< Baʼuu 19 >

1 Israaʼeloonni erga Gibxii baʼanii as jiʼa sadaffaa keessa guyyuma itti Gibxii baʼan sana Gammoojjii Siinaa gaʼan.
Katika mwezi wa tatu baada ya watu wa Israeli kutoka Misri, siku hiyo, walikwenda nyikani ya Sinai.
2 Isaanis erga Refiidiimii kaʼanii booddee Gammoojjii Siinaa seenan; sabni Israaʼelis Gammoojjii sana keessa fuullee tulluu sanaa qubatan.
Walipo ondoka Refidimu na kuja nyikani ya Sinai, walieka kambi mbele ya mlima.
3 Museenis gara Waaqaatti ol baʼe; Waaqayyos tulluu irraa isa waamee akkana jedheen; “Ati mana Yaaqoobiin akkana jetta; saba Israaʼelittis waan kana himi:
Musa akaenda juu kwa Mungu. Yahweh alimuita kutoka mlimani na kusema, “Lazima uiambie nyumba ya Yakobo, watu wa Israeli:
4 ‘Waan ani warra Gibxi godhee fi akka ani itti qoochoo risaa irratti isin baadhee gara kootti isin fide isin mataan keessan iyyuu argitaniirtu.
Uliona nilicho fanya kwa Wamisri, jinsi nilivyo kubeba kwa mabawa ya tai na kukuleta kwangu.
5 Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee,
Kisha sasa, ukinisikiliza kwa utii sauti yangu na kushika agano langu, kisha utakuwa mali yangu ya pekee miongoni mwa watu wote, kwa kuwa dunia yote ni yangu.
6 isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.”
Utakuwa ufalme wa kikuhani na taifa takatifu langu. Haya ni maneno wapaswa kuwaambia Waisraeli.
7 Museen deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf Waaqayyo isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse.
Hivyo Musa akaja na kuwaita wazee wa watu. Aliweke mbele yao maneno yote haya Yahweh aliyo muamuru.
8 Jarri hundinuus afaan tokkoon, “Nu waan Waaqayyo jedhe hundumaa ni goona” jedhanii deebisan; Museen immoo waan jarri jedhan deebisee Waaqayyotti fide.
Watu wote walijibu pamoja na kusema, “Tutafanya yote Yahweh aliyo tuambia.” Kisha musa akaja kutoa taarifa ya maneno watu kwa Yahweh.
9 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka sabni kun anaa si wajjin dubbatu dhagaʼee yeroo hunda si amanatuuf kunoo ani duumessa yabbuu keessaan gara kee nan dhufa.” Ergasiis Museen waan sabni sun jedhe Waaqayyotti hime.
Yahweh akamwambia Musa, “Nitakuja kwako kwa wingu nene ili watu wasikie ninapo sema na wewe na wakuamini milele.” Kisha Musa kamwambia Yahweh maneno ya Yahweh.
10 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Gara sabaa dhaqiitii harʼaa fi bori isaan qulqulleessi. Akka isaan wayyaa isaanii miiccatanii
Yahweh akamwambia Musa, “Nenda kwa watu. Leo na kesho lazima uwatenge, na kuwafanya waoshe mavazi yao.
11 guyyaa sadaffaaf qophaaʼan godhi; gaafa sana utuma sabni hundi ilaaluu Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti gad ni buʼaatii.
Kuwa tayari kwa siku ya tatu, kwa kuwa siku ya tatu Yahweh atashuka chini ya Mlima Sayuni.
12 Naannoo tullichaatti saba sanaaf daangaa tolchiitii akkana jedhiin; ‘Isin akka tulluu sanatti ol hin baane yookaan akka qarqara isaa illee hin tuqne of eeggadhaa. Namni tulluu sana tuqu kam iyyuu haa ajjeefamu.
Lazima uweke mipaka kote kuzunguka mlima kwa ajili ya watu. Uwaambie, 'Kuweni waangalifu msiende juu ya mlima au kushika mipaka yake. Yeyote atakaye shika mlima ata uawa.'
13 Inni dhagaadhaan haa tumamu yookaan xiyyaan haa waraanamu; harki tokko iyyuu isa hin tuqin; horiis taʼu namni akka jiraatu hin eeyyamamuuf.’ Isaan yeroo malakanni utuu gargar hin citin afuufamu qofa tulluutti ol baʼuu dandaʼu.”
