< Baʼuu 22 >

1 “Namni tokko yoo sangaa yookaan hoolaa hatee qalate yookaan gurgurate, qooda qotiyyoo tokkoo sangaa shan, qooda hoolaa tokkoo immoo hoolaa afur haa baasu.
«اگر کسی گاوی یا گوسفندی بدزدد، و آن را بکشد یا بفروشد، به عوض گاوپنج گاو، و به عوض گوسفند چهار گوسفند بدهد.۱
2 “Hattuun tokko utuu cabsee seenuu yoo qabamee tumamee kanumaan duʼe, namichi isa ajjeese sun dhiiga isaatti yakkaan hin gaafatamu;
اگر دزدی در رخنه کردن گرفته شود، و او رابزنند بطوری که بمیرد، بازخواست خون برای اونباشد.۲
3 garuu yoo wanni kun erga aduun baatee taʼe, namichi dhiiga sanatti yakkaan ni gaafatama. “Hattuun waan hate haa deebisu; homaa hin qabu yoo taʼe garuu hanna isaatiif gatii baasuudhaaf haa gurguramu.
اما اگر آفتاب بر او طلوع کرد، بازخواست خون برای او هست. البته مکافات باید داد، و اگر چیزی ندارد، به عوض دزدی که کرد، فروخته شود.۳
4 Horiin hatame sun sangaa yookaan harree yookaan hoolaa taanaan yoo utuu lubbuun jiruu harka isaatti argame hattuun sun dachaa baasuu qaba.
اگر چیزی دزدیده شده، ازگاو یا الاغ یا گوسفند زنده در دست او یافت شود، دو مقابل آن را رد کند.۴
5 “Namni tokko yoo utuu lafa qotiisaa yookaan dhaabaa wayinii keessa horii tikfatuu horii isaa gad lakkisee horiin sun dhaqee kaloo nama biraa dheede, inni lafa qotiisaa ofii isaa irraa yookaan dhaabaa wayinii ofii isaa irraa kan waan hunda caalu iddoo haa buusuuf.
اگر کسی مرتعی یاتاکستانی را بچراند، یعنی مواشی خود را براند تامرتع دیگری را بچراند، از نیکوترین مرتع و ازبهترین تاکستان خود عوض بدهد.۵
6 “Yoo ibiddi kaʼee daggala seenee akkasiin midhaan tuulame yookaan midhaan dhaabatu yookaan lafa qotiisaa gube, namichi ibidda qabsiise sun gatii baasuu qaba.
اگر آتشی بیرون رود، و خارها را فراگیرد و بافه های غله یاخوشه های نادرویده یا مزرعه‌ای سوخته گردد، هر‌که آتش را افروخته است، البته عوض بدهد.۶
7 “Namni tokko yoo maallaqa yookaan miʼa imaanaa namatti kennatee, wanni sun mana namichaatii hatamee hattuun sun qabame, hattichi dachaa kaffaluu qaba.
اگر کسی پول یا اسباب نزد همسایه خود امانت گذارد، و از خانه آن شخص دزدیده شود، هر گاه دزد پیدا شود، دو چندان رد نماید.۷
8 Yoo hattuun sun hin argamin garuu abbaan mana sanaa akka miʼa nama kaanii tuqee fi akka hin tuqin mirkaneessuuf fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu.
و اگر دزدگرفته نشود، آنگاه صاحب‌خانه را به حضورحکام بیاورند، تا حکم شود که آیا دست خود رابر اموال همسایه خویش دراز کرده است یا نه.۸
9 Namni tokko yoo qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookaan miʼa bade tokko miliqsee namni tokko dhufee, ‘Kun kan koo ti’ jedhe, falmiin isaanii fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. Namichi abbootiin murtii itti muran sunis ollaa isaatiif harka lama haa baasu.
در هر خیانتی از گاو و الاغ و گوسفند و رخت وهر چیز گم شده، که کسی بر آن ادعا کند، امر هردو به حضور خدا برده شود، و بر گناه هر کدام که خدا حکم کند، دو چندان به همسایه خود ردنماید.۹
10 “Yoo namni tokko ollaa isaatiif harree, qotiyyoo, hoolaa yookaan horii biraa imaanaa kennatee horiin suni utuu namni hin argin duʼe yookaan miidhame yookaan hatame,
اگر کسی الاغی یا گاوی یا گوسفندی یاجانوری دیگر به همسایه خود امانت دهد، و آن بمیرد یا پایش شکسته شود یا دزدیده شود، وشاهدی نباشد،۱۰
11 namichi sun akka qabeenya ollaa isaa hin tuqin mirkaneessuuf fuula Waaqayyoo duratti haa kakatu; abbaan qabeenyaa sunis kakuu kana fudhachuu qaba; gatiis hin gaafatu.
قسم خداوند در میان هر دونهاده شود، که دست خود را به مال همسایه خویش دراز نکرده است. پس مالکش قبول بکندو او عوض ندهد.۱۱
12 Yoo horiin sun isa jalaa hatamee jiraate garuu namichi abbaa horii sanaatiif baasuu qaba.
لیکن اگر از او دزدیده شد، به صاحبش عوض باید داد.۱۲
13 Yoo horii sana bineensatu nyaate taʼe immoo akka ragaa taʼuuf waan bineensa irraa hafe haa dhiʼeessu malee horii nyaatame sanaaf gatii hin baasin.
