< Baʼuu 19 >

1 Israaʼeloonni erga Gibxii baʼanii as jiʼa sadaffaa keessa guyyuma itti Gibxii baʼan sana Gammoojjii Siinaa gaʼan.
In the third month after the people of Israel had gone out from the land of Egypt, on the same day, they came to the wilderness of Sinai.
2 Isaanis erga Refiidiimii kaʼanii booddee Gammoojjii Siinaa seenan; sabni Israaʼelis Gammoojjii sana keessa fuullee tulluu sanaa qubatan.
After they left Rephidim and came to the wilderness of Sinai, they camped in the wilderness in front of the mountain.
3 Museenis gara Waaqaatti ol baʼe; Waaqayyos tulluu irraa isa waamee akkana jedheen; “Ati mana Yaaqoobiin akkana jetta; saba Israaʼelittis waan kana himi:
Moses went up to God. Yahweh called to him from the mountain and said, “You must tell the house of Jacob, the people of Israel:
4 ‘Waan ani warra Gibxi godhee fi akka ani itti qoochoo risaa irratti isin baadhee gara kootti isin fide isin mataan keessan iyyuu argitaniirtu.
You have seen what I did to the Egyptians, how I carried you on eagles' wings and brought you to myself.
5 Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee,
Now then, if you obediently listen to my voice and keep my covenant, then you will be my special possession from among all peoples, for all the earth is mine.
6 isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma.”
You will be a kingdom of priests and a holy nation for me. These are the words that you must speak to the people of Israel.”
7 Museen deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf Waaqayyo isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse.
So Moses came and summoned the elders of the people. He set before them all these words that Yahweh had commanded him.
8 Jarri hundinuus afaan tokkoon, “Nu waan Waaqayyo jedhe hundumaa ni goona” jedhanii deebisan; Museen immoo waan jarri jedhan deebisee Waaqayyotti fide.
All the people answered together and said, “We will do everything that Yahweh has said.” Then Moses came to report the people's words to Yahweh.
9 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akka sabni kun anaa si wajjin dubbatu dhagaʼee yeroo hunda si amanatuuf kunoo ani duumessa yabbuu keessaan gara kee nan dhufa.” Ergasiis Museen waan sabni sun jedhe Waaqayyotti hime.
Yahweh said to Moses, “I will come to you in a thick cloud so that the people may hear when I speak with you and may also believe you forever.” Then Moses told the people's words to Yahweh.
10 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Gara sabaa dhaqiitii harʼaa fi bori isaan qulqulleessi. Akka isaan wayyaa isaanii miiccatanii
Yahweh said to Moses, “Go to the people. Today and tomorrow you must set them apart to me, and make them wash their garments.
11 guyyaa sadaffaaf qophaaʼan godhi; gaafa sana utuma sabni hundi ilaaluu Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti gad ni buʼaatii.
Be ready for the third day, for on the third day Yahweh will come down to Mount Sinai.
12 Naannoo tullichaatti saba sanaaf daangaa tolchiitii akkana jedhiin; ‘Isin akka tulluu sanatti ol hin baane yookaan akka qarqara isaa illee hin tuqne of eeggadhaa. Namni tulluu sana tuqu kam iyyuu haa ajjeefamu.
You must set boundaries all around the mountain for the people. Say to them, 'Be careful that you do not go up the mountain or touch its border. Whoever touches the mountain will surely be put to death.'
13 Inni dhagaadhaan haa tumamu yookaan xiyyaan haa waraanamu; harki tokko iyyuu isa hin tuqin; horiis taʼu namni akka jiraatu hin eeyyamamuuf.’ Isaan yeroo malakanni utuu gargar hin citin afuufamu qofa tulluutti ol baʼuu dandaʼu.”
No one's hand must touch such a person. Instead, he must certainly be stoned or shot. Whether it is a person or an animal, he must be put to death. When the trumpet sounds a long blast, they may come up to the foot of the mountain.”
14 Museen tulluu irraa gara sabaatti gad buʼee saba sana qulqulleesse; isaanis uffata isaanii miiccatan.
Then Moses went down from the mountain to the people. He set apart the people to Yahweh and they washed their garments.
15 Innis saba sanaan, “Guyyaa sadaffaaf of qopheessaa; dubartii biras hin gaʼinaa” jedhe.
He said to the people, “Be ready on the third day; do not go near your wives.”
16 Ganama guyyaa sadaffaa sana tulluu sana irra bakakkaa, balaqqeessaa fi duumessa yabbuu, akkasumas sagalee malakataa guddaatu dhagaʼame. Warri iddoo qubataa sana keessa jiraatan hundis ni hollatan.
On the third day, when it was morning, there were thunder and lightning bolts and a thick cloud on the mountain, and the sound of a very loud trumpet. All the people in the camp trembled.
17 Museenis saba sana iddoo qubannaatii baasee gara Waaqaatti fide; jarris miilla tulluu sanaa jala dhadhaabatan.
Moses brought the people out of the camp to meet God, and they stood at the foot of the mountain.
18 Tulluun Siinaa hundis sababii Waaqayyo ibiddaan irratti gad buʼeef aaraan haguugame. Aarri sunis akkuma aara boolla ibiddaatii baʼuutti ol baʼe; tulluun sunis guutumaan guutuutti akka malee raafame;
Mount Sinai was completely covered with smoke because Yahweh descended on it in fire and smoke. The smoke went up like the smoke of a furnace, and the whole mountain shook violently.
19 sagaleen malakataa ittuma guddachaa deeme. Museenis ni dubbate; sagaleen Waaqaas deebii kenneef.
When the sound of the trumpet grew louder and louder, Moses spoke, and God answered him in a voice.
20 Waaqayyo fiixee Tulluu Siinaa irratti gad buʼee Musee gara fiixee tulluu sanaatti ol waame. Museenis ol baʼe;
Yahweh came down on Mount Sinai, to the top of the mountain, and he summoned Moses to the top. So Moses went up.
21 Waaqayyo immoo akkana isaan jedhe; “Akka isaan Waaqayyo ilaaluuf jedhanii daarii hin dabarree fi akka isaan keessaas namni baayʼeen hin duuneef gad buʼiitii isaan akeekkachiisi.
Yahweh said to Moses, “Go down and warn the people not to break through to me to look, or many of them will perish.
22 Akka Waaqayyo isaan hin balleessineef luboonni Waaqayyotti dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan.”
Let the priests also who come near to me set themselves apart—prepare themselves for my coming—so that I do not attack them.”
23 Museen immoo Waaqayyoon, “Sababii ati mataan kee, ‘Naannoo Tullichaatti daangaa dhaabiitii isa qulqulleessiitii addaan baasi’ jettee akeekkachiisa nuu kenniteef sabni kun Tulluu Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe.
Moses said to Yahweh, “The people cannot come up to Mount Sinai, for you commanded us: 'Set boundaries around the mountain and set it apart to Yahweh.'”
24 Waaqayyos, “Gadi buʼiitii Aroonin fidii kottu. Garuu luboonnii fi uummanni gara Waaqayyootti ol dhufuuf jedhanii daangaa hin darbin; yoo kanaa achii inni isaan balleessa” jedhee deebise.
Yahweh said to him, “Go, get down the mountain, and bring up Aaron with you, but do not let the priests and the people break through the barrier to come up to me, or I will attack them.”
25 Museenis gad buʼee waan kana uummatatti hime.
So Moses went down to the people and spoke to them.

< Baʼuu 19 >