4Yoo gooftaan isaa niitii isa fuusisee isheenis ilmaan yookaan intallan deesseefii jiraatte, ishee fi ijoolleen ishee kan gooftaa ishee taʼu; namichi qofti bilisa taʼee haa deemu.
5“Garuu garbichi sun, ‘Ani gooftaa koo fi niitii koo, ijoollee koos nan jaalladha; ani bilisa baʼee deemuu hin barbaadu’ yoo jedhe,
6gooftaan isaa fuula abbootii murtii duratti isa haa dhiʼeessu; gara balbalaatti yookaan gara michichila balbalaatti geessees mutaadhaan gurra isaa haa uru. Ergasii inni bara jireenya isaa guutuu isa tajaajila.
18“Yoo namoonni wal lolanii inni tokko isa kaan dhagaadhaan yookaan abootteedhaan rukutee namichi rukutame sun duʼuu baatee garuu siree irratti hafe,
19ergasii immoo yoo inni kaʼee ulee isaa dhadhaabachaa asii fi achi ala keessa deddeeme namichi isa dhaʼe sun itti hin gaafatamu; sababii yeroo namicha miidhame sanaa jalaa balleesseef garuu gatii haa baasu; hamma inni guutumaan guutuutti fayyuttis isa haa walʼaanu.
26“Namni tokko yoo ija garbicha isaa yookaan ija garbittii isaa rukutee jaamse, inni qooda ija sanaa garba sana bilisa haa baasu.
27Inni yoo ilkaan garbicha isaa yookaan ilkaan garbittii isaa rukutee cabse, qooda ilkaan sanaa garba sana bilisa haa baasu.
28“Qotiyyoon tokko yoo dhiira yookaan dubartii waraanee ajjeese qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu; foon isaas hin nyaatamin. Garuu abbaan qotiyyoo sanaa itti hin gaafatamu.
29Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee garuu waan inni isa eeggachuu dideef qotiyyoon sun dhiira yookaan dubartii ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu; abbaan qotiyyoo sanaas haa ajjeefamu.
34abbaan boolla sanaa abbaa horii sanaatiif maallaqa haa baasu; horiin duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
35“Yoo qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama biraa miidhee duʼaan gaʼe jarri qotiyyoo fayyaa sana haa gurgurani; gatii qotiyyoo sanaatii fi qotiyyoo duʼe sana qixxeetti haa qooddatani.
36Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala horii waraanuu qabaachuun isaa beekamee garuu waan abbaan isaa isa eeggachuu dideef abbaan qotiyyoo sanaa qooda qotiyyoo, qotiyyoo haa baasu; qotiyyoon duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.