< Baʼuu 21 >

1 “Seerawwan ati isaan dura keessu kanneenii dha:
“Waɗannan su ne dokokin da za ka sa a gabansu.
2 “Ati yoo Ibroota keessaa garbicha bitatte inni waggaa jaʼa siif haa hojjetu. Waggaa torbaffaatti garuu inni kaffaltii malee bilisa haa baʼu.
“In ka sayi mutumin Ibraniyawa a matsayin bawa, zai bauta maka shekara shida. Amma a shekara ta bakwai, za ka’yantar da shi, yă tafi’yantacce, ba tare da ya biya kome ba.
3 Inni yoo kophaa isaa dhufee jiraate kophaa isaa bilisoomee haa deemu; yeroo dhufutti inni yoo niitii qabaate isheenis isa wajjin haa deemtu.
In ya zo shi kaɗai, zai tafi’yantacce shi kaɗai; amma in yana da mata a lokacin da ya zo, za tă tafi tare da shi.
4 Yoo gooftaan isaa niitii isa fuusisee isheenis ilmaan yookaan intallan deesseefii jiraatte, ishee fi ijoolleen ishee kan gooftaa ishee taʼu; namichi qofti bilisa taʼee haa deemu.
In maigidansa ya yi masa aure, ta kuwa haifa masa’ya’ya maza ko mata, matan da’ya’yan, za su zama na maigidan, sai mutumin kaɗai zai tafi’yantacce.
5 “Garuu garbichi sun, ‘Ani gooftaa koo fi niitii koo, ijoollee koos nan jaalladha; ani bilisa baʼee deemuu hin barbaadu’ yoo jedhe,
“Amma in bawan ya furta ya ce, ‘Ina ƙaunar maigidana, da matata, da’ya’yana, ba na so kuma in’yantu,’
6 gooftaan isaa fuula abbootii murtii duratti isa haa dhiʼeessu; gara balbalaatti yookaan gara michichila balbalaatti geessees mutaadhaan gurra isaa haa uru. Ergasii inni bara jireenya isaa guutuu isa tajaajila.
dole maigidansa yă kai shi gaban alƙalai. Zai kai shi ƙofa ko madogarar ƙofa, yă huda kunnensa da basilla, sa’an nan zai zama bawansa duk tsawon kwanakinsa a duniya.
7 “Namni yoo intala isaa akka garbittiitti gurgurate, isheen akka garbichi tokko itti bilisa baʼutti bilisa hin baʼin.
“In mutum ya sayar da’yarsa a matsayin baiwa, ba za a’yantar da ita kamar bawa ba.
8 Yoo isheen goofticha ofii isaatiif ishee filate sanatti toluu baatte inni akka isheen furamtuu haa godhu. Inni waan isheef amanamuu dhabeef dabarsee ormatti ishee gurguruuf mirga hin qabu.
In ba tă gamshi maigida wanda ya zaɓe ta domin kansa ba, dole yă bari a fanshe ta. Ba shi da dama yă sayar da ita ga baƙi, tun da yake bai kyauta mata ba.
9 Yoo ilma isaatiif ishee filate immoo mirga intala ofii isaatiif kennu isheefis haa kennu.
In ya zaɓe ta domin ɗansa, dole yă ba ta duk damar da’ya ta mace take da shi.
10 Yoo niitii biraa fuudhe immoo niitii isaa kan jalqabaa sana nyaata, uffataa fi mirga niitiif malu itti hin hirʼisin.
In ya auri wata mace, ba zai hana wa baiwar abinci da sutura ba, ba kuma zai ƙi kwana da ita ba.
11 Yoo inni wantoota sadan kanneen isheef gochuu dide garuu isheen kaffaltii maallaqaa tokko malee bilisa baʼuu qabdi.
In bai tanada mata waɗannan abubuwa uku ba, sai tă tafi’yantacciya, babu biyan kome.
12 “Namni nama rukutee ajjeesu innis haa ajjeefamu.
“Duk wanda ya bugi mutum har ya kashe shi, lalle a kashe shi.
