23 >