و اگر دریده شد، آن را برای شهادت بیاورد، و برای دریده شده، عوض ندهد.۱۳
14 “Namni tokko yoo ollaa isaa irraa horii ergifatee horiin sun iddoo abbaan horii hin jirretti miidhame yookaan duʼe, namichi ergifate sun gatii haa baasu.
و اگر کسی حیوانی از همسایه خود عاریت گرفت، و پای آن شکست یا مرد، وصاحبش همراهش نبود، البته عوض باید داد.۱۴
15 Yoo abbaan horii sanaa achi jiraate garuu namichi ergifate sun gatii baasuu hin qabu. Yoo horiin sun kireeffamee jiraate immoo maallaqni baafame sun kiraa horii duʼe sanaa haa taʼu.
اما اگر صاحبش همراهش بود، عوض نباید داد، و اگر کرایه شد، برای کرایه آمده بود.۱۵
16 “Namni tokko yoo durba hin kaadhimatamin gowwoomsee ishee wajjin ciise, inni gabbara misirrittiif malu baaseefii ishee haa fuudhu.
«اگر کسی دختری را که نامزد نبود فریب داده، با او هم بستر شد، البته می‌باید او را زن منکوحه خویش سازد.۱۶
17 Yoo abbaan ishee intalattii namichaaf kennuu dide immoo namichi sun gabbara durbaaf malu baasuu qaba.
و هرگاه پدرش راضی نباشد که او را بدو دهد، موافق مهر دوشیزگان نقدی بدو باید داد.۱۷
18 “Ati akka dubartiin falfaltuun lubbuun jiraattu hin eeyyamin.
زن جادوگر را زنده مگذار.۱۸
19 “Namni horii wajjin ciisu kam iyyuu ajjeefamuu qaba.
هر‌که با حیوانی مقاربت کند، هرآینه کشته شود.۱۹
20 “Namni Waaqayyo tokkichaaf malee Waaqa biraatiif aarsaa dhiʼeessu galaafatamuu qaba.
هر‌که برای خدای غیر از یهوه و بس قربانی گذراند، البته هلاک گردد.۲۰
21 “Isinis waan biyya Gibxii keessatti alagoota turtaniif alagaatti daba hin hojjetinaa; hin cunqursinaas.
غریبی رااذیت مرسانید. و بر او ظلم مکنید، زیرا که درزمین مصر غریب بودید.۲۱
22 “Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa.
بر بیوه‌زنی یا یتیمی ظلم مکنید.۲۲
23 Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa.
و هر گاه بر او ظلم کردی، و او نزدمن فریاد برآورد، البته فریاد او را مستجاب خواهم فرمود.۲۳
24 Aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaanan isin fixa; niitonni keessan haadhota hiyyeessaa taʼu; ijoolleen keessanis kanneen abbaa hin qabne taʼu.
و خشم من مشتعل شود، و شمارا به شمشیر خواهم کشت، و زنان شما بیوه شوندو پسران شما یتیم.۲۴
25 “Ati yoo saba koo keessaa hiyyeessa si bira jiraatu tokkoof maallaqa liqeessite, akka nama hiiqii argachuuf kennuu hin taʼin; dhalas hin gaafatin.
اگر نقدی به فقیری ازقوم من که همسایه تو باشد قرض دادی، مثل رباخوار با او رفتار مکن و هیچ سود بر اومگذار.۲۵
26 Ati yoo wayyaa nama biraa qabdii qabatte, utuu aduun hin dhiʼin deebisiif;
اگر رخت همسایه خود را به گروگرفتی، آن را قبل از غروب آفتاب بدو رد کن.۲۶
27 wanni inni dhagna isaatti uffatu wayuma sanaatii. Wanni inni uffatee rafu biraa maali? Ani waanan gara laafessa taʼeef, yoo inni natti ol iyyate nan dhagaʼa.
زیرا که آن فقط پوشش او و لباس برای بدن اوست، پس در چه چیز بخوابد، و اگر نزد من فریاد برآورد، هرآینه اجابت خواهم فرمود، زیرا که من کریم هستم.۲۷
28 “Waaqa hin arrabsin; bulchaa saba keetiis hin abaarin.
به خدا ناسزا مگو ورئیس قوم خود را لعنت مکن.۲۸
29 “Mataa midhaan keetiitii fi dhangalaʼaa wayinii keetii irraa aarsaa dhiʼeessuu hin tursin. “Ilmaan kee keessaas hangafa naa kennuu qabda.
درآوردن نوبرغله و عصیر رز خود تاخیر منما. و نخست زاده پسران خود را به من بده.۲۹
30 Loon keetii fi hoolota kee akkanuma godhi. Isaanis bultii torba haadha isaanii bira haa turan; guyyaa saddeettaffaatti garuu naa kenni.
با گاوان وگوسفندان خود چنین بکن. هفت روز نزد مادرخود بماند و در روز هشتمین آن را به من بده.۳۰
31 “Isin saba koo qulqulluu ni taatu. Kanaafuu foon horii bineensi alatti cabsee kam iyyuu hin nyaatinaa; foon akkanaa saree dura buusaa.
وبرای من مردان مقدس باشید، و گوشتی را که در صحرا دریده شود مخورید؛ آن را نزد سگان بیندازید.۳۱

< Baʼuu 22 >