13 Inni riphee utuu hin eeggatin Waaqatu harka isaa buuse yoo taʼe garuu iddoo ani ramadutti haa baqatu.
Amma in ba da nufin yă kashe shi ba, sai dai in Allah ne ya nufa haka, to, sai mutumin yă tsere zuwa inda zan nuna muku.
14 Garuu yoo namni tokko ittuma yaadee dabaan nama ajjeese iddoo aarsaa koo biraa fuudhaatii ajjeesaa.
Amma in mutumin ya yi dabara har ya kashe wani mutum da gangan, sai a ɗauke shi daga bagadena a kashe shi.
15 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa rukutu haa ajjeefamu.
“Duk wanda ya bugi mahaifinsa ko mahaifiyarsa, dole a kashe shi.
16 “Namni nama hatee yoo gurgurate yookaan namichi hatame sun harka isaatti yoo argame hattichi haa ajjeefamu.
“Duk wanda ya saci mutum ya sayar da shi, ko kuwa aka iske shi a hannunsa, lalle kashe shi za a yi.
17 “Namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu haa ajjeefamu.
“Duk wanda ya la’anta mahaifinsa ko mahaifiyarsa, dole a kashe shi.
18 “Yoo namoonni wal lolanii inni tokko isa kaan dhagaadhaan yookaan abootteedhaan rukutee namichi rukutame sun duʼuu baatee garuu siree irratti hafe,
“Idan mutane suka yi faɗa, ɗayan ya jefa ɗayan da dutse, ko ya naushe shi amma bai mutu ba, sai dai ya yi ta jiyya,
19 ergasii immoo yoo inni kaʼee ulee isaa dhadhaabachaa asii fi achi ala keessa deddeeme namichi isa dhaʼe sun itti hin gaafatamu; sababii yeroo namicha miidhame sanaa jalaa balleesseef garuu gatii haa baasu; hamma inni guutumaan guutuutti fayyuttis isa haa walʼaanu.
idan mutumin ya sāke tashi ya yi tafiya ko da yana dogarawa da sanda ne, wanda ya buge shi zai kuɓuta, sai dai zai biya diyyar lokacin da ya ɓata masa, yă kuma lura da shi, har yă warke sarai.
20 “Yoo namni tokko uleedhaan garbicha isaa yookaan garbittii isaa dhaʼee garbichi sunis harka isaatti duʼe namichi haa adabamu;
“In mutum ya dūke bawansa ko baiwarsa da sanda, sai bawan ko baiwar ta mutu saboda dūkan, dole a hukunta shi,
21 garuu sababii garbichi sun qabeenya isaa taʼeef yoo garbichi sun bultii tokko yookaan bultii lama booddee kaʼe, namichi hin adabamu.
amma ba za a hukunta shi ba, in bawan ko baiwar ta tashi, bayan kwana ɗaya ko biyu, tun da bawan ko baiwar mallakarsa ne.
22 “Yoo namoonni wal lolaa jiran dubartii ulfoofte tokkotti buʼanii ulfii garaadhaa baʼee garuu miidhamni hamaan ishee hin qaqqabin, namichi ishee miidhe sun waan dhirsi dubartittii isa gaafatee fi waan abbootiin murtii murteessan baasuu qaba.
“Idan mutum biyu suna faɗa, har suka yi wa mace mai ciki rauni, har ya sa ta yi ɓari, amma wani lahani bai same ta ba, za a ci wa wanda ya yi mata raunin tara bisa ga yadda mijinta ya yanka za a biya, in dai abin da ya yanka ya yi daidai da abin da alƙalai suka tsara.
23 Yoo miidhamni hamaan jiraate garuu, qooda lubbuu, lubbuu;
Amma in akwai rauni mai tsanani, sai a ɗauki rai a maimakon rai,
24 qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii, ilkaan; qooda harkaa, harka; qooda miillaa, miilla;
ido don ido, haƙori don haƙori, hannu don hannu, ƙafa don ƙafa,
25 qooda gubuu, gubuu; qooda madaa, madaa; qooda buruqsuu, buruqsuu baafta.
ƙuna don ƙuna, rauni don rauni, ƙujewa don ƙujewa.
