< Baʼuu 18 >
1 Yetroo lubichi Midiyaaniitii fi abbaan niitii Musee sun waan Waaqni Musee fi saba isaa Israaʼeliif godhe hunda, akkasumas akka Waaqayyo itti Israaʼelin Gibxii baase dhagaʼe.
Ana nan sai Yetro firist na Midiyan, kuma surukin Musa, ya ji duk abin da Allah ya yi wa Musa da mutanensa Isra’ila, da kuma yadda Ubangiji ya fitar da Isra’ila daga Masar.
2 Erga Museen niitii isaa Ziphooraa ergee booddee Yetroo abbaan niitii Musee, ishee fi
Bayan da Musa ya tura matarsa Ziffora gida, sai surukinsa Yetro ya karɓe ta
3 ilmaan ishee lamaan simate. Maqaan ilma isaa tokkoo Geershoom jedhame; Museen, “Ani biyya ormaa keessatti alagaa taʼeera” jedheeraatii.
da’ya’yanta biyu maza. Ana kira ɗaya Gershom, domin Musa ya ce, “Na zama baƙo a baƙuwar ƙasa”;
4 Kaan immoo, “Waaqni abbaa kootii gargaaraa kooti; inni goraadee Faraʼoon jalaa na baaseera” jechuudhaan Eliiʼezer jedhee moggaase.
ɗayan kuma Eliyezer, domin ya ce, “Allah mahaifina ya taimake ni ya cece ni daga takobin Fir’auna.”
5 Yetroon abbaan niitii Musees niitii Museetii fi ilmaan Musee wajjin gammoojjii keessatti gara tulluu Waaqaa iddoo Museen qubatee jirutti isa bira dhufe.
Yetro surukin Musa tare da’ya’yan Musa da matarsa suka zo wurin Musa a hamada, inda suka kafa sansani kusa da dutsen Allah
6 Yetroonis, “Ani abbaan niitii keetii Yootoor niitii keetii fi ilmaan ishee lamaan wajjin gara kee dhufaa jira” jedhee dhaamsa itti ergee ture.
Yetro ya riga ya aika wa Musa cewa, “Ni surukinka Yetro, ina zuwa wurinka tare da matarka da’ya’yanka maza biyu.”
7 Museenis abbaa niitii isaa simachuuf gad baʼe; gad jedhees harka fuudhee isa dhungate. Isaanis nagaa wal gaafatanii dunkaana seenan.
Sai Musa ya tafi yă taryi surukinsa, ya sunkuya ya yi masa sumba. Suka gai da juna, sa’an nan suka shiga tenti.
8 Museen waan Waaqayyo sababii saba Israaʼeliif jedhee Faraʼoonii fi warra Gibxi irratti hojjete, rakkina karaa irratti isaan mudate hundaa fi akka itti Waaqayyo isaan oolche abbaa niitii isaatti hime.
Musa kuwa ya faɗa wa surukinsa duk abubuwan da Ubangiji ya yi wa Fir’auna da Masarawa domin Isra’ila, da batun wahalolin da suka sha a hanya, da yadda Ubangiji ya cece su.
9 Yetroonis waan gaarii Waaqayyo harka warra Gibxi keessaa isaan baasuudhaan saba Israaʼeliif godhe hundaaf ni gammade.
Yetro ya yi murna da jin duk abubuwa masu kyau da Ubangiji ya yi wa Isra’ila, wajen cetonsu daga hannun Masarawa.
10 Innis akkana jedhe; “Waaqayyo harka warra Gibxii fi harka Faraʼoon keessaa isin baasee fi inni saba sana harka warra Gibxiitii baase sun haa eebbifamu.
“Yabo ga Ubangiji wanda ya cece ku daga hannun Masarawa da na Fir’auna, wanda kuma ya cece mutanensa daga hannun Masarawa.
11 Ani amma akka Waaqayyo waaqota kaan hunda caalaa guddaa taʼe nan beeka; inni warra of tuulummaadhaan Israaʼelin rakkisan irratti waan kana raawwateeraatii.”
Yanzu na san cewa Ubangiji ya fi kowane allah, gama ya yi wannan ga masu girman kai da kuma waɗanda suka wulaƙanta Isra’ila.”
12 Yommus Yetroon abbaan niitii Musee sun aarsaa gubamuu fi aarsaa biraa Waaqaaf fide; Aroonis fuula Waaqaa duratti Musee fi abbaa niitii Musee wajjin buddeena nyaachuuf maanguddoota Israaʼel hunda wajjin dhufe.
Sa’an nan Yetro surukin Musa, ya kawo hadaya ta ƙonawa da waɗansu hadayu wa Allah, Haruna ya zo tare da dukan dattawan Isra’ila, suka ci abinci tare da surukin Musa a gaban Allah.
