< Baʼuu 20 >

1 Waaqni akkana jedhee dubbii kana hunda dubbate:
Ndipo Mungu akasema maneno haya yote:
2 “Ani Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxii, biyya garbummaatii si baasee dha.
“Mimi ndimi Bwana Mungu wako, niliyekutoa Misri, kutoka nchi ya utumwa.
3 “Ati ana malee waaqota biraa tokko illee hin qabaatin.
Usiwe na miungu mingine ila mimi.
4 Ati bifa waan ol samii gubbaa yookaan gad lafa irra yookaan bishaan lafa jalaa keessa jiru kamiitiin iyyuu Waaqa tolfamaa ofii keetiif hin tolfatin.
Usijitengenezee sanamu katika umbo la kitu chochote kilicho juu mbinguni, au duniani chini, au ndani ya maji.
5 Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee
Usivisujudie wala kuviabudu; kwa kuwa Mimi, Bwana Mungu wako, ni Mungu mwenye wivu, ninayewaadhibu watoto kwa ajili ya dhambi za baba zao hadi kizazi cha tatu na cha nne cha wanichukiao,
6 warra na jaallatanii ajajawwan koo eegan immoo hamma dhaloota kumaatti jaallatuu dha.
lakini ninaonyesha upendo kwa maelfu ya vizazi vya wale wanipendao na kuzishika amri zangu.
7 Maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dhaʼin; Waaqayyo warra akkuma argan maqaa isaa dhaʼan utuu hin adabin hin dhiisuutii.
Usilitaje bure jina la Bwana Mungu wako, kwa kuwa Bwana hataacha kumhesabia hatia yeye alitajaye jina lake bure.
8 Guyyaa Sanbataa qulqulleessuudhaan yaadadhu.
Ikumbuke siku ya Sabato, uitakase.
9 Guyyoota jaʼa hojjedhu; hojii kee hundas hojjetadhu;
Kwa siku sita utafanya kazi na kutenda shughuli zako zote,
10 guyyaan torbaffaan garuu sanbata Waaqayyo Waaqa keetii ti. Gaafas hojii tokko illee hin hojjetin; ati yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan hojjetaan kee yookaan xomboreen kee yookaan horiin kee yookaan alagaan magaalaa kee keessa jiraatu tokko iyyuu homaa hin hojjetin.
lakini siku ya saba ni Sabato kwa Bwana Mungu wako. Siku hiyo hutafanya kazi yoyote, wewe, wala mwanao au binti yako, wala mtumishi wako wa kiume au wa kike, wala wanyama wako, wala mgeni aliye ndani ya malango yako.
11 Waaqayyo guyyaa jaʼa keessatti samii fi lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumee guyyaa torbaffaatti boqoteetii. Kanaafuu Waaqayyo Sanbata eebbisee qulqulleesse.
Kwa kuwa kwa siku sita, Bwana aliumba mbingu na nchi, bahari na vyote vilivyomo, lakini akapumzika siku ya saba. Kwa hiyo Bwana akaibariki siku ya Sabato na kuifanya takatifu.
12 Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Waheshimu baba yako na mama yako, ili upate kuishi siku nyingi katika nchi anayokupa Bwana Mungu wako.
13 Hin ajjeesin.
Usiue.
14 Hin ejjin.
Usizini.
15 Hin hatin.
Usiibe.
16 Ollaa keetti sobaan dhugaa hin baʼin.
Usimshuhudie jirani yako uongo.
17 Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin.”
Usiitamani nyumba ya jirani yako. Usimtamani mke wa jirani yako, wala mtumishi wake wa kiume au wa kike, wala ngʼombe wake au punda wake, wala chochote kile alicho nacho jirani yako.”
18 Jarri hundinuus yommuu bakakkaa fi balaqqeessa, sagalee malakataatii fi tulluu aaru hubatanitti sodaadhaan hollatan. Isaan fagoo dhaabatanii
Watu walipoona ngurumo na radi, na kusikia mlio wa tarumbeta, na kuuona mlima katika moshi, walitetemeka kwa woga. Wakasimama mbali
19 Museedhaan, “Ati mataan kee nutti dubbadhu; nu ni dhaggeeffannaa. Garuu Waaqni nutti hin dubbatin. Yoo kanaa achii nu ni dhumnaa” jedhan.
na wakamwambia Mose, “Sema nasi wewe mwenyewe, nasi tutakusikiliza. Lakini usimwache Mungu aseme nasi, la sivyo tutakufa.”
20 Museen immoo saba sanaan, “Hin sodaatinaa. Akka Waaqa sodaachuun isin wajjin jiraatee cubbuu hojjechuu irraa isin eeguuf jedhee Waaqni isin qoruuf dhufeera” jedhe.
Mose akawaambia watu, “Msiogope! Mungu amekuja kuwajaribu, ili kwamba hofu ya Mungu iwakalie, msitende dhambi.”
21 Yeroo Museen dukkana limixii iddoo Waaqni turetti dhiʼaatetti, namoonni fagoo dhaabatan.
Watu wakabaki mbali, wakati Mose alipolisogelea lile giza nene mahali pale Mungu alipokuwa.
22 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Saba Israaʼelitti waan kana himi: ‘Akka ani samii irraa isinitti dubbadhe isin mataan keessan argitaniirtu;
Kisha Bwana akamwambia Mose, “Waambie Waisraeli hivi: ‘Mmejionea wenyewe kwamba nimesema nanyi kutoka mbinguni:
23 ana biratti waaqota kam iyyuu hin tolfatinaa. Waaqota meetii yookaan waaqota warqee hin tolfatinaa.
Msijifanyizie miungu yoyote na kuilinganisha nami, msijitengenezee miungu ya fedha wala miungu ya dhahabu.
24 “‘Biyyoo lafaa irraa iddoo aarsaa naa tolchiitii isa irratti qalma gubamu, aarsaa nagaa, hoolota kee, reʼoota keetii fi loon kee aarsaa dhiʼeessi. Ani iddoo akka maqaan koo itti yaadatamu godhu hundatti gara kee dhufee sin eebbisa.
“‘Utanitengenezea madhabahu ya udongo, na juu yake utoe sadaka za kuteketezwa kwa moto na sadaka za amani, kondoo zako, mbuzi na ngʼombe zako. Popote nitakapofanya Jina langu liheshimiwe, nitakuja kwenu na kuwabariki.
25 Yoo dhagaa irraa iddoo aarsaa naa ijaarte immoo dhagaa soofame irraa hin ijaarin; yoo meeshaadhaan isa tuqxe ni xureessitaatii.
Ikiwa unanitengenezea madhabahu ya mawe, usiijenge kwa mawe ya kuchonga, maana mkitumia chombo cha kuchongea mtaitia unajisi.
26 Akka qullaan kee isa irratti hin mulʼanneef gulantaadhaan iddoo aarsaa kootti ol hin baʼin.’
Msitumie ngazi kupandia kwenye madhabahu yangu, uchi wako usije ukadhihirika kwa chini.’

< Baʼuu 20 >