Hakuna mkono wa mtu yeyote kumshika mtu huyu. Badala yake, lazima apigwe mawe au kuchomwa mshale. Iwe ni mtu au mnyama, lazima auawe. Tarumbeta itakapo pigwa muda mrefu, wanaweza kuja chini ya mguu wa mlima.”
14 Museen tulluu irraa gara sabaatti gad buʼee saba sana qulqulleesse; isaanis uffata isaanii miiccatan.
Kisha Musa akashuka mlimani kwenda kwa watu. Aliwatenga watu kwa ajili ya Yahweh na wakaosha mavazi yao.
15 Innis saba sanaan, “Guyyaa sadaffaaf of qopheessaa; dubartii biras hin gaʼinaa” jedhe.
Aliwaambia watu, “Kuweni tayari siku ya tatu; msiwakaribie wake zenu.”
16 Ganama guyyaa sadaffaa sana tulluu sana irra bakakkaa, balaqqeessaa fi duumessa yabbuu, akkasumas sagalee malakataa guddaatu dhagaʼame. Warri iddoo qubataa sana keessa jiraatan hundis ni hollatan.
Siku ya tatu, ilipo fika asubui, kulikuwa na ngurumo na radi na wingu nene kwenye mlima, na sauti kubwa ya tarumbeta. Watu wote kambini waliogopa.
17 Museenis saba sana iddoo qubannaatii baasee gara Waaqaatti fide; jarris miilla tulluu sanaa jala dhadhaabatan.
Musa akaleta watu kutoka kambini kukutana na Mungu, na wakasimama miguuni mwa mlima.
18 Tulluun Siinaa hundis sababii Waaqayyo ibiddaan irratti gad buʼeef aaraan haguugame. Aarri sunis akkuma aara boolla ibiddaatii baʼuutti ol baʼe; tulluun sunis guutumaan guutuutti akka malee raafame;
Mlima Sina ulijwa kabisa na moshi kwasababu Yahweh alishuka na moto na moshi. Moshi ulipanda juu kama moshi wa tanuru, na mlima wote ulitikisika kwa vurugu.
19 sagaleen malakataa ittuma guddachaa deeme. Museenis ni dubbate; sagaleen Waaqaas deebii kenneef.
Sauti ya tarumbeta ilipo ongezeka na zaidi, Musa akazungumza, na Mungu kamjibu kwa sauti.
20 Waaqayyo fiixee Tulluu Siinaa irratti gad buʼee Musee gara fiixee tulluu sanaatti ol waame. Museenis ol baʼe;
Yahweh akashuka chini ya Mlima Sinai, juu ya mlima, na akamuita Musa kuja juu. Kisha Musa akapanda juu.
21 Waaqayyo immoo akkana isaan jedhe; “Akka isaan Waaqayyo ilaaluuf jedhanii daarii hin dabarree fi akka isaan keessaas namni baayʼeen hin duuneef gad buʼiitii isaan akeekkachiisi.
Yahweh akamwabia Musa, “Shuka chini na uwaonye watu wasipite kuniangalia, au wengi wao wataangamia.
22 Akka Waaqayyo isaan hin balleessineef luboonni Waaqayyotti dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan.”
Acha pia mukuhani wanao kuja karibu yangu wakitenge - wajiandae kwa ujio - ili nisiwashambulie.”
23 Museen immoo Waaqayyoon, “Sababii ati mataan kee, ‘Naannoo Tullichaatti daangaa dhaabiitii isa qulqulleessiitii addaan baasi’ jettee akeekkachiisa nuu kenniteef sabni kun Tulluu Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe.
Musa akamwabia Yahweh, “Watu hawawezi kuja juu ya mlima, kwa kuwa umetuamuru: 'Eka mipaka kuzunguka mlima na utenge kwa ajili ya Yahweh.'”
24 Waaqayyos, “Gadi buʼiitii Aroonin fidii kottu. Garuu luboonnii fi uummanni gara Waaqayyootti ol dhufuuf jedhanii daangaa hin darbin; yoo kanaa achii inni isaan balleessa” jedhee deebise.
Yahweh akamwambia, Nenda, shuka chini ya mlima, na umelete Aruni na wewe, lakini usiache makuhani na watu kupita vizuizi na kuja kwangu, au nitawashambulia.”
25 Museenis gad buʼee waan kana uummatatti hime.
Hivyo Musa akaenda chini kwa watu na kusema nao.

< Baʼuu 19 >