13 Guyyaa itti aanutti Museen sabaaf murtii kennuuf taaʼe; sabni sunis ganamaa hamma galgalaatti naannoo isaa dhaabate.
Kashegari, Musa ya zauna domin yă yi wa mutane shari’a, sai suka tsaya kewaye da shi daga safe har yamma.
14 Abbaan niitii isaas yommuu waan Museen sabaaf hojjetu hunda argetti, “Wanni ati sabaaf hojjettu kun maali? Ati maaliif kophaa kee teessee sabni kun immoo ganamaa hamma galgalaatti naannoo kee dhadhaabata?” jedhe.
Sa’ad da surukinsa ya lura da duk abin da Musa yake yi saboda mutane, sai ya ce, “Mene ne wannan da kake yi wa mutane? Don me kai kaɗai kake zama kana yin shari’a wa mutane, yayinda mutanen nan suke tsaya kewaye da kai daga safe har yamma?”
15 Museen immoo akkana jedhee deebiseef; “Sabni kun fedhii Waaqaa barbaacha gara koo dhufaatii.
Musa ya amsa ya ce, “Saboda mutanen suna zuwa wurina, don su nemi nufin Allah.
16 Isaan yommuu falmii qabaatanitti dhimma isaanii natti dhiʼeeffatu; anis abbootii dhimmaa gidduutti murtii nan kenna; sirnaa fi seera Waaqaas isaanitti nan hima.”
Duk lokacin da suke da gardama, akan kawo su a wurina, ni kuma sai in raba tsakaninsu, in kuma koya musu dokokin Allah da farillansa.”
17 Abbaan niitii Musee akkana jedhee deebise; “Wanni ati gootu kun gaarii miti.
Surukin Musa ya amsa ya ce, “Abin da kake yi ba daidai ba ne.
18 Atii fi sabni si bira dhufu kun akkasumaan of dadhabsiiftu. Hojiin kunis akka malee sitti ulfaata; ati kophaa kee hojjechuu hin dandeessu.
Kai da dukan mutanen da suke zuwa wurinka za ku gajiyar da kanku. Aikin ya fi ƙarfinka; ba za ka iya yinsa kai kaɗai ba.
19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda.
Ka kasa kunne gare ni yanzu, zan ba ka shawara, Allah kuma yă kasance tare da kai. Kai za ka zama wakilin mutane a gaban Allah, ka kuma kawo gardamansu gare shi.
20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi.
Ka koya musu dokokinsa da farillarsa, ka kuma nuna musu hanyar rayuwa da ayyukan da za su yi.
21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu.
Amma ka zaɓi mutane masu iyawa daga dukan mutane, maza masu tsoron Allah, amintattu, masu ƙin rashawa, ka sanya su shugabanni na dubbai, ɗari-ɗari, hamsin-hamsin da goma-goma.
22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii.
Bari waɗannan mutane su sassanta mutane a kan ƙananan matsaloli, amma kowace babban matsala, ko bukata ta musamman, sai su kawo wurinka, ƙananan matsaloli kuma sai su yanke hukuncin da kansu. Ta haka ne za su taimaka wajen ɗaukan nauyin jama’a, don su sa aikin yă zama maka da sauƙi.
23 Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala.”
In ka yi haka, Allah ya umarta za ka iya jimre gajiyar, kuma dukan mutanen nan za su koma gida da murna.”
24 Museenis abbaa niitii isaa dhagaʼee waan inni jedhe hunda godhe.
Musa ya kasa kunne ga surukinsa, ya kuma aikata duk abin da ya faɗa.
25 Innis Israaʼel hunda keessaa namoota dandeettii qaban filatee hooggantoota sabaa, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii isaan godhate.
Ya zaɓi mutane masu iyawa daga cikin dukan Isra’ila, ya naɗa su shugabannin mutane, shugabanni a kan dubbai, ɗari-ɗari, hamsin-hamsin da goma-goma.
26 Isaanis abbootii murtii taʼanii yeroo hunda saba sana tajaajilan; dubbii jabaa Museetti fidan; dubbii laayyoo taʼe hunda immoo ofumaan murteessan.
Suka yi hidimar alƙalanci na mutane a dukan lokaci. Gardandamin da suke da wuya, suka kawo wurin Musa, amma ƙananan batuttuwa, suka shari’anta a tsakaninsu.
27 Ergasiis Museen abbaa niitii isaa geggeesse; Yootooris deebiʼee biyya isaatti gale.
Sa’an nan Musa ya sallame surukinsa Yetro, ya kuwa koma ƙasarsa.