26 “Namni tokko yoo ija garbicha isaa yookaan ija garbittii isaa rukutee jaamse, inni qooda ija sanaa garba sana bilisa haa baasu.
“In mutum ya bugi bawa ko baiwa a ido, har idon ya lalace, dole yă’yantar da shi ko ita, maimakon ido.
27 Inni yoo ilkaan garbicha isaa yookaan ilkaan garbittii isaa rukutee cabse, qooda ilkaan sanaa garba sana bilisa haa baasu.
In kuma ya fangare haƙorin bawa ko baiwa, dole yă’yantar da bawan ko baiwar, a maimakon haƙorin.
28 “Qotiyyoon tokko yoo dhiira yookaan dubartii waraanee ajjeese qotiyyoon sun dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu; foon isaas hin nyaatamin. Garuu abbaan qotiyyoo sanaa itti hin gaafatamu.
“In bijimi ya kashe namiji ko ta mace, dole a jajjefe bijimin har yă mutu, ba za a kuma ci namansa ba. Amma mai bijimin ba shi da laifi.
29 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala nama waraanuu qabaachuun isaa beekamee abbaan isaas akka isa eeggatu gorfamee garuu waan inni isa eeggachuu dideef qotiyyoon sun dhiira yookaan dubartii ajjeese, qotiyyoon sun dhagaadhaan rukutamee haa ajjeefamu; abbaan qotiyyoo sanaas haa ajjeefamu.
In, har an san bijimin da wannan hali, an kuma yi wa mai shi gargaɗi, amma bai ɗaura shi ba, har ya kashe namiji ko ta mace, za a jajjefe bijimin tare da mai shi, har su mutu.
30 Taʼus inni yoo gumaa gaafatame waan gaafatame hunda kaffalee lubbuu isaa haa oolfatu.
Amma fa, in an bukace shi yă biya, zai biya don yă fanshi ransa ta wurin biyan abin da aka aza masa.
31 Yoo qotiyyoon sun ilma yookaan intala tokko waraane illee seeruma kanatu hojjeta.
Wannan doka ta shafi batun bijimin da ya kashe ɗa ko’ya.
32 Yoo qotiyyoon sun garbicha yookaan garbittii waraane abbaan qotiyyoo sanaa gooftaa garba sanaatiif meetii saqilii soddoma haa kaffalu; qotiyyoon sunis dhagaan rukutamee haa ajjeefamu.
In bijimin ya kashe bawa ko baiwa, mai shi zai biya shekel talatin na azurfa wa maigidan bawan, a kuma a jajjefe bijimin.
33 “Namni tokko yoo boolla afaan banaa dhiise yookaan yoo boolla qotee utuu hin duuchin dhiisee sangaan yookaan harreen boolla sana keessa buʼe,
“In mutum ya bar rami a buɗe, ko ya haƙa rami bai kuma rufe ba, sai saniya ko jaki ya fāɗi a ciki,
34 abbaan boolla sanaa abbaa horii sanaatiif maallaqa haa baasu; horiin duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
Mai ramin zai biya rashin da aka yi wa mai shi, matacciyar saniyan ko jakin, zai zama na mai ramin.
35 “Yoo qotiyyoon nama tokkoo qotiyyoo nama biraa miidhee duʼaan gaʼe jarri qotiyyoo fayyaa sana haa gurgurani; gatii qotiyyoo sanaatii fi qotiyyoo duʼe sana qixxeetti haa qooddatani.
“In bijimin mutum ya raunana bijimin wani, har ya mutu, sai mutanen biyu su sayar da mai ran, su raba kuɗin daidai, haka ma su yi da mai ran.
36 Yoo qotiyyoon sun durumaanuu amala horii waraanuu qabaachuun isaa beekamee garuu waan abbaan isaa isa eeggachuu dideef abbaan qotiyyoo sanaa qooda qotiyyoo, qotiyyoo haa baasu; qotiyyoon duʼe sun immoo kan isaa haa taʼu.
Amma fa, in tun can, an san bijimin yana da wannan halin faɗa, duk da haka mai shi bai ɗaura shi ba, dole mai shi yă biya, dabba domin dabba, matacciyar dabbar kuwa tă zama nasa.

< Baʼuu 21 >